Itoophiyaan xalayaa UN'f barreessiteen 'Eertiraan waan na weerarteef ofirraa ittisuun ala filannoo hin qabu' jette

Min. Dhimma Alaa Itoophiyaa, Dr Geediyoon Ximootiyoos haala yeroo irratti Mana maree Nageenyaa UN'f xalayaa barreessan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos Mana Maree Nageenyaa UN'f xalayaa barreessuun Eertiraan ''daangaa Itoophiyaa cabsitee seenuun weerara raawwatteetti'' jedhan.

Maddi BBC qabiyyee xalayichaa akka nuuf erganitti, xalayaa Dr Geediyoon amma barreessan kun kan jalqabaa miti.

Kana duras yeroo lama xalayaa Mana marichaaf kan barreessan yoo tahu, Waxabajjii 20, 2025 fi Onkoloolessa 2, 2025 xalayaa barreessan keessatti gochaa Eertiraan deddeebitee raawwattu nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa irratti balaa waan qabuuf xiyyeeffannoo akka argachuu qabu barreessuu isaanii yaadachiisuun jalqaban.

''Eertiraan weerara raawwachaa jirti. Itoophiyaan miidhamtuudha. Eertiraan walabummaa Itoophiyaa cabsuun daangaa ishee darbiteetti'' jedha xalayaa ministirichi barreessan.

Amma mootummaa Eertiraa humna waraanaa ishee meeshaa waraanaa gurguddaa hidhate daangaa Itoophiyaa keessa seensifteetti jechuun xalayicha irratti eeran.

''Humnoonni waraanaa Eertiraa daangaa Itoophiyaa hanga KM 3O-60 tahu gara keessatti seenuun godinoota naannoo Tigiraay sadii keessatti argamu'' jedha xalayaa Dr Geediyoon barreessan.

Gochi Eertiraan raawwatte kun seerota bu'uuraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan cabsuu tahuu eeruun ''kun gocha weeraraa ifa ta'edha.

Kanaaf Itoophiyaan mirga seeraan of ittisuu qabdu fayyadamuu dandeessi,'' jedhan.

''Yeroo rakkisaa Itoophiyaan ofirraa ittisuu malee filannoo biraa hin qabne kana keessatti tarkaanfii fudhannu irratti akka nu hubattan, deeggartanii fi nu cina dhaabbattan amanna'' jedha xalayiichi.

Itoophiyaan loltoota Eertiraa Tigiraay jiran irratti haleellaa diroonii raawwachuu jiraattonni himuu AFP gabaaseera.

Itoophiyaan tuttuqqaa mootummaan Eertiraa raawwachaa ture irraa of qusataa turte ibsuun kana booda tarkaanfii of ittisuutti akka ceetu akeekkachiifteetti.

''Eertiraan mootummaa weerartuudha. Itoophiyaan miidhamtuudha. Eertiraan walabummaa fi tokkummaa daangaa Itoophiyaa cabsitee jirti,'' jedha xalayaa Maddi BBC nuuf qoodan.

Mootummaan Eertiraa himannaa Itoophiyaa kana irra deddeebiin haala. Garuu biyyoonni lameen ifatti hariiroo dippilomaasii isaan gidduu ture adda kutuu torban darbe himaniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Jiraattonni naannawa magaalaa Adigiraat humnoonni waraanaa Ertiraa magaalaa Adigraat darbuun gara daandii kallattii Maqaleetti socho'aa jiraachuu himan.

BBC'n jiraattoota naannawa Adigiraat fi Idaagaa Hamus akka dubbisetti loltoonni uffata waraana Ertiraa uffatan konkolaattota hedduun daandii gara Maqaletti geessu qabatanii socha'aa jiru.

Dhimma kana irratti BBC'n mootummaa Itoophiyaarraa odeeffannoo dabalataa argacguuf yaalaa jira.

Ministerri Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Aadde Innaatalem Mallasee humnoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa seenan ''hatattamaan bahuu akka qaban'' Bloomberg'tti himaniiru.

Qondaalli Olaanaan Itoophiyaa, dhiyeenya Komishinera Komishinii Aannisaa Nuukilera Itoophiyaa tahuun muudaman Dr Abrahaam Belaay waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seennan addabbiin Itoophiyaarraa kennamu hamaa ta'uu akeekkachisan.

Eertiraan gochaa ishee kanaaf ''dachaan gatii baasti'' jedhan.

Akka jiraatan tokko BBCtti himanitti loltootni Ertiraa konkolaattoota fe'uumsaa gara 40 ta'uun fe'amanii daandii gara Maqalee gessuurraa qajeelaniiru.

''Har'a ganama wantin arge konkolaattotni loltoota Ertira fe'an 40 ol ta'an naannoo Idaagaa Hamus jedhamuurra agara daandii Maqaleetti wayita seenaniidha. Konkolaataan alattis lafoon daandii gara Maqalee geessurra imalaa turan.'' jedhan.

Jiraatan biraa BBC'n dubbises yaaduma kana deeggaru.

Maddi oduu Faransaay AFP'n jirattootaa magaalaa Addigiraatii fi qondaalota waabeffachuunis akka gabaasetti, loltoonni Ertiraa magaalaa Addigiraat fi naannawa ishee keessatti guyyoota afuriif mul'ataniiru.

Jiraataan naannawa Adigiraat tokko akka AFP'tti himetti, loltootni uffata waraana Ertiraa uffatan daandii guddaa qabatanii gara giddu gala Tigraayitti socho'aa turuu himan.

Kanaanis jiraattootni naannichaa yaaddoo keessa galaniiru.

Dura taa'aan TPLF, Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el ibsa dhiyeenya kennaniin ''waraana kana keessatti qofaa keenya miti. Michoota keenya waliin tahuun waraanna'' jedhaniiru. Garuu ifatti Eertiraa maqaa hin waamne.

Eertiraa, Masirii fi Somaaliyaan torbanuma kana keessa ture dhimma nageenyaa Galaana Diimaa irratti wal tumsuuf waliigaluun, bulchinsichi ammoo biyyoota qarqara galaanaa qaban qofa ilaallata kan jedhan.

Kunis gaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf dhiyeessaa turte kan faallessudha. Eertiraanis Itoophiyaan humnaan hulaa galaanaa argachuuf jecha waraana barbaaddi jechuun himataa turte.

Amma muddamni Eertiraa fi Itoophiyaa gidduu haalaan hammaataa dhufeera.

Ameerikaa, Gamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi kaan biyyoonni ollaa akka Eertiraa fi akkasumas Masiriin dhimma waraana Itoophiyaa keessa akka harka hin galfanneef gaafataniiru.