Yoo ol jettee deemte Isnaayipariin mataa si dhahan- Jiraataa Mooyyalee

Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Walitti bu'insi magaalaa daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa iratti argamtu Mooyaleetti Oromoo fi Somaalee gidduutti ka'e erga eegalee gara guyyoota 40 gahuuf deema.

Walitti bu'insi kun Mooyalee qofa osoo hin taanee Areeroo fi Waacile dabalatee aanalee ollaa shan ol keessatti deemaa ture.

Miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataa dhimma kana irratti mootummaan maaliif akka callise akkasumas walitti bu'iinsa Oromiyaa bakka adda addatti deemaa jiruuf furmaatni waaraan akka kennamu paarlamaa irratti kaasaniiru.

MM Abiy dhimma kana irratti ni dubbata jedhamee eegamus bal'inaan deebii hin kennine. Walitti bu'iinsa biyya keessa duuba kan jiru Ertiraadha jechuun quba itti qaban.

Kamisa Sadaasa 26, 2026 Poolisiin Federaalaa magaalicha galanii turan.

Kana hordofees dhukaasni guyyaa tokkoof osoo hin dhagahamiin oolu jiraataan magaalichaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate BBCtti himeera.

'' Har'a galgala kana dhukaasa guddaa tokko qofatu naannoo gumurukaatti dhageenye. Maal akka tahe garuu hin barre,'' jedhe.

''Magaalli dukanooftee jirti. Namni keessaa baqateera. Jiraattonni magaalichaa hedduu rakkataniiru. Har'a erga poolisiin federaalaa galee xiqqoo wayya'' jedhe.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Jiraattootni Moyaalee kuma 50 hanga kuma 60 ta'an kaampii baqattootaa Keeniyaa jiru. Kanneen kuma 700 ta'an ammoo Itoophiyaa keessaa bakkeewwan adda addaa keessatti facaa'anii jiru.

Jimaata darbe dhukaasni akka qabbanaa'ee ture qondaalli Waldaa Qaxxaamura Diimaa BBCtti himani ture.

Haa tahu malee ergasii dhukaasni jalqabuu jiraattonni himaniiru. Jiraataan biraa BBC dubbise akkas jedhan.

''Har'a lola jedhanii boru araara jedhu. Jaarsoliin araaraa gama Oromiyaa fi Somaaleen dhufanii osoo mari'atanii jarri duubaan dhuftee nama haleelti.''

Biiroon mootummaa takkaa banamtee hin beektu. Daldallis guutummaan dhaabbateera.'' jedhan

Torbe kana keessaa yeroo guyyaa xiqqoo akka qabbanaa'uu ta'a, halkan sa'aa afur hanga kudha lamaa ammoo baay'ee hammaata jedha jiraatan kun.

Akka jiraatan kun jedhutti, "ani maatiinkoo gara Keeniyaa baqachuu malee eessa akka jiraniyyuu hin beeku. Gara kaampii baqattootaa galaniiru jedhan.''

Ofii isaa bahuu waan hin dandeenyeef, akkasumas hattuun waan jirtuuf bahuu hin dandeenye jedhee mana isaa Mooyalee jiru keessatti hafuu hime.

Deeggarsa gahaan waan hin jirreef warri baqatee bahelleen rakkoo hamaa keessa jiru jedhe.

Dhaabbanni Fannoo Diimaa Keeniyaas namoonni baqatan hedduu waan ta'aniif deeggarsa gahaa argataa akka hin jirre mirkaneeseera.

Torbe darbe Poolisiin federaalaa haala tasgabbeessuuf dhufan irratti dhukaasni banamee midhaanrraa gahuun bal'innaan dubbatamaa ture.

Garuu mootummaan naannoo Oromiyaas tahe federaalaa waa'ee miidhaa humnoota nageenyaa irras tahe jiraattota magaalichaa lubbuu dhaban irratti waan jedhe hin qabu. Mootummaan namoota lola kana keessatti du'anis lakkoofsaan hin ibsine.

Lolli kun maaliif jalqabe?

Jiraataan magaala Mooyyalee kana dura BBC'n dubbise Obbo Moluu jedhaman walitti bu'insa kanaaf sababa kan tahe dhimma daangaa lafaa tahuu himan.

Guyyaa jalqabaa ''Somaaleetu daangaa Oromiyaa keessa seenuun magaalaa Mooyyalee ganda 02 keessa alaabaa isaanii dhaabe.

Mucayyoo Oromoo tokko [Jaatanii Aagaa] jedhan waan kana mormite jennaan ajjeesanii reeffa isheellee fudhatan'' jedhan.

Lafa isaanii keessa malee kan keenya keessa alaabaa dhaabbachuu hin danda'an.

Kanumaan qeerroo fi uummanni magaalichaa morminaan dhukaasa hamaatti ce'e jedhan.

Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaa Korophichaa, "walitti bu'insi uumame kun kan hin malledha" jedhan. Wal dhabdee kana hammeessuufis humnoota nageenyaa gama naannoo Somaalee himatan.

Kantiibichi walitti bu'insi kun ummata Oromoo fi Somaalee waliin dhalatee, waliin guddatee fi maatii ta'e gidduutti kan uumame ta'uu dubbatan.

Naannoo Somaaleetti kantiibaan magaalaa Mooyyalee Obbo Kulla Ali Abdirahman, ''rakkoon homaayyuu hin turre. Nagaa ture. Ganamuma kaanee waraana keessatti of argine'' jedhan.

''Walitti bu'insichi kan jalqabe dhimma waajjira bulchiinsaa haaraa hundeessine irrattidha'' jedhan Obbo Kullaa Alii.

Wal dhabdichi dhuguma dhimma alaabaa naannoo Somaalee fannisuu irraa ka'uu kan himan kantiibaan kun ''alaabaan keenya yeroo jalqabaaf achitti fannifama miti.

Waajjiraalee baay'eetu baname. Tokkoon tokkoo waajjiraa bira alaabaan ni fannifama. Kan isaan morman waajjira bulchiinsaa banamedha. Alaabaan Somaalee magaalicha keessatti fannifamuu hin qabu jedhu,'' jedhan.

Obbo Kuullaan ''isaan waan Mooyyaalee Somaalee jedhu hin jiru. Magaalaa guutuun kan Oromiyaati jedhu. Mormiin isaanii Mooyyaleen bulchiinsa ollaa lama tahuu hin dandeessu, nu jalatti bulti malee kan jedhudha'' jedhan.

Itti dabaluun magaalittiin waggaa 40 oliif bulchinsa lama qabaachuu himuun gama Oromiyaan warri jiran garuu Mooyyaleen kan keenya, bulchiinsa tokko jalatti buluu qabdi jechaa turan jedhan.

Walitti bu'insi kun erga jalqabee ji'a tokkorra darbeera.