Abiy Ahmed irra deebiin Ministira Muummee Itoophiyaa ta’uun filataman

Filannoo waliigalaa torbaffaa booda har'a mootummaa haaraan Itoophiyaa keessatti hundeeffame. Filannoo ministira muummee dabalatee muudamni adda addaa akkasumas murteewwan adda addaa taasifamaniiru

Guduunfaa

  • US xiyyaarota boombii dhukaasan hunda buufata Biriteen, RAF keesaa baaste
  • Doorsisa humna waraanaa ykn qoqqobbiin gonkumaa furmaati hin dhufu- Ministira dhimma alaa Iraan
  • US karaa mariisiftootaa yaada haaraa dhiyeessuu Iraan himte
  • Hidhattoonni Huutii Yaman kuusaa boba'aa Sa'uudii Arabiyaa magaalaa Riyaaditti argamu haleeluu ibsan
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Heerri mootummaa Itoophiyaa ni fooya'a'- MM Abiy

    -

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahmed, Heera Mootummaa Itoophiyaa irratti fooyya’iinsi akka taasifamu dubbatan.

    MM Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti haasaa taasisan keessatti yaada fi gorsa Komishinii Marii Biyyaalessaa irraa argame irratti hundaa’uun heera mootummaa fooyyessuuf akka hojjetamu ibsan.

    Akka isaan jedhanitti, Heera Mootummaa Itoophiyaa waggoota 30 ol hojiirra ture irratti fooyya’iinsi barbaachisaa ta’e ni taasifama.

    Dr. Abiy, mootummaa isaanii keessatti paartilee morkattootaa waliin hojjechuun hojiiwwan yeroo itti aanuuf karoorfaman keessaa tokko ta’uus ibsaniiru.

    Paartilee morkattootaa filannoo irratti hirmaatan waliin hojjechuuf mootummaa isaanii qophii ta'uu eeran

    Akkasumas, mootummaa isaanii keessatti “karaa marii fi dhiifamaa” hordofuuf qophiirra akka jiran ibsanii, gareewwan garaagaraatiif balballi marii banaa ta’uu dubbataniiru.

    Dabalataan, haalli hojii miidiyaa Itoophiyaa seeraa, duudhaa biyyaalessaa fi faayidaa biyyaalessaa kabajuun akka gaggeeffamuuf mootummaan hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

    Dabalataanis, mootummaa isaanii karaa marii fi dhiifamaa akka hordofu eeranii, humnoota finciltootaa karaa nagaatti deebi'uu barbaadaniif balballi marii banaa ta’uu himaniiru.

  2. ‘Itoophiyaan ulaa galaanaa malee hin teessu’-Abiy Ahimed

    -

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahmed, Itoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuuf carraaqqii ishee cimsitee akka itti fuftu dubbatan.

    Itoophiyaan mirga ishee fi faayidaa biyyaalessaa ishee karaa kamiinu mirkaneessuuf qophaa’uus ibsan.

    “Itoophiyaan ba’umsaa fi galuumsaa akka qabaattuuf cimsinee hojjenna” jedhan

    Abiy kana kan dubbatan yeroo biyyoonni ollaa ishee akka Ertiraa, Somaaliyaa Sudaan fi Masrii dhimma Galaana Diimaa fi laga Abbaayi irratti wal ta'uun ibsa waloo baasanitti.

    Dooktar Abiy, Itoophiyaan humna waraanaa fi humna qilleensaa cimaa ijaaruun diinotsa ishee ofiirraa ittisuuf gahumsa qabaachuu himan.

    Waggoota darban keessatti Itoophiyaan qormaatawwan hedduu keessa darbuu eeranii, “ni gatantarre malee hin kufne, ammas hin kufnu” jechuun ibsaniiru.

    Yeroo lolli kaaba Itoophiyaa irra deebi’ee ka’etti, waggoota shanan dhufaniif Ministira Muummee ta’uun erga muudamanii booda haasaa taasisan keessatti Dr. Abiy, Itoophiyaanonn dhimma siyaasaa irratti garaagarummaa qabatanis dhimma dantaa biyyaalessaa irratti yaada tokkoo qabaachuu eeran.

    Kana malees hidhattoota mootummaa finciluuf bosaona galaan karaa marii fi araaraatti akka deebi'an waamicha dhiyeessan.

    “Isin Itoophiyaanota bosona keessa jirtan, gara karaa nagaa koottaa” jedhan.

  3. Qormaata Itoophiyaa mudatu hunda injifannoon darbuuf qophoofneerra’- Abiy Ahimed

    -

    MM Dooktar Abiy Ahmed irra deebiin Ministira Muummee Itoophiyaa ta’uun erga filatamanii booda haasawa taasisaniin, haalli addunyaa yeroo ammaa jijjiiramaa jiru qormaatotaa fi carraawwan haaraa fidee akka dhufu ibsan.

    Itoophiyaan jijjiirama haala naannawaa fi ji'opolitikaa keessatti mul’achaa jiru irra aanuu kan dandeessu walqabannee 'yaadama Ida'amuun yoo sochoneedha' jedhan.

    Haasaa isaanii keessatti, yeroo haalli siyaasaa jijjiiramaa jiru kanattis, Itoophiyaan qormaata ishee mudatu hunda injifannoon keessa darbuuf qophii ta'uu himan.

    Haala qabatamaa biyyattii sirriitti hubachuun sirna Itoophiyaaf fayyadu ijaaruuf mootummaa isaanii waggoota kurna darbe xiyyeeffannoon irratti hojjachuu eeran.

    Rakkoo biyyattiin keessa turte keessaa baasuun, jijjiirama sirrii fiduuf murannoo, ogummaa fi cichoomina guddaa kan gaafatu ture.

    Diinonnii Itoophiyaa, akka isheen fulduratti hin deemne hudhanii qaban. Duulaa kallattii maraan irratti banan. Garuu injifachuu hin dandeenye jechuun ibsan.

    Fuldurattis Itoophiyaan qormaatawwan ishee mudatan hunda injifannoon keessa darbuuf qophaa’ii ta'uu ibsan.

  4. Abiy Ahmed irra deebiin Ministira Muummee Itoophiyaa ta’uun filataman

    -

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiy Ahmed irra deebiin Ministira Muummee Itoophiyaa ta’uun filataman.

    Itoophiyaatti sirni mootummaa haaraa filannoo bara kana gaggeefame booda Dooktar Abiy Ahmed yeroo lammaffaaf Ministira Muummee Rippabiliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa ta’uun filatamanii kakuu raawwataniiru.

  5. Ahimad Shidee Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uun filataman

    -

    Obbo Ahimad Shidee Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uun filataman.

    Sirni mootummaa haaraa fi baniinsi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggoota shanan dhufaniif Af-yaa’ii mana marichaa ta’uun akka hojjatan Obbo Ahimad Shidee filatamaniiru.

    Akkasumas Addee Ayyalach Isheetee ammoo af-yaa'iii itti aantuu mana maree bakka bu'oota ummataa ta'uun filatamaniiru.

    Obbo Ahimad Shidee kanaa dura Ministira Maallaqaa ta’uun isan duras sadarkaa hojii mootummaa adda adda keessatti hojjechaa turan.

    Obbo Ahimad Shideen erga Af-yaa’ii ta’uun filatamanii booda, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fuulduratti kaakuu raawwataniiru

  6. Mufariyaat Kaamil Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii ta’uun filataman

    -

    Itoophiyaatti sirni mootummaa haaraa hundeessuu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

    Manni Mareen Federeeshinii Itoophiyaa addee Mufariyaat Kaamil Af-yaa’ii, Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa duraanii obboo Destaa Ledamoo ammoo itti aanaa Afyaa'ii gochuun filate.

    Sirni mootummaa haaraa fi baniinsi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataas gaggeeffamaa jira

    Sirna kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmed, Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiq-Sillaasee fi qondaaltonni mootummaa olaanoo akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.

  7. Deebiin Itoophiyaan biyyoota ollaa waa'ee ishee irratti mari'atanii maali?

    Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximotewos
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximotewos

    Itoophiyaan dhimma laga Abbay fi Galaana Diimaa ilaalchisee ibsa waloo biyyoonni ollaa Itoophiyaa Masiriitti baasaniif deebii kennite.

    Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, dhimmoota Abbay fi Galaana Diimaa irratti mariin kamiyyuu haala teessuma lafaa, seenaa fi faayidaa seera qabeessa Itoophiyaa ilaalcha keessa galchuu qaba jedhe.

    Ministeerichi Itoophiyaan madda laga Abbay ta’uu fi bishaan gara Naayilitti yaa’u keessaa dhibbeentaa 85 akka gumaachitu ibse. Kanaaf, mariin itti fayyadamaafi bulchiinsa Abbay irratti taasifamu dhugaa kana bu'uura godhachuu qaba jedhe.

    Galaanni Diimaanis qaama bishaanii Itoophiyaa waliin walittti hidhamiinsa seenaa fi daangaa qabu ta'uu eere.

    ''Jijjirama yeroo keessa adeemsi siyaasaa jijjiiramus walitti hidhamiinsi cimaan Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu itti fufee jira,'' jedha ibsi kun.

    Kanaaf dhimmoota nageenyaa fi galaanaa naannichaa irratti mariin taasifamu dantaa Itoophiyaan seeraan qabduu fi hariiroo ishee Galaana Diimaa waliin qabdu hubannoo keessa galchuu qaba jedhe.

    Itoophiyaan dhugaan teessuma lafaa fi seenaa seenaan walqabatee jiru shira siyaasaa, tarkaanfii humnaa ykn gocha biyya hookkaruutiin jijjiiramuu akka hin dandeenyes akeekkachiiste

    Kanaafis hariiroo nagaa, walkabajaa fi tumsa naannawaa cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsuun, walitti bu’iinsa irra marii fi karaa nagaa rakkoolee naannawaa furuuf Itoophiyaan waamicha dhiyeessite.

    Masirii, Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan Dilbata, Onkoloolessa 4, 2026 dhimma Galaana Diimaa fi laga Abbaay dabalatee dhimmoota kaan irratti ibsa waloo baasanii ture.

  8. Mootummaan Yaman lafa hidhattoota Huutiin qabame deefachuuf waraana guutuu labse

    Pirezidaantiin Yaman Rashaad al-Aliimii
    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Yaman Rashaad al-Aliimii magaalaa guddoo Saawudii Arabiyaa kan taate Riyaad irraa uummata Yamaniif yeroo ergaa dabarsaniifi Huutii irratti waraana guutuu labsan Y

    Mootummaan Yaman beekamtii idiladdunyaa qabu hidhattoota Huutirratti waraana guutuu labsuu beeksise.

    Yaman garee Iraaniin deeggaramu Huutiifi kan Saawudii Arabiyaan deeggaramu mootummaa Adan teessoo godhate gidduutti waraanan goolamaa jirti.

    Hidhattoonni Huutii buufata boba'aa Saawudii Arabiyaa Aramco irratti haleellaa gaggeessuu boodadha mootummaan beekamtii idiladdunyaa qabu Huutirratti waraana guutuu akka labse kan beeksise.

    Saawudii Arabiyaanis mootummaa Yaman deeggaruun haleellawwan qilleensarraa heddu hidhattoota Huutirratti gaggeessaa jirti.

    Hidhattoonni Huutii ji'a darberraa kaasuun haleellaa cimaa bananiin, Ulaa Baab al-Mandeeb dabalatee naannoo qarqara galaanaa lafa guddaa mootummaa Yaman irraa fudhataniiru.

    Kaleessa, Dilbata, Pirezidaantiin Yaman Rashaad al-Aliimii ibsa kennaniin waraana guutuu Huutii irratti labsuu beeksisan.

    "Lafa Rippaabilika [Yaman] hafe deebisuuf duulli waraanaa akka eegalun beeksisuun barbaada," jedhan.

    Magaalaa guddoo Yaman Sana'aa dabalatee buufataaleen doonii murteessoo ta'an harka hidhattoota Huutii jiru.

  9. Itoophiyaatti mootummaa haaraa hundeeffamuun dhimmoota ijoo eegaman

    Asxaa mana maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa

    Filannoo waliigalaa marsaa torbaffaa irratti teessoo olaanaa kan argate paartiin Badhaadhinaa mootummaa haaraa ni hundeessa.

    Kora Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Mana Maree Federeeshinii har'a banamu irratti hundeeffamni mootummaa haaraa dhimma ijoodha.

    Adeemsa jiruun Pirezidantiin Itoophiyaa Taayyee Atsqesillaasee kora manneen maree lamaanii banuun haasaa ni taasisu jedhamee eegama.

    Manneen maree Afa-yaa'ii erga filatanii booda korri kan itti fufu yoo ta'u, murteewwan hedduun ni eegamu.

    Manni maree bakka bu'ootaa 7ffaan kora isaa tokkoffaa kan bara hojii jalqabaa irratti ministira muummee ni filata.

    Korri kun yeroo waraanni kaaba Itoophiyaa deebi'ee ka'etti, akkasumas yeroo hidhattoonni biyyattii keessa socho'an torba qindoomina uumuun mootummaa kuffisuuf sochii eegaluu ibsanitti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dhimma kanarrattis ejjennoon mootummaa maal akka ta'e ni eegama.

    Waraanni kaaba Itoophiyaatti erga deebi'ee ka'ee guyyoota kudhan booda Raayyaan Ittisaa fi humnoonni tumsitoota isaa ta'an magaalaa naannoo Tigraay Maqalee to'ataniiru.

    Waraana kana keessatti hirmaachuun Ertiraa kan himatu mootummaan Itoophiyaa, Tigraayitti mootummaa ce'umsaa hundeessuuf hojii eegaluu ibseera.

    Humnoonni TPLF magaalaa Maqalee gadhiisanii ba'anis eessa akka jiran ifa miti.

  10. Mormii barattootaa hordofee Faransaay manneen barnootaa 500 cufte

    poolisoota mormii to'achaa jiru

    Wiixata har’aa irraa kaasee manneen barnootaa 500 ta’an Faransaay keessatti gartokkoon ykn guutummaatti akka cufaman Ministirri Barnootaa Faransaay ibseera.

    Guyyoota darban keessatti walitti bu’iinsa poolisii fi barattootaa gidduutti uumameen jeequmsi hammaatee ture. Sababa rakkoo nageenyaatiin manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 400 hanga 500 ta’an cufamaniiru.

    Akkasumas, erga mormiin kun jalqabee manneen barnootaa 24 “gubamuu ykn saamamuu” isaanii Ministirri Barnootaa ibseera.

    Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa kumaatamaan lakkaa’aman hiriira ba’anii mormii isaanii dhageessisaa turan. Mormiin torban darbe Paaris irraa eegalee gara magaalota biroootti babal’ateera.

    Barattoonni kunneen hanqina barsiisotaa, dareewwan barnootaa garmalee namaan guutamuu fi gamoolee barnootaa manca’uu mormuun hiriira bahan.

    Jimaata darbe, Ministirri Haqaa Faransaay Jeerald Darmanin, manneen barnootaa Faransaay 3,700 keessaa 735 mormii kanaan miidhamuu isaanii dubbate.

    Ministirri Barnootaa barumsi yeroo ammaa dhaabbatus, suuta suutaan gara barnootaatti akka deebi’an waadaa galeera.

    “Aktiivistoonni sochii barattootaa kana keessa seenanii, barattoota irraa butanii, jeequmsa garmalee irratti bobba’an jiru,” jedhe.

    Dhimma kanaan walqabatee, Jimaata darbe namoonni 1,747 to’annoo jala ooluu isaanii Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Faransaay Laawuren Nuunez himan.

    Erga sochiin kun jalqabee walumaa galatti namoonni 5,000 ol to’annoo jala ooluu isaanii dhaabbati oduu AFP gabaaseera. Isaan keessaa harki 85 daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 hin guunne.

  11. Mootummaan Yaman kallattii hundaan Huutii irratti waraana guutuu banuu ibse

    Hidhattoota Yaman

    Mootummaan Yaman lafa Huutiin qabate hunda irraa deebifachuuf kallattii hundaan waraana guutuu banuu ibseera.

    Pirezidaantiin Yaman kan beekamtii idil-addunyaa qabu Rashaad al-Alimi, “har’a lafa keenya hunda harkatti deebifachuuf” opireeshinii waraanaa labsamuu Dilbata kaleessaa ibsan.

    Tarkaanfiin kun waraanni Huutii fi Sa’uudii Arabiyaa gidduu jiru hammaachaa erga dhufee booda kan fudhatameedha.

    Hidhattoonni Huutii Yaman haleellaa Sa'uudii Arabiyaa fi qindoominni ishee sa'atii 12 keessatti yeroo 50 raawwatan jedhan haaloo ba'uuf kuusa boba'aa guddicha Sa'uudii Aramco misaayelaa fi dirooniin haleeluu ibsan.

    Mootummaan Yaman erga hidhattoonni Huutii sochii guddaa taasisuun ulaa galaanaa akkaan murteessaa ta'e Baab el-Mandab to'atanii akeekkachiisa cimaa kennuusaati.

    Pirezidant Rashaad al-Alimi Dilbata kaleessaa haasaa karaa TV biyyattii taasisaniin ''har'a lafa keenya hunda harkatti deebifachuuf jecha oppireeshinii waraanaa labseera,'' jedhan.

    Waggoota kudhanii oliif to'annoo Huutii jala kan jirtu magaalaan Sana'aa xiyyeeffannaa haleellaa taateetti.

    Humna hidhattoota Huutii dadhabsiisuuf haleellaan yeroo yeroon gaggeeffamu magaalattii daran miidheera.

    Haleellaan Huutii irratti gaggeeffamu kutaalee Yaman hedduu keesatti babal'ateera. Kaaba biyyattiitti to'annoo Huutii jala kan jirtu bulchiinsi Saadaa akkasuma haleelamteetti.

    Garuu maddeen nageenyaa hidhattoonni deeggarsa Iraan qaban kunneen injifannoo argataa jiraachuu ibsan.

    Mootummaan Yaman yeroo ammaa naannoo magaalaa ijoo taate Taiz irratti xiyyeeffatee jira.

    Magaalaan kun to'annoo mootummaa beekamtii idiladdunyaa qabuu jala jirti.

    Dilbata Huutiin daandii akkaan murteessaa Taiz fi Aden wal quunnamsiisu adda kute.

  12. Ameerikaan xiyyaarota boombii darbatan hunda buufata Biriteen keessaa baasuu ibsite

    Xiyyaara US

    Ameerikaan wayita poolisoonni farra shororkeessummaa taatee buufata humna waraanaa Biriteen RAF Fairford jedhamutti mudate qorataa jiranitti xiyyaarota boombii darbatan hunda buufata kana keessaa baaste.

    Qondaalli ministeera dhimma alaa US tokko xiyyaaronni boombii dhukaasan hunduu baafamuun buufata Ameerikaa jiru geeffamuu ibsan.

    Mootummaan US sababa tarkaanfii kana fudhateef hin ibsine.

    Garuu taatee Fulbaana 27 mudate booda tarkaanfii kana fudhate.

    Guyyaa sana poolisoonni ''konkolaataawwan shakkaman'' naannawa buufata humna qilleensaa Gloucestershire keessatti argamu keessa socho'uu ergaan isaan ga'e.

    Taatee kana hordofee jalqaba namoonni shan gocha shororkeessummaan shakkamuun to'atamanii boodarra wabiin gadhiifaman.

    Namni ja'affaan shakkamee to'atame lammummaa UK fi Iraan kan qabu yoo ta'u, innis boodarra wabiidhaan gadhiifameera.

    Miidiyaaleen UK kanneen akka Whiteball murteen US taatee RAF mudateen akka walqabatu hin haalle.

    Tarkaanfiin kun kan siyaasaa osoo hin taane murtee waraanaa qofa ta'uu BBCn odeeffateera.

    Ministeerri ittisaa UK hanga yoonaa yaada hin kennine.

    Taateen RAF mudatee guyyoota booda Ministirri muummee UK Endii Burnihaam Iraan gocha kana keessatti hirmaachuushee ''wantoonni sirriitti mul'isan'' jiraachuu dubbatanii turan.

    Garuu kanarratti ragaa ga'aa hin dhiheessine.

    Iraan gamasheen taatee kana keessaa hirmaannaa tokkollee akka hin qabne ibsiteetti.

    Taateen sun mudatee guyyoota booda, osoo shakkamaa ja'affaan hin to'atamin dura, Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo ''qaamni alaa taatee kana keessaa qooda qabaachuun ifa'' jechuun Fox Newstti himee ture.

    Qondaalli US kunis hirmaannaa qaama alaa jedhe irratti ibsa bal'aa hin kennine.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp shakkamtoonni kunneen wabiin gadhiifamuun ''nama ajaayiba'' jedhe.

    ''Waa'eesaanii waa hunda beekna. Gadhiisuun hin turre. Kanarratti UKn Ameerikaa waliin walitti dhiheenyaan hojjetteetti,'' jedhe.

  13. Doorsisa humna waraanaa ykn qoqqobbiin gonkumaa furmaati hin dhufu- Ministira dhimma alaa Iraan

    Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii doorsisi humna waraanaa fi qoqqobbiin gonkumaa furmaara hin ta'u jedhan
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii doorsisi humna waraanaa fi qoqqobbiin gonkumaa furmaara hin ta'u jedhan

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii ''humna waranaan ykn qoqqobbii dabalataa fi haaraa kaa'uudhaan'' waraanni US fi Iraan goolabamuu gonkumaa hin danda'u jedhan.

    Ameerikaan gama waraanaanis ta'u gama dipiloomaasiin kufaatii keessa jirti kan jedhan Abbaas Araagchii furmaati waaraa kan argamu walkabajanii mari'achuu qofaan ta'uu ibsan.

    Ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa Iraan keessa jiran waliin wayita mari'atan yaada kana dubbatan qondaalli Iraan kun.

    ''Marii dipiloomaasii haqa qabeessa, hunda hirmaachisee fi kabajaan gaggeeffamu qofatu furmaata fiduun waraanni kunis akka dhaabbatu taasisa,'' jedhan.

    Weerarri fi duulli mootummaa Rippaabilika Islaamaa Iraan irratti raawwatamaa jirus haala kanaan qofa irraa ka'uu danda'a jedhan.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp ammallee doorsisa Iraan irraa hin dhaabne. Ammallee Iraan yookiin karaa hamaa yoo feete ammoo karaa nagaa fi salphaa keessaa tokko filachuu akka qabdu akeekkachiiseera.

    Iraan isa kanaaf wayita deebii kennitu kan kanaan duraa caalaatti deebii kennuuf qophii qabaachuu ibsiti.

    ''US karaa ogummaa qabuun, sababaan akka deemtu abdii qabna. Garuu yoo humni waraanaa furmaata fida jechuun kan itti deeman ta'e nuti kan duraa caalaa qophiidha. Haleellaa kamuu ofirraa ittisuuf tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhanna,'' jedhan Abbaas Araagchii.

  14. US karaa mariisiftootaa yaada haaraa dhiyeessuu Iraan himte

    Mahammad Bagaar Gaaliibaaf

    Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mahammad Bagaar Gaaliibaaf Iraan karoora Ulaa Hormuuz guyyaa torba keessatti deebistee banuuf ishee dandeessisu dhiyeessuun booda Waashingitan ''karaa mariisiftootaa yaada tokko tokko dhiyeessuu,'' himan.

    Haa tahu malee ''Ameerikaan yeroo qisaasuufi fedhii qaama tokkoon dhiibbaa barri itti gootu akka goolabame,'' beekuu akka qabduufi akkasumas ''ejjennoon Iraan ifaa fi kan hin sochone tahee itti fufa,'' jechuun himaniiru.

    ''Ulaan Hormuuz ulaagaan torba waliigaltee Isalaamaabaaditti kaa'ame otoo hin guutamiin deebi'ee hin banamu,'' jedhaniiru.

    Gaaliibaaf Iraan tarkaanfii Ameerikaan ''hin dinqamtu'', ''hin jeeqamtu'' otooma lolluu marii'anna,'' jechuun isaanii dhagahameera.

    ''Lola irratti humna guutuun argamna. Tarkaanfii haaraa fudhachuun itti baana. Waraana irratti olaantummaa keenya mirkaneessuun mirga uummata Iraan kabachiisuuf karaa dippiloomaasiis ni fayyadamna,'' jechuun himaniiru.

    Torbee lama dura Iraan Ulaa Hormuuz deebisanii banuuf karoora dandeessisa jette karaa Kataar dhiyeessiteetti.

    Ulaagaaleen kunneen gama kamiinuu waraana dhaabuu, qabeenya qoqqobbiin irra jiru gadhiisuu, buufataalee doonii Iraan irratti dhorkaa kaa'ame kaasuu, dhimma keessoo Iraan gidduugaluu dhiisuu, diinota Iraan waliin tumsa dhaabuu akkasumas daangaa Iraan irratti haleellaan tasumaa akka hin raawwanne kan gaafatu dha.

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii ''Teehraan of ittisuuf kutattuu akkuma taate furmaata dippiloomaasiis ni barbaaddi,'' jedhaniiru.

  15. Hidhattoonni Huutii Yaman kuusaa boba'aa Sa'uudii Arabiyaa magaalaa Riyaaditti argamu haleeluu ibsan

    Haleellaa kuusaa boba'aa Sa'uudii irratti raawwatame

    Hidhattoonni Huutii Yaman, kuusaa boba'aa magaalaa guddoo Sa'uudii Arabiyaa kan taate Riyaad keessatti argamu misaayelaa fi dirooniin haleeluu yoo ibsan mootummaan Sa'uudii waa'ee haleellaa kanaa waan jedhe hin qabu.

    Haleellaa qilleensaa mootummaan Sa'uudii magaalaa Sana'aa fi iddoowwan biroo Yaman irratti raawwatan haaloo ba'uuf tarkaanfii kana akka fudhatan ibsan hidhattoonni Huutii.

    Namoonni Rooyitarsi Sambata kaleessaa dubbise giddugala oomisha boba'aa guddicha Sa'uudii magaalaa Riyaaditti argamu ARAMCO jedhamutti aaraa fi abidda samiitti boba'u arguu ibsan.

    Rooyitarsi waa'ee haleellaa raawwate jedhamee fi miidhaa qaqqabe jedhame ilaalchisee kubbaaniyaa kanaaf gaaffii dhiheessus deebii hin arganne.

    Walitti bu'iinsi Sa'uudii Arabiyaa fi hidhattoota Huutii hammaataa kan jiru yoo ta'u, warri Huutii ammallee magaalota Sa'uudii fi bu'uuraalee misoomaa gurguddoo irratti haleellaa misaayelaa fi diroonii cimsaniiru.

    Hidhattoonni Huutii torban darbe keessa dhaabbilee ARAMCO buufata guddicha Yanbu jedhamu keessatti argamu misaayelaa fi dirooniin haleeluu ibsaniiru.

    Yeroo sana Sa'uudiin rookeetiiwwan Huutiin gara Taayif fi Yanbu dhukaase qilleensarratti rukutuun barbadeessuu ibsitee turte.

    Garuu miidhaa ARAMCO irra gahe jedhame ilaalchisee homaa hin jenne.

  16. Akkam jirtu hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii kanaan dhimmoota biyya keessaa fi addunyaa hordofnee isiniif dhiheessina.

    Waraana Huutii fi Sa'uudii Arabiyaa gidduutti cime, akkasumas atakaaroo Iraan fi US gidduu deemaa jiru irrattis ni xiyyeeffanna.

    Irreechi akkamiin darbe? Kanarrattis odeeffannoo jiru hordofnee isin biraan geenya.

    Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.