BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Qabxilee ijoo 5 murteen marii biyyaalessaa keessa darbuun Heeraafi Seera ta'u
Erga komishiiniin marii biyyaalessaa waan irratti waliigalame dhiyeessee booda adeemsi ittiin gara heeraafi seeratti jijjiiramu ijoon shan kan armaan gadiiti.
'Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduun hojii paarkingiitti gammadanii jiraatu'
Tibba kana pirezidantii mootummaa naannoo Amaaraa kan turaniifi Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo biyya Ameerikaatti wayita hojii paarkingii (konkolaataa toora qabsiisuun dhaabsisuu) hojjetan mul'isu miidiyaa hawaasaarratti qoodame ijoo dubbii ta'eera.
KALLATTIIN, Tiraamp dhootuuwwan hundi Ulaa Hormuuz keessaa qulqulleeffamaniiru jedhe
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Humnoonni Galaanaa US dhootuuwwan Iraan Ulaa Hormuuz keessa awwaalte hunda qulqulleessuu ibse.
Obasaanjoo fi Hoogganaa TPLF Dabratsiyoon gidduutti maaltu mudate?
Waliigaltee Piriitooriyaa irratti mariisistoota keessaa tokko kan turan pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseegun Obasaanjoo Wiixata kaleessaa ''daawwannaa tasaa'' gara Tigraayitti taasisuu bulchiinsi naannochaa TPLFn hoogganamu ibse.
Loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa eegsisuurra turan lama hidhattoota Sudaan Kibbaan ajjeefaman
Haleellaa ''riphee loltummaa'' hidhattoonni Sudaan Kibbaa raawwataniin loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa eegsisuurratti bobba'anii turan lama ajjeefamuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibse.
Bulchaan aanaa Dagam 'hidhattoota WBO'n' ajjeefaman eenyu?
Shawaa Kaabaatti Bulchaa aanaa Dagam kan tahan Obbo Tafarraa Dasee dilbata kaleessaa waaree booda ajjeefame.
Itoophiyaan lageen biyyasheerratti hidha akka ijaartu ibsuu, Masiiriin komii dhiyeeffachuu itti fufaniiru
Itoophiyaan lageen biyyashee, kanneen gara Abbaayitti yaa'an dabalatee, madda anniisaa elektirikiif akkasumas misooma biyyaaf itti fayyadamuu akka dandeessu wayita ibsitu, Masiriin komii dhiheessiteetti.
Iraan ''qoqqobbii cimaa'' Ameerikaan keessu kamiifuu qophii ta'uu himte
Ameerikaan qoqqobbiin amma Iraan irra keessu kan yeroo kamuu caalaa hamaa ta'uu yoo ibsitu, Iraan ammoo hunda qolachuuf karoorsuu himte.
Netaaniyaahuun Iraan ijoollee isaa keessaa tokko ajjeesuuf akka yaalte dubbate
Ministeerri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Wixata kaleessaa Iraan ijoollee isaanii dhiiraa keessaa tokko ajjeesuuf yaalii goote jechuun himate.
Ameerikaan Sooriyaa tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran jettuun keessaa haqxe
US Wixata Sooriyaa tarree biyyoota shororkeessummaa deggaran jettuun keessaa haqxe. Damaasqoon qormaataa guddaa invastimantii danqetu ka'e jetteen. Hariiroon US fi Sooriyaa eegi mootummaan haaraa dhufee jabaachaa jira.
Dorgommiiwwan daawwachuuf hanga birrii kuma 100 kaffalchiisan akkamiin xiyyeeffannaa namootaa ta'an?
Itoophiyaatti dorgommiiwwan Marshaal Aartii haaraa miti. Leenjistootaa fi maatii Ispoortii biratti waggootaaf waan beekamu. Garuu waggoota 27 darban jaalattoota Ispoortichaa bira darbee hawaasa bal'aa biratti waan xiyyeeffannaa guddaa argate hin turre.
Waraanni Iraan dadhabsiisa jedhame eegalame maal jijjiire?
Rakkoon Waraana Iraan itti fufee jiruu fi bababal'achuu deemuu isaan walqabatee, xiinxaltoonni hedduun gaaffii Baha Giddu Galeessaa keessatti maaltu jijjiirame? jedhu kaasaa jiru. Akkasumas qaamoleen wal waraanaa jiran karaa ittiin waraana kana xumuran qabuu? kan jedhu gaaffii guddaadha.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Dorgommii maarshaal aartii Itoophiyaatti daawwachuuf Birrii 100,000 kaffalchiisu
Qindeesitoonni dorgommii kanaa dorgommiin kuni xiyyeeffannaa akka argatuufi akka beekamuuf miidiyaan hawaasummaa dadammaqiinsa gaarii uumeera jedhu.
Viidiyoo, Dhimmi 'garee Maafiyaa 120 Ambootti ummata dararu' eessa gahe?
Waa'een miseensota garee 'Wanbadee ykn maafiyaa 120' jedhamanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa ijoo dubbii ta'ee ture.
Viidiyoo, Kilabiin Primeer Liigii waancaa mo'achuuf tilmaama argate kami?
Morkiin Piriimiyeer Liigiin bara 2026/27 eegaleera.
Viidiyoo, Marii Biyyaalessaarratti wanti waa'ee Finfinnee hirmaattota 'waldura dhaabsise' maali?
Marii Biyyaalessaa magaalaa Finfinneetti adeemaa jiruurratti dhimmi magaalaa Finfinnee falmii jabaa kaasuu BBC'n odeeffate.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa jedhamtee beekamtii Heera Mootummaa akka argattu yaadni murtoo dhiyaate
Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa ji'a tokkoo oliif ajandaawwan biyyaalessaa mari'achaa turuun yaadota murtoo xumuraa dhiyeesseera.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Sirna cufinsaa Marii Biyyaalessaarratti aanga'oonni maal jedhan?
Sirni cufinsaa Marii biyyaalessaa bakka hirmaattotni 4000 ta'aniifi keessummootni hedduun argamanitti yeroo gaggeeffamu mariin kun bu'ura badhaadhina Itoophiyaa ta'uun dubbatame.
Dhimmi 'Garee Maafiyaa 120 ummata hiraarsu' eessa gahe?
''Garee Wanbadootaa 120'' magaalaa Amboo keessatti gurmaa'uun yakka hojjecha turan 13 irratti qorannoon gaggeeffamuun himanni banamuu Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Dagaagaa Hundumaa BBCtti himan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Waa'ee haleellaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoota 'Faannoon' gaggeeffamee maal beekna?
Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti gaafa Roobii, 19/08/26 haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin lubbuun namootaa darbuu maatiin miidhamtootaa fi jiraattonni aanichaa BBCtti himan.
Itoophiyaa fi Ameerikaan humna ittisaafi nageenyaarratti wal tumsuuf waliigalan
Jilli Raayyaa Ittisa Biyyaa gara Ameerikaatti imale biyyoota lamaan gidduutti "gama humna ittisaafi nageenyaatiin tumsi waliigalaa tarsiimawaa akka hundeeffamuu" danda'uuf waliigaltee raawwateera.
Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Dirree Dhawaa waliigalteen irra ga'ame maali?
Marii biyyaalessaa irratti dhimma magaalota federaalaa jedhamuun kanneen dhihaatan keessaa tokko magaalaa Dirree Dhawaati.
Waa'ee haleellaa diroonii Maqaleetti raawwatame jedhamee maal beekna?
Magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti haleellaa diroonii raawwateen namootarra miidhaan ga'uu aanga'oonni naannochaa himan.
Magaalaa guddoo Itoophiyaafi Oromiyaa kan taate Finfinneerratti maaf falmiin ka'a?
Finfinneen qaama Oromiyaa waan taateef, 'bulchiinsi ishees guutummaatti Oromiyaa jala galuu qaba' kan jedhu ejjannoo cimaa Oromiyaa irraa dhiyaatudha.
Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Finfinnee qabxiileen falmisiisoon ka'an maali?
Yeroo ji'a tokko ta'uuf kan ture mariin biyyaalessaa ajandaawwan dhihaatan saddeet irratti mari'achuun gara xumuraatti dhihaataa jira.
Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?
Tibbana miiidiyaalee hawwaasaa irratti helikooptera waraanaa Itoophiyaati kan jedhame kufee caccabuun dubbii ijoo taheera.
Ispoortii
'Waan Arjantiinaatti ta'e ammallee xiinxalaan jira'- Yoomiif rikardii addunyaa qabate
Fiigicha walakkaa maraatooniin rikardii addunyaa kan qabate Atileet Yoomiif Qajeelchaa, maraatoonii guutuudhaanis sa'atii saffisaa lammaffaa galmeessee jira
Maan Yuunaayitid waan qophaa'e hin fakkaatu- Kaarik garuu tasgabbii qaba
Deeggartoota Maanchister Yuunaayitidiif jalqabbii gaarii hin turre. Hawwiin kan eegaa turan akka isaan barana yaadanitti hin eegalle.
Injifannoon 3-0 Arsenaal tapha jalqabaan argate maal akeeke?
Arsenaal waggoota darban keessa saalfachaa ture Piriimer Liigii kan jalqabe. Jifatee goolii galchuu caalaa ittisee qabxii eegsifatee ba'uu filachaa ture. Barana garuu tapha jalqabaa isaarraa goolii omishuuf kan gale fakkaata. Ittisuu qofaarratti hin xiyyeeffanne, daboon ba'ee haleela.
Gaa'illi Peep Gaardiyoolaa diigamuun isaa fi Maan Siitii hagam miidhee ture?
Sadaasa 2024 Peep Gaardiyoolaan Maanchister Siitii keessa turuuf waliigaltee haaraa mallatteesse. Garuu sababoota adda addaan kontiraata isaa haaressuu dhiisuuf akka ture ifa baase.
Piriimer Liigii Ingiliiz 2026-27: Hireen kilaba isin deeggartanii maal ta'a?
Waqtiin kuni yeroo itti bahii Piriimerliigii Ingiliiz bara 2026/2027 jalqabamuuf jiruu tilmaamuun itti eegalu. Dhimma kubbaa miilaa irratti barreessuun kan beekamu Fiil Maknultii Tilmaamni kaa'e kunooti.
Kophee Warqee mo'achuurratti morkattoota Haalaand baranaa
Erliing Haalaand bara kana Piriimer Liigii keessatti goolii baayyee lakkoofsisuun dursa qabatee Kophee Warqee marsaa afiraffaaf mo'atee seenaa kanaan dura hojjetame qooddachuuf abdachaa jira. Morkattoonni isaa bara kanaa eenyu ta'uu malu?
'Kun bara xumuraakooti' -Ronaaldoon barana soorama bahuufi
Kiristaanoo Roonaaldoon gahumsa olaanaan erga kubba waggoota dheeraaf taphataa turee bara dorgommii kana akka xumureen soorama akka bahu hime.
Arsenaal moo Man Siitii? Waancaan Kominitii Shiildi dorgommii bara kanaaf hagam murteessaadha?
Arsenaal fi Maanchistar Siitiin waggaa sadi booda morkii waancaa Kominitii Shiildiin walitti deebi'an. Tapha har'a sa'atii 11 irratti gaggeeffamuun kilaboonni bara darbe dorgommii Piriimer Liigii 1ffaa fi 2ffaan xumuran ni falmatu.
Arsenaal jifataa beekamaa tokkoofi taphataa sarara gidduu haaraa adamsaa jira
Jijjirraa taphattootaa ho'aa jiruun Arsenaal jifataa beekamaa tokkoofi taphataa sarara gidduu Piriimiyeer liigicha keessa jiru adamsaa jira.
Gimbiin bu'aa bayii akkamii keessa darbee chaampiyoonaa Itoophiyaa ta'e?
Kilabi Kubbaa Miillaa Bulchiinsa Magaalaa Gimbii kilaboota naannolee 40 caalan bira darbuun chaampiyoonaa biyyattii ta'eera.
Kiristaanoo Roonaaldoo jaalallee isaa yeroo dheeraa Joorjinaa fuudhe
Kiristaanoo Roonaaldoo haadha ijoollee isaa Joorjiinaa waliin gara waggaa 10 erga jaalalaan turee ishee fuudhuuf akka jehdu himame.
Maan Yunaayitiditti Aleksi Fergusaniin bakka bu'uuf waliigaleen ture -Joosee Moriinoo
Yeroo Siir Aleeksi Fergusan soorama bahe Maanchister Yuunaayitiditti isa bakka bu'uuf waliigaleen ture jedhe Joosee Moorinihoon.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.










































![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/240/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)






























































