Qaamni saalaa dhiiraa xiqqaachuuf daayipparii miti, qaccee sanyii komadhaa - Ogeessota

Madda suuraa, Citzeen Digital
Keeniyaa keessatti jaarsoliin saba Kikuyyuu dargaggoonni [akka aadaa isaaniitti umurii dhaqna qabannaarra gahan] qaamni saalaa [qunxurroon] isaanii xiqqaachaa dhufuun isaan yaaddessuu ibsan.
Umuriin ijoollee dhiiraa fi guddinni isaanii qaama saalaa isaanii waliin deemaa hin jiru kan jedhan jaarsoliin kunneen, kanaaf ammoo sababa kan jedhan 'daayipparii humnaa ol fayyadamuu' akka ta'u dubbachuu isaanii miidiyaan biyya keessaa Citzeen Digital gabaaseera.
"Biyyattiin amma kan guddatte taatulleen, quunxeen ijoollee dhiiraa akka guddatu hayyamuuf daayipparii humnaa ol fayyadamuu dhiisuu qabna," jedhe jaarsolii keessaa tokko.
"Ijoolleen dhiiraa kunneen barattoota kutaa sagaliiti, garuu quunxee baayyee xiqqaa ta'e qabu. Akkas ta'ee garuu rakkoo hir'ina qaamaa hin qaban waan ta'eef qunxurroo isaanii akka shuntuuru kan godhe daayippariidha."
Yaaddoo jaarsoliin kunneen dhiyaassen hordofee dhimmichi oonlaayinii (toora intereneetiirratti) ijoo dubbii fi qoosaa ta'ee itti fufeera.
Haata'u malee, dubbii jaarsoliin dubbatan kana fashaleessuuf doktoroonni yeroo itti hin fudhanne. Waca ykn falmii kana keessatti daayppariin balleessaa hin qabu ykn 'qulqulluudha' jechuun qaccee sanyii [genetics] komadhaa jechuun deebii gabaabaa garuu ifa ta'e kennaniiru.
Ogeettii urologist [sirna fincaanii] kan taate Dr. Shiirlee Achookaa yaada dhiyaase kana fudhatama akka hin qabne kaasuun, qorannoon fayyadama daayipparii fi guddina qunxurroo walitti fidu hin jiru jette.
Kanaaf, qaamni saalaa ijoollee dhiiraa xiqqaachuuf sababiin qaccee sanyii (genetics) ta'uu ibsite.
"Ilaalcha kana qorannoon deeggaru walitti dhufeenya daayipparii fi guddina qunxurroo ilaalchisee kan maxxanfameeru hin jiru," jechuun Citizen Digital'tti dubbatte Dr. Shiirlee Achookaa.
"Guddinni qunxurroo adda durummaan kan murtaa'u jenetiksiinidha. Kanaaf, hidda sanyii gara garaa keessa gargaagarummaan guddina isaa ni jiraata. Egaa kanaafidha namoonni Afrikaa Lixaa irraa ta'an tokko tokko namoota Indiyaa irraa ta'an waliin wal bira qabamanii yeroo ilaalaman qunxurroo gurguddaa kan qabaataniif."
Ogeettiin kun akka jettutti, hormooniinis gahee guddaa qabaata, keessumaa yeroo umurii ol adeemummaarra jiranitti 'testosterone' isaanii yoo saaxilame sadarkaan hormoonii ol ka'uun guddina quunxeerratti dhiibbaa uuma.
Guddina qunxurroo kan saffisiisu hormooniidha; kana waan ta'eef ijoolleen dhiiraa umuriin isaanii xiqqaa ta'e qunxurroo xixiqqaa kan qabaataniif kanaafidha. Yeroo guddataa deemanii dargaggummaa keessa galan garuu hangi qaama saalaa isaanii ni dabala," jette ogeettiin kun.
Dr. Shiirlee Achookaa itti dabaluun, haalli qilleensaas qunxurroon akka shurntuuru ykn xiqqaatu gochuu keessatti gahee akka qabu ibsiteetti.
"Guddina qunxurroo ilaalchisee kan namoota gurguddoo ykn ga'eessotaayyu taanaan wanti biraan hubatamuu qabu tokko, haala qilleensaa, ho'aa ykn qorraa ta'uu isaarratti hundaa'uun yeroo tokko tokko xiqqaachuu ykn shuntuuruu danda'a," jette.
AKka ogeettiin kun jettutti, ulfaatinn qamaas gahee ni qabaata. Namoonni furdnni isaanii akka malee guddaa ta'e bira qabaan qunxurroo xiqqaa qabaatu.
Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:
























