Dhaabbilee basaasaa Ameerikaa irratti haleellaan saayibarii raawwatame

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbilee Basaasaa Ameerikaa Ejensii Odeeffannoo Giddugaleessaa Ameerikaa (CIA) fi Waajjira Daarektara Odeeffannoo Biyyaalessaa (ODNI) irratti haleellaan saayibarii raawwatame.
Haleellaa kanaan odeeffannoo muraasni garuummoo iccitii hin taane saaxilame jedhame.
Dhaabbileen nageenyaa Ameerikaa, lamaan kunneen sirna saayibarii isaanii keessatti haleellaan raawwatamuu fi odeeffannoon tokko tokko saaxilamuu isaanii adda baasaniiru.
Gabaasni kun jalqaba The New York Times’n ba’e; Rooyitarsi immoo namni dhimma kana beeku tokko odeeffannoo kana mirkaneessuu isaa gabaase.
Odeeffannoon saaxilame maal akka ta’e, eenyu haleellaa kana duuba akka jiru fi miidhaan isaa hammam akka ta’e hanga ammaatti hin ibsamne.
Haleellaan kun sirna odeeffannoo uummataaf banaa ta’e qorachuuf gargaaru irratti raawwatame.
Haleellaa kanaan odeeffannoo iccitii hin taane, kan akka odeeffannoo maddoota uummataaf banaa ta’an irraa walitti qabuun xiinxala nageenyaa keessatti fayyadan bahuun ibsameera.
Akka dhaabbileen nageenya kun jedhanitti haleellaan kun dandeettii hojii murteessaa ykn sirnoota iccitii ta’an irratti gufuu hin geessisne.
Haa ta’u malee 'The New York Times’ odeeffannoon kun dhaabbilee mootummaa Ameerikaa biroo tokko tokko illee haleellaf saaxiluu danda'a jedhe.
Maddoonni Fox News dubbise ammoo haleellaan CIA irratti raawwatame haleellaa FBI irratti torban darbe raawwatame waliin guyyaa tokko ta’uu eere.
Haa ta’u malee, walitti dhufeenyi haleellaawwan lamaan gidduu jiru irratti waanti mirkanaa’ee hin jiru.
Haleellaan kun yeroo dhaabbileen mootummaa Ameerikaa biroo Ministeerri Qonnaa, FBI, Ministeerri Ittisaa fi Ministeerri Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa saaxilamuun himametti ta'e.
Dhimmicha irratti garuu gama mootummaa Ameerikaa irraa ibsi ifatti kenname hin jiru.
