Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu deemaa jiruu hanga ammaa maal beekna?

Madda suuraa, SM
Erga Fulbaana 23, 2026 kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee ka'ee Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti wal himannaan hammaateera.
Wayita muddamni biyyoota Gaanfa Afrikaa lameen gidudutti hammaatee jirutti loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaan seenuun himamaa jira.
Waraana 2020-2022 ture keessatti waltumsuun humnoota TPLF lolaa kan turan Itoophiyaa fi Ertiraan waraana alanaarratti ammoo faallaa walii goruun muddama hammeessaniiru.
Dippilomaatota walii biyyasaanii keessaa baasuun hariiroo isaanii laaffisoo kan eegalan biyyoonni lameen, yeroo ammaa gidduseentummaan wal himataa jiru.
Waraana Tigraay magaalaa Maqalee fi kutaalee naannochaa adda addaa dabalatee karaa daangaa Affaar fi Amaaraa adeemsifamu keessatti loltoonni Ertiraa hirmaachuu aangawoonni mootummaa fi jiraattonni dubataniiru.
Onkoloolessa 7, 2026 ammoo loltoonni Ertiraa magaalaa Addigiraat keessa darbuun gara kallattii Maqaleetti socho'aa akka jiran jiraattonni magaalattii BBCtti himaniiru.
Ertiraan himannaa gama Itoophiyaan giddu seentummaan irratti ka'u ni haalti.
Jiraattonni magaalota Addigiraat fi Idaga Hamus garuu loltoonni uffata waraana Ertiraa uffatan konkolaataa fe'umsaa 40 ta'uun daandii gara Maqalee geessurra qajeeluu dubbatan.
Jiraataan tokko akka BBCtti himanitti tokkoon tokkoon konkolaattota kunneenii irra loltoota 5-100 ta'antu jiru. Kana malees lafoodhaan gara Maqalee imalaa akka turan ibsan.
Namni sochii loltoota Ertiraa ijaan argu hime tokkos humnoonni Ertiraa konkolaattota fe'uumsaa fayyadamuun, meeshaalee waraanaa gurguddaa qabatanii gara Idaagaa Haamuus kan Addigiraat irraa gara kibbaatti kiiloo meetira 20 fagaattee argamtutti deemaa turuu himeera.
Aangawoonni Itoophiyaa fi Ertiraa maal jedhan?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ertiraan weerara irratti raawwachuu kan himattu Itoophiyaan loltoonni Asmaraa daangaashee gadhiisanii akka ba'an akeekkachiisteetti.
BBC dabalatee miidiyaaleen addunyaa hedduun waa'ee loltoonni Ertiraa Itoophiyaa seenuu gabaasanii guyyaa tokko keessatti Ministirri Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Innaatalem Mallasee dubbiin kun dhugaa ta'uu mirkaneessaniiru.
Qondaalli mootummaa Itoophiyaa kun yaada miidiyaa Bloomberg jedhamuuf kennaniin, humnoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenan ''hatattamaan bahuu akka qaban'' akeekkachiisaniiru.
Ertiraan gamasheen loltoonni ishee daangaa Itoophiyaa darbee seeneera himannaa jedhu kuffisteetti.
Dubbi himaan mootummaa Ertiraa Yamaane Gabramasqal ''kun sochii Itoophiyaan biyya ollaashee irratti waraana banuuf taasiftu keessaa tokko,'' jechuun himannaa kana kuffisan.
Aanga'aan Ertiraa kunis Itoophiyaan Ertiraa weeraruuf adeemaa jirti jechuun himataniiru.
Barreeffama X irratti maxxansaniin ''Ministira Muummee Abiy Ahmad irraa eegalee hanga aangawoonni mootummaa fi qondalonni waraanaa Itoophiyaa sadarkaan jiran akkaataa Ertiraa weeraran irratti hojjetaa jiru,'' jechuun himatan.
''Mirga birmadummaa handaara galaanaatti ba'uuf qaban kabachiisuu'' akkasumas ''humna galaanaa argachuuf'' jecha humna isaanii daangaa handaara galaanaa Ertiraa kallattii kibbaan qubachiisaa jiru jedhan.
Qondaalli Ertiraa kun erga waraanni Tigraay deebi'ee eegalee jeneraalli Itoophiyaa tokko Fulbaana 27 dhimma Ertiraa irratti dubbachuu himan.
Jeneraalli Itoophiyaa kun ''wayita haleellaa eegallu Tigraayitti hin dhaabbannu. Galmi ijoon keenya alaabaa keenya Galaana Diimaarra dhaabuudha,'' yeroo jedhan dhagahamuu ibsan Obbo Yamaaneen.
Himannaan qondaala Ertiraa kun qaama walabaarraa hin mirkanoofne.
''Maqalee qubannee dabarra, galmi keenya dhumaa Asab,'' jedhe jechuun jeneraala Itoophiyaa osoo maqaa hin eerin himatan.
Himannaa fi muddamni biyyoota Gaanfa Afrikaa kunneen gidduutti wayita hammaatee jirutti US, Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoonni fi jaarmiyaaleen idiladdunyaa biyyoonni kunneen muddama hammeessuurraa akka of qusatan dhaamaa jiru.
Gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Itoophiyaa kan ta'an Obbo Geetaachoo Raddaa gamasaaniin oduun loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuu erga dhagahamee booda Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii himataniiru.
Ergaa Facebook isaaniirratti dabarsaniin ''TPLF herrega dogoggoraa raawwachuurraa darbee nama herrega dogoggoraan beekamu Isaayaas Afaworqii waliin michummaa uummachuun badii guddaadha,'' jedhan.
Komishinarri Komishinii Humna Nukilaraa Itoophiyaa Abraham Balaay (PhD) dhiheenya miidiyaa biyyattii waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, loltooni Ertiraa hidhannoo isaanii waliin daangaa Itoophiyaa seenuu fi tarkaanfiin irratti fudhatamuu ibsaniiru.
Ertiraan gochaa ishee kanaaf ''dachaan gatii baasti'' jechuun akeekkachiisan.
Itoophiyaan TPLF dabalatee hidhattoota biyyattii keessa socho'u tumsu jechuun kan himattu Ertiraa qofa osoo hin taane, Masirii fi Sudaan illee ni himatti.
Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Julaa ''humnoonni TPLF, Ertiraa, Masirii fi Sudaan yoo wal ta'an malee gatii hin qaban,'' jedhanii turan.
Tumsa El-Alamiin muddama hammeesse
Waraanni kaaba Itoophiyaa eegalee torban keessatti biyyoonni ollaa Itoophiyaa sadi Masirii waliin tumsa uummachuun dhagahame.
Masiriin biyyoota aangawoota Ertiraa, Sudaan fi Somaaliyaa El-Alamiin keessatti affeeruun walga'ii kora erga gaggeeffatanii booda ibsa waloo baasaniiru.
Keessattuu dhimma Galaana Diimaa fi laga Abbayyaa irratti ejjennoon isaan ibsan Itoophiyaa akkaan mufachiiseera.
Ibsi waloo biyyoota afran kunneenii ''dhimmi Galaana Diimaa biyyoota daangaa galaanichaa qofa ilaallata,'' jedha.
Misoomni fi bulchiinsi laga Abbaay (Naayil) ammoo beekamtii fi marii biyyoota yaa'a gadii irratti hundaa'uu qaba jedha.
Biyyoonni sadeen- Ertiraa, Somaaliyaa fi Masiriin kanaan duras tumsa uummatanii kan turan yoo ta'u, ''yeroo rakkootti akka waliif birmatan'' walii galanii turan.
Tumsi El-Alamiin irratti ammoo Sudaan dabalachun dhimmoota nageenyaa, birmadummaa, tokkummaa daangaa fi dantaa biyyaalessaa irratti akka walbira dhaabbatan waadaa walii galaniiru.
Itoophiyaan gamasheen erga biyyoonni kunneen ejjennoo waloo ibsanii booda ibsa baasteen ''hidhata seenaa fi daangaa lafaa Itoophiyaa fi Galaana Diimaa gidduu jiru,'' eeruun Itoophiyaa moggaatti baasanii dhimma galaana kanaa mari'achuun daba ta'uu himte.
''Qaamni dhugaa seenaa fi daangaa lafaa Itoophiyaa fi Galaana Diimaa gidduu jiru balleessuu danda'u gonkumaa hin jiru,'' jedha ibsi Itoophiyaa.
Akkasumas biyya madda laga Abbayyaa taatee fi laga kanaaf bishaan dhibbeentaa 85 gumaachitu, Itoophiyaa, moggaatti dhiisanii waa'ee Abbayyaa mari'achuun sirrii akka hin taane ibsite Itoophiyaan.
Somaaliyaa waliin dhibdee ture tasgabbeessaa jiraachuu kan ibsitu Itoophiyaan, Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmuud qaama tumsa El-Alamiin ta'uu komatteetti.
Itoophiyaan osoo nageenyaa fi ijaarsa mootummaa Somaaliyaaf gatii guddaa kaffaltee jirtuu biyyattiin tumsa biyyoota faallaa Itoophiyaa dhaabbatanii keessa galuu akka gantummaatti ibsuun miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Miidiyaaleen maal gabaasan?
AFP, Rooyitarsii fi DW dabalatee miidiyaaleen addunyaa waa'ee waraana Kaaba Itoophiyaa fi gidduseentummaa loltoota Ertiraa gabaasaa jiru.
Bloomberg qondaala Itoophiyaa wabeeffachuun gabaasa baaseen loltoonni Eritiraa Tigraay keessa jiraachuu mirkaneesseera.
Maddi oduu Faransaay AFP'n jirattootaa magaalaa Addigiraatii fi qondaalota waabeffachuunis akka gabaasetti, loltoonni Ertiraa magaalaa Addigiraat fi naannawa ishee keessatti guyyoota afuriif mul'ataniiru.
Jiraataan naannawa Adigiraat tokko akka AFP'tti himetti, loltootni uffata waraana Ertiraa uffatan daandii guddaa qabatanii gara giddu gala Tigraayitti socho'aa turuu himan.
Kanaanis jiraattootni naannichaa yaaddoo keessa galaniiru.
Tumsi biyyoonni afran- Masirii, Ertiraa, Sudaan fi Somaaliyaan tolfatanis muddama kana hammeesseera.
Rooyitersi maddoota nageenyaa Masrii lama wabeeffachuun akka gabaasetti walitti bu'iinsi kun gara daangaa biyyoota ollaatti yoo babal'ate, biyyoonni afran hojii waraanaa fi basaasaa isaanii walitti qindeessuuf waliigalaniiru.
Ameerikaa Gamtaa Awurooppaa fi biyyootni kaanis muddamni naannawa kaaba Itoophiyaatti muudate gara walitti bu'iinsa Ertiraa fi Itoophiyaatti hin guddanne waamicha dhiyeessaniiru.




























