Loltoonni biyyoota alaa Somaaliyaa keessaa bafaamaa jiru, Al-Shabaab biyyatti to'achuu danda'aa?

Loltoota uffata waraanaa uffatan
Ibsa waa'ee suuraa, Xiinxaltoonni tokko tokko humnoonni nageenyaa Somaaliyaa deeggarsa alaa malee nageenya biyyattii to'achuu dadhabuu malu jedhanii sodaatu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Somaaliyaan yeroo ammaa qormaata haaraa tasgabbii ishee irratti mudachuu danda'u keessa jirti.

Humnoonni alaa biyyattii keessaa bahuu jalqabuun, wal-dhabdeen siyaasaa hammaachaa jiru fi sochiin Al-Shabaab, garee Al-Qa'iida waliin hidhata qabu hammaachuu danda'a yaaddoo jedhu uumera

Al-Shabaab, kutaalee Somaaliyaa hedduu keessa to'atee jira. Gama biraan ammoo filannoon waligalaa kallattiin ummanni filachuuf karoorfame hammumarraa mormiin itti cimeera.

Humnoonni waraanaa biyyoota alaa biyyattii keessaa bahuu jalqabanus deeggarsi maallaqaa fi hanqinni humnoota nageenya biyyatti irratti dhiibbaa uumuu mala jedhamee sodaatamaa jira.

Rakkooleen walitti aanan kunneen mootummaa Somaaliyaa garee hidhattoota Islaamummaa Al-Shabaab irraa of ittisuu fi qoqqoodinsa gareewwan siyaasaa biyyattii to'achuu ni danda'aa kan jedhu gaaffii kaaseera.

Xiinxaltoonni tokko tokko haalli kun, hidhattoota caalaatti jabeessuu fi dhuma irratti magaalaa guddoo biyyattii, Moqdishoo, to'annoo Alshabaab jala oolchuu danda'a jedhanii sodaatu.

Al-Shabaab, humnoonni Gamtaa Afrikaa (AU) gara kuma 12 mootummaa Somaaliyaa deeggaruuf biyyattii keessa jiranis, amma iyyuu kutaa biyyattii bal'aa to'atee jira.

Loltootni Ugaandaa, kanneen Gamtaa Afrikaa jalatti loltoota hedduu Somaaliyaa keessatti bobbaasan ji'a darbe biyyattii keessaa bahuu jalqabaniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Yugaandaan bara dhufu keessa humnoonni ishee guutumaan akka bahan eegama.

Itoophiyaanis, biyyoota hojii Gamtaa Afrikaa deeggaran keessaa tokko yoo taatu, humnoota waraanaa gara 3,000 Somaaliyaa keessaa baasuuf akka karoorfatte gabaafameera.

Itoophiyaan humnoota 2,500 ergama Gamtaa Afrikaa jalatti hayyamaman, akkasumas humnoota gara 5,000 waliigaltee biyyoota lamaanii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti taasifameen bobbaafaman qabdi.

Humnoonni baafamuu jedhame kun kutaa Gamtaa Afrikaa jalatti kanneen bobbaafaman yookan kan waliigaltee biyyoota lamaaniin ta'uu waanti ibsame hin jiru.

Ameerikaan duraan maallaqa Waajjira Deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa (UNSOS) irraa hir'isuuf murteessuu beeksistee turte.

Haa ta'u malee, yeroo booda deeggarsa kana waggaa tokkoof dheeressuu ishee ibsiterti.

Deeggarsi waraanaa haala hin mirkanoofne keessa wayita jirutti mootummaa Somaaliyaa rakkoolee jiran waliin nageenyaa biyyattii of danda'anii eeguuuf qophaa'oo ta'uu isaanii irratti shakkii kaaseera.

Al-Shabaab dhiheenya haleellaa tokko keessatti loltoota Somaaliyaa sadarkaa olaanaa qaban dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuu isaa erga dubbatee booda yaaddoon kun caalaattuu dabaleera.

Mootummaan Somaaliyaa haleellaa sana mirkaneesseera; ta'us lakkoofsa namoota du'anii ykn madaa'anii hin ibsine.

Ba'iinsi humnoota alaa Moqdisho, akkuma bara 2021tti humnoonni Ameerikaa fi NATO Afgaanistaan keessaa ba'an booda Talibaan aangoo qabate, harka Al-Shabaab seenuuf saaxiluu danda'a jechuun cinxaltootni kan akeekkachiisa jiran.

Loltuu uffata waraanaa uffatee fi harka isaa irraa alaabaan Yugaandaa mul'atu
Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Yugaandaa jalqaba bara 2007 gara Somaaliyaatti bobbaafaman

Somaaliyaan kanaan dura mootummaa giddugaleessaa dhabdee turte.

Bara 1990moota jalqabaatti gareewwan finciltootaa gosaan hundaa'an kallattii garaagaraatiin Moqdishootti duulanii, Pirezidantii yeroo sanaa, Mohaammad Siyaad Barre, aangoorraa buusan.

Kun waraana keessaa fi rakkoo namoomaa cimaa fidaa ture; kufaatiin dhaabbilee mootummaa immoo gareewwan hidhattoota Islaamummaa, Al-Shabaab dabalatee, dhiibbaa isaanii akka babal'isan haala mijeesse.

Yeroo ammaas haala wal fakkatuun biyyattiin ba'iinsa humnoota alaa booda of dandeessee dandamachuu hin dandeessu jedhu mootummaan biyyatti kuffiseera.

Ministirri Odeeffannoo Somaaliyaa Abdifataah Qaasim Mahamuud loltoonni Somaaliyaa iddoowwan humnoonni alaa keessaa bahan tokko tokko qabataniiru; itti gaafatamummaa nageenyaa dabalataa fudhachuufis qophaa'oo dha jedhan.

Pirezidaantiin biyyattii Hassan Sheek Mohamudis deeggarsa idil-addunyaa akka itti fufu gaafachaa jiru.

Daawwannaa Yugaandaa Sadaasa 23tti taasisan irratti, pirezidantichii fi Pirezidaantiin Ygaandaa Yoweerii Museeveenii hawaasni idil-addunyaa bu'aa nageenyaa Somaaliyaa keessatti argame cimsuuf deeggarsa itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessan.

Somaaliyaa keessaa bahuun loltoota biyyoota alaa kun tasgabbii Somaaliyaa ni diiga jedhanii kanneen hin amannees jiru.

Xiinxaltoonni nageenyaa tokko tokko ammoo deeggarsi waraanaa idil-addunyaa waggootaaf taasifame Somaaliyaan nageenya ishee irratti itti gaafatamummaa guddaa fudhachuuf dhaabbilee barbaachisan akka ijaarrattu gargaareera jedhu.

Ba'iinsi humnoota alaa guddina hanga ammaatti argame madaaluuf carraa ta'uu fi hoggantoonni siyaasaa garaagarummaa isaanii dhiisanii fuuldura biyyattii irratti itti gaafatamummaa akka fudhatan dirqisiisuu danda'as jedhu.

Kanneen biroo garuu yeroo ba'iinsi kun itti gaggeeffamu mijataa akka hin taane akeekkachiisu.

Humnoonni Somaaliyaa Al-Shabaab waliin lolaa, yeroo wal fakkaatutti iddoowwan humnoonni alaa dhiisan qabachuuf yaalaa jiru. Kun Raayyaa waraanaa ammallee ijaaramaa jiruuf hojii ulfaataa dha jechuun ibsu.

Namni gandaa  digamaa tokko keessa deemu
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni Al-Shabab ammallee mootummaa irratti balaa guddaa ta'aniiru

Ji'a kana, Manni Murtii Olaanaa Somaaliyaa bara yeroo aangoo pirezidaantii dheeressuu mormuun murtii dabarse.

Hoggantoonni siyaasaa guyyoota 30 keessatti karoora filannoo irratti waliigaluu, akkasumas ji'oota sadii keessatti filannoo gaggeessuu akka qaban ajaje.

Murtiin kun osoo hin kennamin guyyaa tokko dura, Pirezidaantiin Hassan Sheek Mohamud Abbaa Murtii Olaanaa Baashe Yusuf Ahmed aangoorraa ari'aniiru.

Abbaa murtii fi abbootiin murtii dhimma kana irratti murtii kennan biroon ari'atamuu isaanii ilaalchisee mootummaa Somaaliyaa irratti Manni Murtii Naannoo Baha Afrikaa Taanzaaniyaa keessatti himannaa banuu isaaniis gabaafameera.

Mootummaan Somaaliyaa murtii Manni Murtii Olaanaa kenne fudhachuu dideera.

Kanaafuu, murtiin kun hojiirra ooluu fi dhiisuu isaa irratti shakkiin uumameera.

Deeggarsa humnoonni alaa dhiisan eenyutu bakka bu'a?

Rakkooleen nageenyaa Somaaliyaa deeggarsa maallaqaa idil-addunyaa irratti hirkattummaa guddaa qabaachuunis hammeessaniiru.

Daataan dhiheenya Ministeera Maallaqaa biyyattii baase akka agarsiisutti, deeggarsi maallaqaa arjoomtoota irraa argamu doolaara miliyoona 878.8 ta'u, baajata bara 2026'f karoorfame doolaara biliyoona 1.36 keessaa harka lama keessaa harka tokko ol ta'a.

Haa ta'u malee, ministeerichi ji'oota saglan jalqabaa bara kanaa keessatti deeggarsa kana keessaa doolaara miliyoona 314 qofa argachuu ibseera. Kunis deeggarsa waggaa guutuu eegamu keessaa dhibbeentaa 35 qofa dha.

Deeggarsi waraanaa biyyoota tokko tokko irraa hir'achaa jiraatus, biyyoonni biroon waliigalteewwan biyyoota lamaanii fi deeggarsa itti fufuun qaawwa uumame guutuu danda'u kanneen jedhanis jiru.

Turkii, Qaxar fi Masriin gumaacha waraanaa fi maallaqaa Yugaandaa fi Ameerikaa saffisaan bakka bu'uu danda'u?

Somaaliyaan deeggarsa alaa irratti hirkattummaa guddaa qabaachuun, biyyoonni michuu ta'an dursa isaanii yeroo jijjiiratan biyyattiin salphaatti miidhamuu akka dandeessu taasisa, jedhu xiinxaltootnni.

Hirkattummaan kun hariiroo Somaaliyaan mootummaa biyyoota alaa tokko tokko waliin qabdu akka caalaatti dhiphatus gumaacheera.

Dooniin alaabaa Turkii fi Somaaliyaa waliin qabdu buufata doonii tokkotti buufata
Ibsa waa'ee suuraa, Somaaliyaan deeggarsa biyya alaa irratti hirkattummaa guddaa qabaachuu isheetiin qormaanni ishee daran hammaataa jira

Somaaliyaan UAE'n gareewwan hidhatan maallaqaan deeggaruu fi abbaa biyyummaa biyyattii laaffisuun himatte.

Himannaan kun wal-dhabdee haaraa biyyoota lamaanii gidduutti uumame yoo ta'u, UAE dhimma nageenyaa fi dinagdee Somaaliyaa keessatti fedhii guddaa qaba.

UAE'n himannaa kana haaluun, Pirezidaantii Somaaliyaa irratti deebii kenniteetti.

Pirezidantiin Somaaliyaas "pirezidantii aangoorraa bu'uuf jiru" jechuun waamaniiru, kunis wal-dhabdee yeroo aangoo isaa irratti jiru kan agarsiisu dha.

Biyyoonni lamaan kun jalqaba bara kanaa hariiroo dipilomaasii isaanii addaan kutaniiru. Haa ta'u malee, Arab Imaareet yeroo dheeraaf michuu nageenyaa fi dinagdee Somaaliyaa taatee turte.

Wal-dhabdeen kun hariiroo Somaaliyaan michoota alaa nageenya, maallaqaa fi deeggarsa siyaasaa irratti itti hirkattee waliin qabdu hammam walxaxaa akka ta'e agarsiisa.

Yeroo ammaa Somaaliyaan hojiiwwan walxaxaa hedduu wal faana raawwachuu qabdi. Isaanis finciltoota yeroo dheeraaf mootummaa waliin lolaa turan ittisuu, fedhii gareewwan siyaasaa wal faallessan madaaluu fi adeemsa filannoo irratti waliigaltee qopheessuu dha.

Kun hundi yeroo michoonni waraanaa ishee tokko tokko biyyattii keessaa bahuuf qophaa'anitti raawwatamaa jira.

Somaaliyaan dhiibbaa kana hundaa tasgabbii dhabuu haaraa malee dandamachuu dandeessi moo hin dandeessu jechuun gaaffii deebii isaa ammallee hin arganne ta'ee jira.