Muudamni MM Abiy dubartootaaf kennan jijjiirama akkamii fiduu danda'a?

Madda suuraa, EBC
Irra deebiin Ministira Mummee ta'uun kan filaman Abiy Ahimad, guyyaa kaleessaa miseensota kaabineesaanii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessuun raggaasisaniiru.
Ministiroota 22 guyyaa kaleessaa muudaman keessaa sagal dubartoota yemmuu ta'an, dhibbeentaan yemmuu shallagamu dhibbeentaa 41 jechuudha.
Dhimma kana ilaalchisee BBC walin af-gaafii kan taasisan ogeettiin seeraafi yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti hojii gorsuu kan hojjetan Aadde Bileen Asraat, "Akka lammi Itoophiyaa tokkotti akkasumas akka dubartiitti baay'ee natti tole, baay'een gammade" jedhu.
Waajjiraaleen ministeeraa dubartoonni saglan irratti ramadamanis dameelee hawaas-diinagdee ijoo kan hoogganan akka ta'an dubbatan.
"Seektaroota akka diinagdee, haqaafi fayyaarratti ramadaman. Inni kun tarsiimoo biyyattiin adeemsisaa jirtu keessatti sagalee, murteefi leegaasinsaanii akka gumaachan waan dandeesisuuf ramaddii baay'ee gaariidha" jedhan.
Yaada ramaddiin dubartootaa kun 'fakkeessuuf taasifame' jedhuun akka walii hingalle kan himan Aadde Bileen, Ministeera Maallaqaa ta'uun kan ramadaman Dr. Fitsuum Asaffaa akka fakkeenyaatti kaasu.
"Fakkeenyaaf namni Ministeera Maallaqaarratti ramadamu nama dandeettiifi gahumsa olaanaa qabufi diinagdee biyyattii keessatti murteewwan gurguddaa murteessuu danda'udha.
Bakka kanatti kan ramadaman Dr. Fitsum immoo waggoota darbaniif Ministeera Pilaanii ta'anii hojiiwwan gurguddaa isaan hojjetan argaa turre" jedhan.
Dubartoota humneessuu keessatti dhimmi ijoon hirmaannaa qofa osoo hintaanee leecalloo qabaachuusaaniifi murtee kennuu danda'uusaanii akka ta'es Aadde Bileen himu.
Kanaafis iddoowwan ministiroonni dubartoonni kun itti ramadaman iddoo hojiilee gurguddaa itti hojjechuu danda'an akka ta'anis dubbataniiru.
Lakkoofsi ministiroota dubartoota kaleessa muudaman kan yeroo MM Abiy jalqaba aangoo qabatan walin yeroo madaalamu xiqqaa ta'uu kan kaasan Aadde Bileen, ta'us akkataan ramaddii ministiroota dubartoota kunneenii faayidaa-qabeessa ta'uu himu.
"Waggaa 10 dura dubartiin kan ramadamtu Ministeera Dhimma Dubartootaa yookiin Ministeera aadaafi Tuurizimii irratti. Kana bira darbee hinbeeku" kan jedhan ogeettiin kun, erga waggoota saddeetii as garuu dubartoonni dameelee ijoo jedhaman hogganaa jiraachuu himaniiru.
Danqaawwan…
Itoophiyaa keessatti dhimmoonni dubartoonni qooda hawaas-diinagdee keessatti bahachuu qaban akka hinbahanne taasisan jiraachuu Aadde Bileen himu.
"Inni jalqabaa rakkoo ilaalchaa hamaataa ta'etu jira. Mammaaksonnifi hiibboowwan keenyallee mataasaaniin kan gadi nama qabanidha" jedhu.
Dubartoonni akka biyyaatti sadarkaalee hooggansaa garagaraatti hojjechuun gahumsasaanii agarsiisan jiraatanis, "ilaalchi 'dubartiin ni dandeessi' jedhu garuu ammallee hinjijiiramne" jedhan.
Sababni inni lammaffaan immoo godaanisawwan sirnoonnifi seeronni duraan turan hirmaanaa dubartoonni barnootafi diinagdee keessatti qaban danquu Aadde Bileen kaasu.
"Haalli qabatamaan amma jiru garuu dubartoonni rakkoolee kunneen kukkutanii bahan jiru.
Dubartoonni hojiinsaanii Itoophiyaa qofa miti addunyaarratti agarsiisan dubartoota baay'eetu jiru" jedhan.
'Ergama dachaa'
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Dubartoonni ministiroonni muudamnisaanii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan ragga'e, ergamafi itti gaafatamummaa dacha qabaachuu Aadde Bileen himu.
"Inni jalqabaa seektara irratti ramadaman amantummaafi qulqullummaan uummatasaanii tajaajiluu qabu" jedhu.
Ergamni inni biraan immoo ciminni isaanii cimina dubartoota Itoophiyaa kunneen biroo ta'uusaa hubachuu akka ta'e himu.
"Dadhabinni yookiin rakkoon isaan achitti uumanis dubartoota boru jalaa dhufanirratti dhiibbaa uumuu akka danda'u hubachuu qabu" jedhan.
Dabalataan dubartoota biroo gahoomsuun cinatti imaammatawwan manneen hojiisaanii yemmuu hojiirra oolchan hirmaannaafi fayyaamummaan dubartootaa akka mirkanaa'uuf karoorfatanii hojjechuu akka qabanis himaniiru.
Gama fakkeenyummaa gaariitinis gaheen ministiroota dubartoota kunneenirraa eegamu akka jirus dubbatu.
"Fakkeenyummaa gaarii agarsiisuu qabu. Hojii, naamusafi amalaan fakkeenya ta'anii dubartoonni miliyoonaan lakka'aman isaan duuba akka hiriiran gochuun isaanirra jiraata" jedhaniiru.
Ministiroota dubartoota muudamnisaanii ragga'e keessaa Dooktar Fitsum Asaffaa- Ministira Maallaqaa, Aadde Haannaa Ara'ayaasillaasee- Ministira Haqaa, Aadde Yaasmin Wahaabrabii- Ministira Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, Dooktar Maqdas Dhaabaa- Ministira Fayyaafi Aadde Ayinaalem Nugusee- Ministira Galiiwwanii ni argamu.
Kana malees Aadde Salaamaawwit Kaasaa- Ministira Aadaafi Tiruzimii, Aadde Alamtsahaay Phaawuloos- Ministira Albuudaa, Aadde Shawwit Shaankaa- Ministira Dubartootaafi Hawaasummaafi Aadde Fireehiwoot Taammiruu immoo Ministira Innooveeshiniifi Teeknoloojii ta'uun ramadamaniiru.

![Ministirri Odeeffannoo Ertiraa obbo Yemane Gebremasqal, [Bitaa] fi Min Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos.](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/4282/live/f0e48360-c3e9-11f1-badc-154546719036.jpg.webp)





























