Eertiraa waliin nagaa barbaanna, garuu qaama biraa dabalatanii dhufan iyyuu ni mo'anna- Abiy Ahimed

MM Abiy Ahimedii fi Isaayas Afawarqii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo daangaa Itoophiyaa fi Eertiraatti muddamni hammaateera.Gama lamaaniin loltoonni gara daangaatti geeffamaa jiraachuu ragaaleen agarsiisu.

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed garuu har'a Paarlaamaa irratti Eertiraa waliin wal waraanuu hin barbaannu, karaa marii nagaa hulaa galaana diimaa argachuu barbaanna jedhan.

''Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf jecha Eertiraa hin weerartu. Weera hin barbaannu. Karaa nagaa milkeessuu barbaanna. Mootummaan Ertiraa waan kana beekuu qaba'' jedhan Dr Abiy Ahimed.

Waggoota sadan darban Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu akka qabdu cimsanii ibsaa kan turan Dr Abiy Ahimed biyyoota waraanaan osoo hin taane karaa nagaa hulaa galaanaa argatan akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Joordaanii fi Sawud Arabiyaan mari'atanii Joordaan hulaa galaanaa argatte. Nuyis haala akkasiin argachuu barbaanna. Adeemsuma Joordaan fa'aa argatteen gaafanne.

Iraaq jalqaba hulaa galaanaa hin qabdu ture. Booda garuu argatteetti. Ingilaanditu akka argataniif isaan gargaaraa ture. Waliigalteen akkasii qabatamaatti jira. Nuyis kanuma gaafanne jedhan.

Poolaandi illaa akkasuma hulaa galaanaa akka hin qabnee fi booda Jarman irraa akka argatte caqasan.

''Kuni waliigaltee kennanii fudhachuuti'' jedhan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

MM Abiy waraanatti galuu akka hin barbaanne irra deddeebiin ibsanis yoo waraanni Eertiraa wlaiin kan ka'u yoo tahe garuu Itoophiyaan akka injifattu ibsan. Eertiraan deeggarsa biyyoota alaa eeggachuu hin qabdu jedhan.

''Yoo waraanni ka'e qaamni tokkollee Eertiraa gargaaruu dhufu jira jedhee hin yaadu. Gorsi koo waraanni nu hin barbaachisu kan jedhudha. Yoo ka'e garuu shakkii tokko malee mo'anna. Eertiraa qaamni oolchuu danda'u hin jiraatu'' jedhan.

''Yoo fedhii nagaa qabaatan Galaanni Dimaan nu gaha. Waliin itti fayyadamna. Waggaa 30 guutuu daandii asfaaltii Kiiloo meetira tokko kan itti hin hojjennee fi itti fayyadamtee hin beekne itti hin fayyadamtan jechuun ishee gatii hin qabu. Isaanis haa fayyadaman. Nuyis itti haa fayyadamnu'' jedhan MM Abiy Ahimed.

Dabalataan biyyoota naannoo Galaana Diimaa Itoophiyaa qofaatti hanbisuuf yaalan himataniiru.

Hulaa galaanaa fi qilleensaa irraa Itoophiyaa ittisuun naannichatti nagaa hin fidu. Afrikaa keessas qilleensarraa fi hulaa galaanaa irraa Itoophiyaa daangessuun hin danda'amu. Kuni abjuudha,'' jedhan.

Muddamni Eertiraa waliinii kan hammaate erga bara 2022 Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti waliigalteen Piriitooriyaa mallattaa'ee tahuu MM Abiy himaniiru.

Waliigaltichi waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaa oliif turee fi lubbuu kuma dhibbaan lakkaa'amu gaalafatetti xumura godhee ture.

''Wal dhabdeen kan eegale yerooma waraanni itti fufee jiruttidha. Loltoonni Eertiraa Tigiraay galanii dargaggoota ajjeesuu jalqaban. Warshaalee saamaa turan. Uummaticha irratti haloo qaban bahachuuf qabeenya mana namaa keessaa, mana barumsaa keessaa saamaa turan'' jedhan.

Ergamaa addaa isaanitti erginee uummata keenya hin ajjeesiinaa jenne. Booda yeroo Waliigalteen Piriitooriyaa mallattaa' u mootummaan Eertiraa hin gammanne ture jedhan MM Abiy.

Ergaan isaaniif qabu inni jalqabaa hidhattoota Itoophiyaa keessaa meeshaa waraanaa hidhachiisuu dhaabaa kan jedhudha. Dhaabuu qabu. Kan lammataa misoma waloof wal taanee haa hojjennu kan jedhudha jedhan.

Yoo kanaan ala gara waraanaatti qajeelan garuu miidhaa guddaan isaan irra gaha jedhan. Humna waraanaa Itoophiyaa haalaan ijaaruu kan ibsan MM Abiy Eertiraa miti osoo qaama biraa ida'atanii dhufaniyyuu ni mo'anna. Isaafis qopoofneerra jedhan.

Uummanni Eertiraa kuma 100 ol Finfinnee jiraachaa jira. Karaa nagaa haga hojjetanitti hin tuqiinaa jenneerra.

Osooma beeknuuti kan eeyyamneefi. Osoo nama kuma dhibba miti nama kudhan Eertiraatti ergine ni eeyyamuufii? TPLF bilbilatnii gaafachuu dandeessu. Hanga ammaa Asmaraa hin galle.

Osoo uummata hanga kanaa biyya gadhiisaa bahaa jenneyyuu kun mataan isaa waraanadha. Dhiibbaa guddaa Eertiraa irratti fida jedhan.