Badhaasa Suuraalee Bineensota Nama Kofalchiisani 2019

Ilmoo leencaa cidhaan abbaa isaa qabachuuf utaalu
Ibsa waa'ee suuraa, Ilmoo leencaa 'waan taphaa se'ee' cidhaan abbaasaa qabachuuf utaalu... suuraan injifate kanadha.
Maxxanfame

Qurxummii sodaatte, urunguu seeqxuufi simbirroo yeroo hintaanetti bakka hintaanetti argamte.

Kunneen Badhaasa Suuraalee Bineensota Nama Kofalchiisani 2019'f kadhimamtoota - leenci suuraa injifateerra jiru garuu suuricha booda badaa waan kolfu hin fakkaatu.

Suuraan kun Bootsuwaanaa keessatti Saaraa Iskinner kan kaaafame fi yeroo ilmoon leencaa "taphatu" agarsiisa...

Ilmoon leencaa kun "maatiishee keessatti guddachaa jirti" kan jettu Saaraan, "akkuma ani hojiikoo irratti isaaniin gammadaa jiru dhalooti egerees isaaniin akka gammadduuf namni hundi bineensota daggalaa kunuunsuuf haa hojjatu, " jechuun ergaa dabarsiteetti.

Suuraalee badhaasaaf kaadhimaman biroo ilaalaa.

Qurxummii qurxummii guddaa sharkii baqachaa jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, 'Kottee na baasi...ammayyuu duddubbeekoo jiraa?' : Qurxummii irbaataa qurxummi guddaa shaarkii ta'urra baqachaa jirtu
Ilmoolee jeedalaa waliin taphatan
Ibsa waa'ee suuraa, Ilmoolee jeedalaa taphatti jiran
Ilbiisa baalarra teessee jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, "Akkam...nagaa jirtuu?"...Ilbiisi baalarra teesse kun kan nagaa nama gaafattu fakkaatti
Bineensa 'Otter' maddii qabattee jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, "Ajaa'ba Rabbii!" : Bineentiin 'Otter' jedhamtu kana yeroo iyyitu agartanii beektuu?
Warseessa simbira irratti fincaa'e
Ibsa waa'ee suuraa, "Harkaan idaa...". Simbirri yeroo hintaanetti bakka hintaanetti argamtee..warseessa irraa waan hin eegne argatte
Urunguu seeqxu
Ibsa waa'ee suuraa, Urunguun kun eenyutti seeqaa jirti?
Bineensa 'bear' muka duuba dhokatee jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Akkasiin dhokatuu?: Bineensa 'bear' muka duuba dhokatee jiru
Otters waving Bineensa 'Otter' harka raastu
Ibsa waa'ee suuraa, "Nagaatti"