Masirii, Ertiraafi Sudaan waa'ee Galaanaa Diimaafi Gaanfa Afrikaa maal mariyatan?

Ministiirota dhimma alaa Ertiraa, Masiriifi Sudaan (bitaarraa gara mirgaatti)
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Masirii, Ertiraafi Sudaan dhimma nageenya Galaana Diimaafi Gaanfa Afrikaarratti mariyachuu beeksisan.

Ministiironni dhimma alaa biyyoota sadeenii Sambata, Sadaasa 21 Masirii magaalaa Aswaanitti wal-arguuni kan mariyatan.

Ministiirri dhimma Alaa Masirii Badeer Abdullaatii ministiirota dhimma alaa Sudaan Mohidiin Salaamifi kan Ertiraa Osmaan Saalee Masiriitti waamuni kan mariyatan.

Miidiyaaleen Masirii akka gabaasanitti, biyyoonni sadan dhimma Galaana Diimaafi Gaanfa Afrikaarratti kan mariyatan yaa'ii Sixth Aswan Forum on Sustainable Peace and Development jedhu cinaatti.

Biyyoonni sadan dhimma Galaana Diimafi Gaanfa Afrikaarratti mariyachuunsaanii kan dhagahame yeroo muddamni Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti cimetti.

Ministiirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatii fuula X irratti akka barreessanitti, dhimma walabummaa biyyaa, nageenya daangaafi Galaana Diimaa irrati gitasaanii Ertiraa Osmaan Saaleeh waliin mariyataniiru.

Biyyoonni sadan hariiroo bara dheeraa qabaachuu ibsun, dhimmoota waloorratti cimsanii waliin hojjachuuf waliigaluusaanis ibsan.

Biyyoonni kunneen dhimma Galaana Diimaa, nageenyaafi kaan ilaalchisee wal arganii mariyachuunsaanii kun kan jalqabaa miti.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Keessumaa Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas Itoophiyaafi Sudaan gidduu hariiroon laaffataa deemuun gara wal-gaarreffennaatti cehuu hordofee biyyoonni kunneen irra deddeebiin wal-arganii dhimma nageenya waloo, walabummaa daangaafi Galaana Diimaa irratti mariyachuufi waliigaltee garaa garaa waliif mallatteessuusaanii gabaafamee ture.

Onkoloolessa darbe, Masirii, Ertiraa, Somaaliyaafi Sudaan wal-arguun erga mariyatanii booda Labsii El-Alamiin jedhamu waliif mallatteessuu gabaasun keenya ni yaadatama.

Somaaliyaan marii biyyoonni sadan: Ertiraa, Masiriifi Sudaan amma taasisan irratti hirmaachuufi dhiisuu hin baramne.

Biyyoonni sadan mariisaanii ammaa kanaan akkuma kana duraa, dhimma Galaana Diimaa yoo kaasan, nageenyafi tasgabbii naannichaa akkasumas nageenyi imala Galaana Diimarratti taasifamu akka eegamu gochuurratti akka waliin hojjatan ibsan.

Nageenyafi tasgabbii Galaana Diimaa to'achuun kan biyyoota galaanicha daangessanii qofa akka ta'es walii galuu ibsan.

Itoophiyaan Galaana Diimatti bahuuf gaaffii kaasuu hordofee keessumaa Ertiraa waliin muddama waraanaa keessa galtee jirti.

Itoophiyaan akkaataan itti ulaa Galaana Diimatti ishee baasu dhabde "haqa qabeessa miti" jechuun MM Abiy Ahmad dabalatee qondaalonni olaanoon Itoophiyaa irra deddeebin yeroo dubbatan dhagamu.

Gama biraan ammoo waraana Kaaba Itoophiyaatti irra deebiin ka'een wal-qabatee "Masiriifi Ertiraan hidhattoota biyya keessaa gargaaru" kan jedhu komii Itoophiyaan irra deddeebiin dhiyeessituudha.

Biyyoonni lachuu garuu himannaa Itoophiyaa kana "dharaafi maqa balleessidha" jedhu.

Eriraan inumaayyuu, Itoophiyaan himannaa kana akka haal-dureetti fayyadamuun ishee weeraruuf qophaa'aa akka jirtu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti iyyattee turte.