Namoonni tokko tokko sababni fedhii qunnamtii saalaa dhabaniif maali?

Dhiiraafi dubartii siree tokkorra ciisaa jiran, inni dhiiraa ilaalaa, isheen dubartii rafaa jirtu.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Fedhiin qunnamtii saalaa xiqqaachuun yookan cirumaa fedhii dhabuun addunyaarratti rakkoo Nama hedduutti qorumsa ta'edha. Ammoo koorniyaa lamaanirrattuu mul'ata.

Rakkoon kuni Yeroo hedduutti qorumsa akka waan saalfachiisaatti kan lakkaa'amuufi iccitii Nama dhuunfaa ta'ee hafa.

Ogeessonni garuu rakkoon kuni haala jijjiirama Baayolojikaalaa fi xiinsammuu kan Nama kamirrattuu Yeroo adda addaatti mul'achuu maludha jedhu.

Madda rakkoo kanaa hubachuun ammoo fala barbaaduu fi hariiroo jaalalaa keessatti walhubannaa gaarii uumuuf tarkaanfii jalqabaati.

Sababootni ijoon namni akka fedhii qunnamtii saalaa akka dhabu godhan kanneen armaan gadiiti.

Sammuun kutaa qaamaa ijoo fedhii jaalalaa dadammaqsudha. Sammuun yoo hin tasgabboofne qaamni Miira dadammaqsuuf hin tumsu.

Kanaaf sababa ulfaatina jiruutiin, rakkoo maallaqaa fi dhiibbaan hojii cimaan namni irra jiru namni dhiphina qabu qaamni isaa Hormoonii Koortisoolii akka maddisiisu godha.

Hormooniin kuni hammeentaan isaa Yeroo baayyatu fedhii qunnamtii saalaa miidha.

Akkasumas namni dhiphina qabuuufi isaan dararamu Yeroo hedduu gammachuu qaamaa qalbii dhaba.

Gama miiraatiin ammoo waldhibdeewwan hariiroo jaalalaa keessa jiran gara fedhii dhabummaatti geessuu mala.

Fakkeenyaaf aarii dhoksame, walamantaa dhabuun Abbaa warraa fi haadha warraa gidduu jiru fedhii jaalalaa haalan miidhu.

Baayolojii fi jijjiirrama Hormoonii

Qaamni namaa jijjiirama keemikaalawaa fi qaamaa yeroo taasisu fedhii qunnamtii saalaa waliin kallattiidhaan walqabata.

Fakkeenyaaf dhiirotarratti hir'achuu hormoonii testestiroonii. Hormooniin kuni keessumaa sababa umriitiin yeroo hir'atu, fedhiin qunnamtii saalaa haalan hir'ata.

Gama dubartootaan ammoo da'umsa dhaabuu fi yeroon Ulfaa kanneen fedhii qunnamtii saalaa hir'isani.

Yeroo ulfaa, da'umsaan booda yeroo harma hoosisan hormoononni Istiroojiinii fi Piroojestitoonii sadarkaa olaanaadhaan hir'atu.

Kunimmoo yeroo qunnamtii saalaa goguu Qaama saalaa fi miira dhukkubbii hordofsiisuu mala. Kunimmoo dubartoonni fedhii qunnamtii saalaa akka dhaban gochuu danda'a.

Rakkoolee fayyaa fi dhukkuboota hundee fageeffatan

Dhiiraa fi dubartii sirree tokkorra jiran garuu addaa adda galagalanii yaadaa jiran

Dhukkuboonni qaama dadhabsiisanii fi sirna narvii fi sochii dhiigaa miidhan fedhii qunnamtii saalaa hir'isuu keessatti qooda guddaa gumaachu.

Dhukkuboonni kunneen: dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee, kaansarii fi rakkoolee Taayirooyidii dabalata.

Qorichootaa fi jijjiirama mala jireenyaa

Yeroo tokko tokko barsiifatoonni guyyuu wantoonni qaama keenya keessatti qabannu qunnamtii saalaa keessatti gammaduu fi fedhii dhabuu irratti dhiibbaa uumuu malu.

Qorichoonni tokko tokko; keessumaa qorichootni dhiphina ittisuuf fudhataman, qorichoonni dhiibbaa dhiigaa fi ittisa ulfaatiif fudhataman fedhii qunnamtii saalaa nihir'isu.

Gama kaaniin sa'aatii dheeraadhaaf hojii hojjechuun qaama dadhabsiisa human qaama keenya keessatti haftu hirriibaaf qofa kan geessudha.

Alkoolii garmalee dhuguu fi tamboo aarsuun sochii dhiigaa fi sirna narvii jeequudhaan fedhii qunnamtii saalaatiif kaka'uu miidha.

Gorsa

Dubartii fuulli ishee waan yaadda'aa jirtu fakkaattu

Fedhii qunnamtii saalaa dhabuun dhuma addunyaa yookan jaalalli dhumuu mallattoo agarsiisu miti.

Waan ta'e tokko sirreessuu akka qabdan ergaa qaama yookan sammuu irraa dhufudha.

Rakkoo kana furuun iftoominaa fi obsa gaafata. Tarkaanfiin jalqabaa walqeequurra jaalallee ofii waliin ifatti mari'achuu fi hubannoo waliinii uumuudha.

Tarkaanfiin lammataa soorata fayya qabeessa soorachuu, sochii qaamaa taasisuu fi boqonnaa gahaa qabaachuun mala jirrenyaa irratti jijjiirama taasisuudha.

Dhumarratti rakkinichi yoo itti fufe qorannoo hormoonii taasisuu yookan gorsa ogeessota fayyaa argachuun barbaachisaadha.