'Naannawa daangaa Badimmmeetti waraanni itti fufeera'-jiraattota

Madda suuraa, Getty Images
Naannawa daangaa Ertiraa irraa fageenya gabaabaa irratti argaman bakkeewwaan Gamhalo fi Nafra jedhamanitti, Roobii fi Kamisa waraanni gaggaaggeeffamaa akka jiru jiraattonni himan.
Waranni kusis humnoota Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti ta'uu jiraattonni kan BBC'tti dubbatan.
Gareen hordoffii walitti bu'iinsaa ACLED jedhamus akka gabaasetti, Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa Kamisa darbe Guhaal Gamhalo to'ateera.
Akkasumas gara daangaa Ertiraatti dhiyaachaa jiraachuu hime.
Guhaal Gamhalo naannoo Shiraaroo darbee, Badimmee utuu hin gahin kan argamu yoo ta'u, naannawa daangaa Ertiraatti baay'ee dhiyaata.
Walitti bu'iinsi Tigraay keessatti jbaatii Fulbaana keessa jalqabee, saffisaan magaalota gurguddoo keessaa bahuun, amma qarqara daangaa qofatti itti fufee jira.
Gabaasni torban darbe ba'e, Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa fi waraanni Ertiraa humnoota isaanii naannoo daangaa irratti dabalaa akka jiran ibsee ture.
ACLED torban darbe gabaasa baaseen, Guhaal Gamhalo iddoowwan waraanni Ertiraa "loltoota hedduu fi meeshaalee waraanaa gurguddoo" itti bobbaase keessaa tokko ta'uu ibsee ture.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Jiraattonni BBC dubbise akka jedhanitti, walitti bu'iinsi Guhaal Gamhalootti Roobii, Sadaasa 25 fi Kamisa, Sadaasa 26 bara 2026 tti, Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay (TPLF) hooggan gidduutti ta'uu himan.
Haa ta'u malee, waraanni Ertiraa asiin dura bakka kanatti, dahannoo qabatanii jiru jedhame, bakka sanaa ba'uu fi dhiisuun isaanii ifa hin taane.
Jiraattonni BBC dubbise akka ibsanitti, Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa halkan Kibxataa naannoo kana, kan magaalaa Badimmee bira jiru seene.
Kana hordofee Roobii ganama Sadaasa 16 irraa eegalee walitti bu'iinsi jalqabuu himaniiru.
Jiraataan kun humnoonni Tigraay gara torban lamaaf naannoo Gamhalo keessa turuu isaanii dubbate.
Akka inni jedhutti, "Roobii sa'aatii sadii irraa eegalee hanga sa'aatii 12'tti walitti bu'iinsi ture. Amma meeshaaleen waraanaa gurguddoon gara keenyaatti dhukaafamu dabalaa dhufaa jira.''
Jiraataan kun abbaa ijoollee afur yoo ta'u, sababa walitti bu'iinsa kanaan maatiin isaa guutuun naannicha keessaa baqachuus himate.
Dubartiin Gamhalo jiraattu kan biraan immoo daa'ima ji'a saddeetii qabattee gara bosonaatti baqachuu dubbatti.
Isheen akka jettutti, "Roobii ganama gara sa'aatii lamaatti jalqabe. Qilleensa irraan haleellaan meeshaaleen waraanaa ulfaatoo fi salphaanis ni dhukaafamaa turan.
Sana booda gara lafa bosonaatti baqanne. Dhukaasa malee loltoota ija keenyaan hin argine. Dhukaasni hanga har'a ganamaatti itti fufeera."jechuun Kamisa darbe BBC'tti himte.
Walitti bu'iinsi jalqabuu isaa dura humnoota Tigraay naannicha keessatti arguu ishee kan himtu dubartiin kun, yeroo ammaa gara naannichaatti deebi'uun akka isaan sodaachise ibsite.
"Waraanni yeroo gaggeeffamu deebi'uu sodaanna. Guyyoota muraasaaf haalli yoo tasgabbaa'e, gara Shiraarootti deemuu yaadaa jirra," jette.
Jiraataan naannoo daangaa kan biraa, Biyaaraa jedhamu keessa jiraatu, Roobii barii irraa eegalee kallattii Nafraatiin sagaleen meeshaalee waraanaa ulfaatoo dhaga'amaa turuu BBC'tti himeera.
ACLED odeeffannoo baaseen, Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa fi humnoonni Nageenya Tigraay, kanneen mootummaa federaalaa waliin hojjetan, Guhaal Gamhalo, naannoo Badimmee bira jiru, guutummaatti to'achuu isaanii ibseera.
ACLED akka jedhutti, mootummaa federaalaa naannoo daangaa kana to'achuun kan danda'ame, Roobii galgala irraa eegalee Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti walitti bu'iinsa meeshaalee waraanaa gurguddoo fayyadamuun gaggeeffameen booda.
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa Guhaal Gamhalo to'achuu isaa booda gara naannolee daangaatti dhiyaatan, kanneen akka Giza Tigaarii fi Sembel jedhamanitti socho'uu itti fufuu isaa odeeffannoon agarsiisu akka jiru ACLED marsariitii isaa irratti ibseera.
Hanga ammaatti, walitti bu'iinsa naanno daangaatti gaggeeffamaa jiru irratti waraanni Ertiraa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waliin kallattiin walitti bu'eera kan jedhu ragaan ifa ta'e hin jiru.
Haa ta'u malee, sochiin waraanaa naannicha keessatti mul'atu biyyoonni lamaan gara walitti bu'iinsa waraanaa kallattiitti seenuu danda'u yaaddoo jedhu dabaleera.
Abiy Ertiraa akeekkachiisan, Ertiraan immoo Itoophiyaa himatte

Madda suuraa, PMO
MM Itoophiyaa Abiy Ahmed Kamisa darbe Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti argamuun, mootummaa Ertiraa gareewwan hidhattootaa meeshaalee waraanaa dhiyeessuun deeggaruu himatan.
Abiy, "Shabiyyaa dogoggora sirreeffamuu hin dandeenye keessa kan seenu yoo ta'e, miidhaan isaa Ertiraa irra ga'a," jechuun akeekkachiisan
Akkasumas, mootummaa Ertiraa "diinota Itoophiyaa hidhachiisuu, karaa meeshaaleen waraanaa ittiin dabarfamanii ta'uu fi diinota Itoophiyaa waliin hojjechuu" akka dhaabu gaafatan.
Itoophiyaan fedhii ulaa galaana Diimaa argachuuf qabdu milkeessuuf waraanni akka hin barbaachifnedha Abiy kan dubbatan.
Haa ta'u malee, yoo waraanni uumame, Itoophiyaan injifannoo akka gonfattu amantaa qaban ibsaniiru.
"Waraanni yoo eegale, Itoophiyaan injifattuu ta'uun ishee shakkii hin qabu. Humni isaanif daboo bah yoo jiraatellee walitti ida'amanii yoo dhufan' nun injifatan. Kanaafis qophaa'aa jirra," jechuun akeekkachiisan.
Mootummaan Ertiraa gama isaatiin, himata gareewwan hidhattoota Itoophiyaa deeggaruu isa irratti dhiyaatu ni haala.
Ertiraan Itoophiyaa, maqaa ulaa galaanaa argachuu jedhuun abbaa biyyummaa Ertiraa sarbuun biyyattii weeraruuf karoora qabdi jechuun irra deddeebiin himatti.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaane Gebremeskel dhiyeenya kana bakka bu'oota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi daayirektaroota naannolee waliin mari'achuun himannaa kana irra deebi'anii dhiyeessaniiru.
" Itoophiyaan Ertiraa irratti weeraraa bal'aa banuuf qophaa'aa jirti jechuun dhimma falmiif ykn tilmaamaaf dhiyaatu miti," jechuun bakka bu'oota UN masaraa mootummaa Ertiraa keessatti walga'anitti himan.

Madda suuraa, @hawelti/X
Itoophiyaan buufata galaanaa ''waraanaan qabachuuf murteessiteetti'' jechuun kan himatan obbo Yemaaneen, kaayyoon Itoophiyaan qarqara galaanaa Ertiraa kibbaa guutuu, hanga Odoolota Dahlaakitti jiru, to'achuu ta'uu himan.
Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa akka ibsetti, mootummaa Ertiraa "waraana weeraraa Itoophiyaan labsite akka salphaatti ilaaluu hin danda'u.
Rakkoon kun ofuma isaatiif bada jennee abdachuun, akka Guchii mixiin nyaattu mataa keenya cirracha keessa ruuquu hin dandeenyu," jedhan.
Itoophiyaa fi Ertiraan waggoota sadan darban keessatti qophii waraanaa gaggeessuun turuu isaanii himannaa walirratti dhiyeessaa turan.
Haalli kun biyyoonni lamaan deebi'anii waraana keessa seenuu danda'u yaaddoo jedhu uumeera.
Dhaabbileen idil-addunyaa fi biyyoonni garaagaraas garaagarummaa isaanii mariidhaan akka furan waamicha dhiyeessaa turaniiru.
Itoophiyaan erga baatii Fulbaana darbe irraa eegalee humnoota Tigraay, kanneen Ertiraan deeggaramtu jechuun himattu, waliin walitti bu'iinsa jalqabdee booda, naannolee Tigraay hedduu to'atteetti.
Walitti bu'iinsi kun amma gara naannolee Ertiraa waliin daangaa qooddatanitti babal'ateera.
Kunis loltoonni biyyoota lamaan kallattiin walitti bu'uu danda'u yaaddoo jedhu daran dabaleera.

























