Diigamuu Waliigaltee Piritooriyaa, waraanni irra deebiin kaa'uufi yaaddoo inni qaxanichatti babal'achuuf qabu

Madda suuraa, AFP
Waliigalteen Piritooriyaa waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeeffame dhaabe amma ifatti cabeera. Waliigaltichi qabxiiwwan 15 mootummaan Itoophiyaafi TPLF irratti walii galan kan qabate yoo ta'u, bara 2022 yeroo mallatteeffamu waraanni deebi'ee akka hin gaane taasisa jedhamee abdatamee ture.
Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez, Waliigaltee Piritooriyaa "tarkaanfii jalqabaa murteessaa ta'e" jechuun ibsanii ture.
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF Waliigaltee Piritooriyaa waliif mallatteessanii ji'oota muraasa keessatti hojiirra oolmaa waliigaltichaarratti wal-himachuu eegalan.
Keessumaa waa'ee daangaa naannoon Tigraayifi Amaaraa abbummaaf irratti wal-falmanii, buqqaatota sababa waraanaan qe'eerraa buqqa'an iddootti deebisuufi hidhattoota hiikkachiisuu fa'aa wantoota qaamoleen lamaan gidduutti ataakaaroo uuman keessaa tokkoodha.
Addumatti TPLF bulchiinsa yeroo kan mootummaa federaalaan hundaa'e diiguun bulchiinsa Tigraay dhuunfachuun hariiroo mootummaa federaalaa waliin qabu caalmatti hammeesse.
Torban lama dura hidhattoonni torba mootummaa humnaan aangorraa buusuuf wal-ta'iinsa tolfachuu beeksisan. Walta'iinsi hidhattootaa kun labsamee guyyoota muraasa booda TPLF humnoota mootummaa federaalaa irratti haleellaa bane.
Bara 2022 booda yeroo jalqabaaf ifatti waraanni eegaluurraa kan ka'e Waliigalteen Piritooriyaa hojiin ala ta'e.
Qaamoleen waliigalticha waliif mallatteessan lamaan waliigaltichi kabajamuu dhabuuf quba walitti qabaa turan. Kanneen jaarsummaa taa'uun waliigaltichi akka mallattaa'u godhanis adeemsa hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaa irratti rakkoon akka jiru himu.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Komishinara Komishinii Anniisaa Nikularaa Itoophiyaa ta'uun kan muudaman Abrahaam Balaay (PhD) dhiyeenya miidiyaa biyya keessaa waliin turtii taasisaniin waliigaltichi akka hojiirra hin oolleef danqaa kan ta'e TPLF ta'uu eeruun mootummaan federaalaa waan irraa eegamu hunda raawwachuu himan.
"Waliigaltichi ifatti kan kaa'e inni jalqabaa lola dhaabudha. Kan hanga ammaatti guutummaatti gama keenyaan kan goonedha. Inni lammataa, tajaajilliwwan bu'uuraa bakkatti akka deebi'an goonerra.
Buqqaatota qe'eesaanitti deebisuun hojii walooti malee kan mootummaa federaalaa qofaa miti. Lammiilee Walqaayit irraa buqqa'an akka deebi'an jedhamus, ajandaa siyaasaa ittiin gaggeessuuf akka turan" TPLF gochuusaa himu qondaalli mootummaa kun.
TPLF qoccolloowwana waraana cimaatti nama geessu gochaa akka tureefi mootumman Waliigaltee Piritooriyaa kabajuuf jecha of-qusataa turuus himu.
Dabaluunis, "Hidhannoo hiikkachuu, hidhattoota diiguun hawaasatti akka makaman gochuurra loltoota leenjisuu, meeshaalee galchuu, humnoota biyya keessatti walitti bu'iinsa uuman qofaa osoo hin taane, humnoota alaa waliin ta'uun guyyaa guyyaan Waliigaltee Piritooriyaa cabsaa turan," jedhan.
Gaggeessitoonni TPL ammoo mootummaan federaalaa bajata Tigraay hir'isuu, dhiibbaa diinagdee, barnootaa, fayyaafi tajaajilawwan bu'uuraa heddu naannicharraa hanqise jechuun himataa turan.
'Waliigaltichi TPLF baraarudhumaaf kan taasifame ture'
Waliigalteen Piritooriyaa waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa afur kan ta'uuf akka dhaabbatu taasisus deebi'ee akka hin kaane hanqisuu hin dandeenye. Akkaataan waliigaltichi itti taasifame, qabiyyeen waliigaltichaafi adeemsi waliigalyticha hojiirra oolchuu mataansaa rakkoo akka qabu himu xinxaaltonni BBCn dubbise.
Ogeessa seeraa idiladdunyaafi dippilomaatii duraanii UN kan ta'an Obbo Baayisaa Waaqwayyaa Waliigalteen Piritooriyaa waliigaltee "gam-tokkeeti" jechuun ibsu. Sababni isaan dhiyeessan ammoo qaamoleen lamaan gara Piritooriyaa osoo hin deemin dura dirree waraanaa irratti mootummaan olaantummaa qabaachuun waliigalticharratti dhibbaa uumuu ibsu.
"Akkan ilaalutti mootummaan humna caalaa qaba ture. TPLF ammoo [waliigalticha] fudhachuudhamatu irra ture, kanaan ala filannoo hin qabu ture. Akkan yaadutti warri Ameerikaas TPLF akka baduy hin barbaanne. Warri Lixaa irra jireessi isaanii TPLF wajjin turan," jedhu.
Akka Obbo Baayyisaan jedhanitti waliigaltichi kan mallattaa'e TPLF baduurraa baraaruuf tattaaffii Ameerikaafi warri lixaa taasisaniidha.
"TPLF dhaabudhaaf [baraarudhaaf] akka mallattaa'u godhameeti malee TPLF mootummaa wajjin wal-qixxummaan dhaabatee miti waanti sun [waliigalyichi] kan ta'e jedheen ilaala ani."
Qaamoleen lamaan waliin taa'anii marii cimaa akka hin gaggeessineefi sanadi waliigaltichaatuu durumaan qophaa'ee akka dhaquu hin oolle himu Obbo Baayisaan.
"Waliigaltee kana achi [Piritooriyaa] taa'anii irratti dudubatanii, wal-falmanii waan irratti tokko ta'an irratti yaadan waliigalanii katamabe osoo hin ta'in, sanadiinumti suni mataansaa duruma qophaa'ee waan dhaqe natti fakkaata," jedhan.
Yuunivarsiitii Tireestitti Pirofeesara Hariiroo Idiladdunyaa kan ta'an Firederikoo Doneelii Waliigalteen Piritooriyaa waraanni akka dhaabatu godhus, waliigaltichi qophaasaa furmaata siyaasaa akka hin taane BBCtti himan.
"[Waliigaltichi] waraana guddaa bara 2020-2022tti Tigraayitti mancaatii guddaa qaqqabsiisee dhaabsisuu danda'ee ture. Garuummoo waliigaltichi qophaansaa furmaata siyaasaa waan hunda of keessatti hammatee miti. Kaayyoonsaa waliigaltichi hojiirra oolfamee adeemsa siyaasaa bal'aaf haal-duree uumuu ture," jedhan.
Dhaabbata fricans for the Horn of Africa jedhutti qorattuu dhimma Nageenyafi Tasgabbii kan taate Isteellaa Ndiraanguu, Waliigalteen Piritooriyaa akka hojiirra hin oollef sababa ijoo kan ta'e akkaataa waliigaltichaan humnoonni Raayyaa Ittisaa hin taane Tigraay keessaa bahuu dhabuu akka ta'e himti.
"Utabaa waliigaltichaa kan ta'eefi hamma tokko hojiirra oolee ture nagaadha. Kan biraa ijoon humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaan alaa Tigraay keessaa akka bahan kan jedhu ture. Humnoonni kunneen osoo hin bahin Raayyaan Ittisa bahe," jetti.

Madda suuraa, Reuters
'Mootummaafi TPLF waliigaluun humnoota biroo waraanicharratti hirmaatan dheekkamsiise'
Waliigaltee Piritooriyaa kan waliif mallatteesse mootummaa fedraalaa Itoophiyaafi TPLF qofaadha. Waraanicharratti kan hirmaate ammoo yoo xiqqaate isaan dabalatee yoo xiqqaate qaamolee afuriidha.
Humnoonni Amaaraafi Ertiraan waraanicharratti mootummaa federaalaaf tumsa bahuun TPLF lolaa turan Waliigaltee Piritooriyaa keessatti hin hammatamne.
Humnoonni qaama waraanaa ta'an hundi waliigalticha keessatti hirmaachuu dhabuun, hojiirra oolmaa waliigaltichaarratti dhiibbaa guddaa akka uume himti Isteellaan.
Kuni ammoo humnoota waraanicharratti isa duuka hiriiran waliin akka walitti isa buuse himti.
"Mootummaafi TPLF gidduutti waliigalteen mallattaa'uun mootummaa federaalaafi humnoota waraana Tigraay irratti isa gargaaran gidduutti mufii kaase. Kana hunda keessatti waanti mudate tokko, humnoonni kunneen mootummaa federaalaa irratti tokkummaa godhachuudha. Humnoonni kun amma "Walta'iinsa Of Baraaruu" jechuun labsataniiru," jechuun sababa Waliigalteen Piritooriyaa rakkoo horateef kaasti.
Waliigaltee Piritooriyaa booda, dhimmi Lixa Tigraay dubbii ijoo TPLFfi mootummaa gidduutti ataakaaroo uumedha. Bara 2020 yeroo waraanni eegalu, Lixi Tigraay humnoota Amaaraan qabame. Kanarraa kan ka'e namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'eesaanirraa buqqaa'uun kaampiwwan baqattootaa keessafi bakkeewwan garaa garaa jiraatu.
Bakki humnoota Amaaraan qabame akkaatuma Waliigaltee Piritooriyaan bulchiinsa Tigraay jalatti deebi'uu qaba kan jedhu TPLF irra deddeebiin dhimma ittiin mootummaa federaalaa himatuudha.
Mootummaan federaalaa ammo buqqaatonni akka hin deebine kan danqe TPLFdha jechuun eegereen lixa Tigraay murtee uummataan furmaata akka argatu irra deddeebiin ibsaa ture.
Kanaan wal-qabatee Waliigalteen Piritooriyaa of danda'ee kan hin dhaabbanneefi garaagarummaa siyaasaa mootummaa federaalaafi TPLF gidduu jiru furuuf dandeettiin inni abus laafaa ta'uu kaasu Fireedirikoo Doneelii.
"Waliigaltee Piritooriyaa gaafa ilaallu, humnoota Faannoo dabalatee humnoonni naannoo Amaaraafi Ertiraan, nageenya naannichaa murteessoo keessatti kanneen qooda qaban, Waliigalticha keessatti hin hammatamne," jechuun hojiirra oolmaa Waliigaltichaaf qormaata ta'uu kaasu.
Itti dabaluunis, "Waliigateen Piritooriyaa meeshaan akka callisu godhus irra jireessan marii siyaasaa sana booda taasifamurratti kan hirkatu ture. Adeemsi siyaasaa laaffataa hanguma deeme, waliigaltichi balaaf saaxilamaa deeme. Erga waliigalteen mallataa'ee booda garaa garummaa siyaasaa osoo hin furamin hafe furuuf humni Waliigalteen Piritooriyaa qabu murtaa'aa ture" jedhu.
'Waliigalteen Piritooriyaa 2ffaan waan hin oolledha'
Waliigalteen Piritooriyaa kabajamuu dhabuurraa kan ka'e, kaaba Itoophiyaatti Rayyaa Ittisa Biyyaafi humnoota TPLF gidduutti lolli gaggeeffamaa jira.
Gama biraan ammoo Itoophiyaan Embasiishee Asmaraa jiru cufuun dippilomaatota Ertiraa ariitetti. Ertiraanis hariiroo dippilomaasii Itoopihyaa waliin qabdu adda kutuu qofa osoo hin taane loltoonninshee daangaa Itoophiyaa seenuu BBCn jiraattota irraa odeeffateera.
Waraanni mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti gaggeeffamaa jiru kun daangaa Itoophiyaan ala bahee biyyoota ollaafi fagoo hirmaachisuu danda'aa? kan jedhurratti Obbo Baayyisaan waraanni kun akka hin babal'anne abdii qaban himu.
Akka Obbo Baayisaan jedhanitti, TPLF hidhattoota akka WBOfi Faannoo waliin wal-ta'iinsa tolfatus carraan isaan Tigraayitti humnasaanii bobbaasanii lolarratti gargaaran dhiphaa akka ta'e himu.
"Akkan tilmaamutti, humna jara kanaas yeroon ilaalu, lolli kun bal'atee Gaanfa Afrikaa tuqa jedhee hin yaadu ani. Tigraay bira darbee hin deemi [hin babal'atu]. Jaal Marroonis loltootuusaa Maqaleetti ergee Tigree [TPLF] wajjin lola jedhees hin yaadu," jechuun lolli kun daangaa Itoophiyaan ala akka hin baane himu.
Haa ta'u garuu, Ertiraan waraana kana keessatti hirmaachuu akka dandeessu shakkii qabanis hin dhoksine Obbo Baayyisaan.
"Shakkiin ani qabu, tarii Ertiraan seenuu dandeessi kan jedhuudha. Isayyuu taanan, akka tilmaama kootti, mootummaa kana laaffisanii mo'uu dhiisii laaffisuuyyuu danda'u jedhee hin yaadu," jechuun carraan waraanni kun dhumarratti waliigalteen xumuramuusaa bal'aa akka ta'e ibsu.
"Lolli itti fufuu danda'a, sabni rakkachuun itti fufuu danda'a. Yeroo xiqqoo fudhachuu danda'a. Ammas taanan dhumarratti, waliigalteedhuma sanatti deebina. Piritooriyaa 2ffaatu dhufa jedheen yaada."



























