Murteessitoonni maaliif Maanchister Yuunaatiditti hammaatan?

Leenjisaa Maan Yuunaayitid Moorishoyoo Poochetinoo
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tapha lama taphate. Homaa hin mo'anne. Leenjisaa haaraan Maanchister Yuunaayitid Poochetiinoon qormaata guddaatti gale. Tapha jalqabaa irratti Leenii Yooroo daqiiqaa 8 irratti kaardii diimaa argate.

Yuunaayitid taphicha mo'amus Waldaan Murteessitootaa kubba miilaa Ingiliz kaardii diimaan kenname dogogora jedhamuun dhiifama gaafatan.

Yuunaayitid Ispoortiing Liisan waliin morkatee qixa bahe. Galchii injifannuu tahuu kan maltu jalaa haqame. Tiilemaansi balleessaa nama hin amansiifneen kaardii diimaa argate.

Yuunaayitid irratti rukuttaa peenaaliitii lama kenname. Tokko Sane Lamensi deebise. Tokko irratti gale. Karra eegaan kun of eeggannoo dhabuu isaan kubbi harkaa bahe Yuunaayitid irratti gale.

Murteessaan taphichaa Siiman Marsiinaak amma akka malee qeeqamaa jira.

Amaad Diyaaloo osoo galchii hin lakkoofsisiin dura ariifatee afuufuun taphicha dhaabsisisuun isaa akka VAR gidduu galee balleessaa tahuu fi dhiisuu isaa hin ilaalle danqaa taheera.

Taphataan duraan Maan Yuunaayitid Ashilii Yaangi murteesicha yoo qeequ waan akkaan nama qaanessu hojjete jedhe.

Tiilemaansi waan balleessaa hin taaneef jalqab kaardii akeekkachiisaa argatee boodas kaardii dimaan bahuu isaaf sababa taheera.

Maan Yuunaayitid jalaa taphoota shan irratti taphattoonni afur kaardii diimaan dirree keessaa baafamaniiru.

Murteessaan kun galchii Yuunaayitid lakkoofsise VAR ilaalee haqe. Kan Ispoorting Liisban ammoo galchii tahuu murteesse.

Leenjisaan Maan Yuunaayitid miidiyaaleen yeroo gaaffii gaafatan mataa isaa qofa sochoosuun osoo hin dubbatiin dhaggeefaftee bahe.

Yoo miira keessa galee dubbate adabamuu akka malu waan beekuuf dubbachuu irraa of qusate.

Tapha tokko irratti yeroo baay'ee adabamuun waan barame miti. Keenya garuu tapha tokko kana keessatti qofa waan baay'ee adabamne jechuun ergasii ibseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Yuunaayitid tapha caalee qabxii yoo gatu barana al takkaa waan isaan mudate miti. Irra deddeebiin waan kilebicha miidhaa turedha.

Karra eegaan Yunaayitid rukuttaa peenaaliitii jalqaba kenname deebisee sekendii 75 keessatti ammoo ofuma isaa balleessaa hojjechuun ammas Ispoortiing Liisban rukuttaa peenaaliitii argachuun lakkofsisan.

Booda galchii lammaffaan ammoo balleessaa isaan gale. Laamensi dogogora akkasii hojjechuun isa irraa hin eegamu kan jedhe Ashilii Yaangi kilebichi waan isa amanuuf karra eegaa ganna 35 tahe Liidsi irraa fide jedhe.

Toom Hiiton waggaa 40 guuteera. Erga bara 2023 as tapha guddaa irratti hin hirmaanne.

Poochetiinoon dogogorri akkasii kubba miilaa keessatti waanuma mudatudha. Garuu waa'ee itti gaafatamummaa fudhachuu dubbachuu qabna. Yeroo akkasii taphattoonni sarara ittisaa haala gaariin ittisa cimaa kennuufii qabu jedhe.

Poochetiinoon dogogoroota taphattoonni isaanii hojjetan qeeqaniiru. Guyyaa tole jennee hojicha fudhanne irraa eegaluun kileba kana fooyyessuu fi qabxii galmaa'uuf itti gaafatamummaa fudhachuuf qophii turre jedhe.

Leenjisichi tapha kana mo'achuu qabna ture. Taphas caallee ture jedhe.

Shaampiyoonsi Liigii keessatti sadarkaa 19ffaa irra jiru. Carraa sadarkaa tokkoo hanga saddetii keessa galanii darbuu hin argatan taanaan 24 keessaas bahuu malu. Taphni itti aanu RB Leepzhiig waliin taha.

Walumaa galatti taphoota 13 keessaa tokko qofa mo'ate. Ji'a Amajjiitti taphattoota sarara ittisaa mallattessisuu akka danda'u himamus baajata kilebichi qabu garuu paawondii miliyoona 50 gadidha.

Maan Yuunaayitid tapha Piriimer Liigii itti aanu Bireentfoord waliin qaba. Kilebni kun yeroo hedduu itti ulfaata. Poochetinoon injifannoo jalqabaa argachuu barbaada.