Dhagaan samii lafarratti kufa jedhamee yaaddoo uume boolla haga istaadiyeemii gahu ofirraa qabaachuu barame

Madda suuraa, NASA
Miidhaa walitti bu'iinsa guddaa hawaa keessatti mudatu qorachuuf, xiyyaarri samii tokko astirooyidii bira gaheera.
Kun akka seenaa fiilmii balaa guddaa agarsiisu tokkoo fakkaata. Garuu bara 2022 xiyyaarri samii NASA Dart jedhamu karaa astirooyidii yookaan dhagaan samii irra deemaa ture jijjiiruuf beekaa akka itti bu'u taasifame.
Yeroo walitti bu'iinsichaas xiyyaarri samii sun guutummaatti barbadaa'e. Amma waggaa afur booda, ergamni Dhaabbata Hawaa Awurooppaa (ESA) Hera jedhamu bakka walitti bu'iinsichi keessatti raawwatame qorachaa jira.
Miidhaan hagam ulfaataa tahe akka dhaqabe adda baasuufidha. Suurawwan jalqabaa qorannoo kanaas Roobii kaleessaa yeroo jalqabaaf gadhiifaman.
Astirooyidiin ykn dhagaan samii tarii yoo lafarra kan bu'u tahe miidhaan isaa hagam taha kan jedhu baruuf jecha xiyyaar-samichi akka itti bu'u taasifamee ture.
Qorannoon kun yoo dhagaan samii kun lafarra bu'e akkamiin ittisna kan jedhu irratti xiyyeeffate.

Madda suuraa, ESA
Hogganaa garee qorannoo kanaa kan tahan Paatirik Mikaa'el ergamni Hera bakkichatti ergamuun gaggeeffame miidhaa yeroo walitti bu'insichaa dhaqabe qorachuufi jedhan.
"Boolli ykn bakka dhooqaan sababa walitti bu'iinsichaan uumame haga qaama astirooyidichaa wajjin wal qixa jechuun ni danda'ama. Kun waan nama dinqisiisu dha," jechuun, saayintistii pilaaneetotaa fi miseensa garee qorannoo Hera kan tahan Dr. Sabina Radukan dubbatte.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Dhugumaan maal akka ta'e yeroo jalqabaaf arguun nuuf gammachuu guddaa kenneera. Anis akka nama dhooqa ykn boolla pilaanetota irraa fi walitti bu'iinsa akkasii qoratutti, iddoon kun bareedaadha jechuun danda'a," jette.
Qorannoon bara 2022 keessa taasifame kan jalqabaa, xiyyaar samii NASA kan Dart jedhamu fayyadamuun gaggeeffame.
Xiyyaarri samii kun sa'aatii keessatti kiiloo meetira kuma 22 ta'uun saffisa guddaadhaan astirooyidii Dimorfos jedhamu rukute.
Walitti bu'iinsichi cimaa waan tureef, aaraa fi caccabni irraa faca'e hanga kiiloo meetira kuma 10 dheeratu. Kunis teeleskooppota lafa irraa fi dhaabbilee qorannoo hawaa keessa jiran irratti mul'ateera.
Dimorfos bal'inaan meetira 150 yoo ta'u, kaayyoo qorannoo kanaaf keessaa filatamuun isaa sababii qaba.
Inni astirooyidii lama wal marsanii naanna'an keessaa tokko dha. Astirooyidiin kun dhagaa hawaa guddaa Didimos jedhamu, kan bal'inni isaa meetira 730 ta'u, marsaa jira.
Walitti bu'iinsi sun karaa astirooyidiin xiqqaan sun irra deemaa ture jijjiiruun akka danda'amu agarsiiseera.
Walitti bu'iinsichi dura, Dimorfos astirooyidii guddaa Didimos jedhamu marsuuf sa'aatii 11 fi daqiiqaa 55 fudhata ture. Garuu erga rukutamee booda, yeroo marsaan isaa fudhatu daqiiqaa 33'n hir'ateera.
Kunis qorattoonni saayinsii fi dhaabbilee hawaa, yoo gara fuulduraatti dhagaan guddaan hawaa irraa gara lafaa dhufaa jiraate, karaa isaa jijjiiruun balaa irraa of baraaruun akka danda'amuuf ragaa akka tahe ibsan.

Madda suuraa, NASA/Johns Hopkins APL
Xiyyaarri samii Hera amma astirooyidii sana bira gahee qorannoo isaa gaggeessaa jira. Kunis gaaffilee hedduu qorattoota yaaddessaa turan deebisuuf gargaaraa jira.
Walitti bu'iinsi Dart uume sun bifa Dimorphos qofa hin jijjiirre. Akka inni socho'uus jijjiireera.
"Walitti bu'iinsa Dart dura, Dimorfos akka ji'a ykn addeessa keenyaatti tasgabbaa'aa ture. Fuula isaa isa tokkicha yeroo hunda gara Didimositti naanneessa ture," jechuun Dr Sabina Radukan ibsite.
"Amma garuu haalli isaa guutummaatti jijjiirameera. Baay'ee wal-xaxaa ta'ee naanna'a jira.
"xiyyaar-samii Dart yeroo astirooyidii sana rukutu guutummaatti barbadaa'e. Kanaafis amma astirooyidiin sun haala akkamii keessa akka jiru qorachuun barbaachisa," jechuun Mishel dubbate.
"Inni boolla guddaa uume ta'uu danda'a. Yoo akkas ta'e, boolli sun hammam akka bal'atuu fi hammam akka gadi fagaatu beekuun nu barbaachisa. Akkasumas walitti bu'iinsichi bifa astirooyidichaa guutummaatti jijjiire ta'uu danda'a."
Dhaabbanni Hawaa Awurooppaa (ESA) xiyyaara samii Hera jedhamu fayyadamuun astirooyidii Didimos jedhamu irratti suuraawwan kaaseera. Suuraawwan kun haala fuula astirooyidichaa yeroo jalqabaaf ifatti agarsiisaniiru.
Miseensa garee qorannichaa kan taate Na'oomii Murdok,humni harkisaa (gravity) Didimos irratti argamu isa lafa irratti argamu irraa yeroo kuma afurtama gadi aanaadha jette.
"Haala teessoo wantoota hedduu nama dinqisiisan argineerra. Bakkeewwan dhagaawwan guguddaan guutaman ifatti mul'atu," jette.
Akka isheen ibsituutti, wanti suuraawwan keessatti ifatti mul'atu keessaa inni xiqqaan meetira sadii taha. Kana jechuun dhagaawwan ijaan mul'atan hundi yoo xiqqaate meetira sadii guddatu; gariin isaanii ammoo meetira kudhan gahuu danda'u.
Dhagaawwan kunneen guddinaan konkolaataa fi otobisoota wajjin wal madaalu. Ta'us addunyaa humni harkisaa irratti baay'ee laafaa ta'e irratti argamu.
Qorattoonni waggaa dhufus didmosii fi Dimorfos qorachuu itti fufu.
Ergamni Hera jedhamu kun stirooyidii qorachuuf odeeffannoo murteessaa walitti qabaa Jira.
Ergamni Hera jedhamu astirooyidoota Didimos fi Dimorfos jedhaman irratti qorannoo gaggeessuuf meeshaalee qorannoo hedduu of keessaa qaba. Akkasumas saatalaayitoota xixiqqoo lama, kanneen guddinaan saanduqa kophee fakkaatan, baatee deema.
Saatalaayitoonni kunneen bakka walitti bu'iinsi xiyyaara samii Dart bara 2022 keessatti raawwatame dhiyeenyatti qorachuu danda'u. Boodarra immoo astirooyidii irra bu'uun qorannoo isaanii itti fufu.
Hojiileen murteessaan Hera keessaa tokko ulfaatina astirooyidii Dimorpfos safaruudha. Kunis walitti bu'iinsi Dart karaa astirooyidichaa jijjiiruuf hammam bu'a qabeessa akka ture adda baasuuf gargaara.
Odeeffannoon kun gara fuulduraatti yoo dhagaan hawaa tokko gara lafaa keenyaatti dhufaa jiraate baay'ee barbaachisaa ta'a.
Qorattoonni yeroo sana akkamitti fi humna hammamiin dhagaa sana karaa irraa maqsuun akka danda'amu tilmaamuu ni danda'u.
Piroofeesar Simon Green, saayintistii pilaaneetotaa fi miseensa garee qorannoo Hera akka jedhanitti:
"Yoo gara fuulduraatti astirooyidii biraa lafatti gadi kan dhufu tahe maal akka ta'u tilmaamuuf nu gargaara."
Akka isaanii ibsanitti, amaloota astirooyidichaa safaruun akkana jechuun ni danda'ama:
"Astirooyidii kana karaa isaa jijjiiruuf, xiyyaara samii ulfaatina kana qabu, saffisa kanaan deemu fi yeroo iinni dhufuu malu jechuun shallaguu ni dandeenya. Kunis akka dhagaan hawaa sun Lafaa keenya irraa darbu taasisa."

Madda suuraa, ESA
Astirooyidii guddaan baay'inaan kiiloo meetira tokkoo ol yoo ta'an addunyaa guutuu irratti balaa guddaa geessisuu danda'u.
Garuu astirooyidoonni giddu-galeessaa, kanneen guddinaan Dimorfos waliin wal madaalan, magaalaa guutuu balleessuu danda'u.
Johns Hopkinsi Kaarooliin Ernist jedhamtu qorannoo kana keessattis hirmaachaa jirti.
"Nuti hundi keenya waan daayinosarii irratti raawwate beekna. Wanti sun nu irra akka hin geenye barbaanna,'' jette.
Akka isheen jettetti, yeroo har'aa yaaddoon kun xiqqaadha.
Sababni isaa, astirooyidoonni guguddoon sirna aduu keenya keessatti argaman hundi isaanii adda baafamaniiru; keessaa tokko illee gara Lafaa dhufaa akka hin jirres beekameera.
"Dhagaawwan hawaa xixiqqoonis balaa guddaa hin qaban. Atimoosferiin naannoo Lafaa keenya marsee jiru isaan irraa nu eega," jette.
Haa ta'u malee, astirooyidoota giddu-galeessa ta'an irratti rakkoon jira. Qorattoonni hunda isaanii ammas hin argine.
Yoo keessaa tokko Lafaa rukute garuu ilmaan namaaf balaa geessisuu danda'a. Kanaaf isaan argachuu fi isaanii irratti odeeffannoo guutuu qabaachuun baay'ee barbaachisaa dha. Yoo balaa akkasii dursee beekne, dhaabuu fi karaa irraa maqsuuf ni yaalla," jette.

Madda suuraa, ESA
Saayintistoonni dhagaawwan hawaa (astirooyidoota) irratti odeeffannoo bal'aa walitti qabuuf hojjechaa jiru. Kunis yoo gara fuulduraatti astirooyidiin tokko lafa rukutuu yaale, akkamitti irraa of eeguu akka danda'amu baruuf jedhu.
Kanaaf bara 2027 keessa teeleskooppiin hawaa 'Near-Earth Object (NEO) Surveyor' jedhamu hojii eegaluun astirooyidoota balaa geessisuu danda'an barbaaduu fi hordofuu irratti ni bobba'a.
Qorattoonni astirooyidii 'Apophis' jedhamu, kan dheerinni isaa meetira 450 ta'u, qorachuufis qophiirra jiru.
Yeroo inni bara 2004 keessatti argame, bara 2029 keessa Lafaa rukutuu danda'a jechuun yaaddoon ture.
Garuu qorannoon karaa inni irra socho'u sirriitti waan hubateef, waggoota 100 dhufan keessatti lafa akka hin rukunne mirkanaa'eera.
Bara 2029 keessatti 'Apophis' lafatti bu'uurra kiiloo meetira kuma 32 qofaan lafaa bira ni darba.
Kunis saayintistootaaf astirooyidii tokko dhiyeenyatti qorachuuf carraa ta'e ni kenna.
Qorannoo kanaaf xiyyaarota samii lama ni ergamu. Isaan keessaa tokko NASA irraa kan ta'e Osiris-Apex, inni biraan ammoo Ramses, hojii waloo Dhaabbata Hawaa Awurooppaa (ESA) fi Dhaabbata Hawaa Jaappaan (JAXA) ti.
Qorannoon kun hundi isaanii balaa astirooyidoonni ilmaan namaatti geessisuu danda'an dursee adda baasuu fi ittisuuf taasifamaa jiru.


























