Bara 2035tti lakkoofsi Musliimotaa kan Kiristaanaan ol akka tahu raagame

Madda suuraa, Ruters
Lakkoofsi hordoftoota amantaa Islaamaa waggoota sagal booda bara 2035 irratti kan Kiristaanaa caaluun addunyaa irratti amantii isa dursu ta'a jedhamee akka eegamu raagni Wiirtuu Qorannoo Pew [Pew Resaech Center] mul'iseera.
Waggoota 25 darban keessa baayyina ummataa amantaan, kan jedhurratti gabaasaalee amanamoo ta'an baasaa kan ture Pew, Islaamummaanis ta'e Kiristaanummaanis guddachaa kan jiran ta'ullee, Islaamummaan garuu saffisa baayyee guddaa ta'een guddachaa jiraachuu ibseera.
Kanaaf, ammoo sababiin ijoon Musliimonni amantiiwwan gurguddoo biroo caalaa fedhii ijoollee godhachuu waan qabaniif akka ta'e wiirtuun qorannoo kun ibsa raaga Sadaasa 18, 2026 ifa godheen beeksiseera.
Qorataan olaanaa dhimma ummataa Pew Koraand Hakeet, "amantaa jijjiiruuniifi jijjiiramoota amantaa biroo hammeentaa da'umsaa waliin gaheen qaban baayyee xiqqaa ta'uu isaa ibsuu AFPn gabaaseera.
Akka ragaa Pew Research Center irraa argametti, bara 2020 hanga 2025 keessatti hangi dhala godhachuu Musliimotaa dubartii tokkotti ijoollee 3.1 ture. Kan dubartoota Kiristaanaa ammoo ijoollee 2.5 dha.
Giddu galeessaan hangi dhala argachuu amantiiwwan kaanii 1.6 yoo ta'u, kun ammoo hanga tokkoo tokkoon dhalootaa bakka of buusuuf kan yaadamu 2.1 gadi kan ta'edha.
Tilmaamni dhaabbata qorannoo Pew kanaan dura ture akka agarsiisutti, bara 2020 guutummaa addunyaarra Kiristaanota biiliyoona 2.27 ta'anii fi Musliimota biliyoona 2.02 ta'anitu ture.
Akka raaga haaraa Pew'tti ammoo bara 2035 guutummaa addunyaa irra Musliiimota biliyoona 2.57 Kiristaanonni ammoo biliyoona 2.52 ta'anitu jiraata jedhamee eegama.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haalli amma jiru kun itti fufee jennaan, bara 2070tti guutummaa addunyaarra Musliimota biliyoona 3.6 olii fi Kiristaanota biliyoona 3 gadi ta'anitu jiraata.
Bara 2020 fi 2070 gidduutti lakkoofsi ummata addunyaa dhibbeentaa 29'n akka dabalamu Pew beeksiseera.
Gareewwan amantaa Wiirtuun qorannoon kun xiinxale keessaa guddina lakkoofsa ummataa kana waliin deemu jedhamanii kan eegaman Musliimotaa fi Kiristaanota qofaadha. Kiristaanonni dhibbentaa 30n, Musliimonni ammoo dhibbentaa 80n guddatu.
Warri Hinduu fi Yihudootaa waliigalatti lakkoofsi isaanii guddachaa kan jiru ta'ullee, lakkoofsa ummataa addunyaa bira qabamee yeroo ilaalamutti gaheen isaan qaban garuu akka xiqqaatu Pew ibseera.
Lakkoofsi Budistootaas taanaan gahee isaan lakkoofsa ummataaa addunyaa keessaa qaban akka hir'atu tilmaamameera.
Sababoota kun akka tahu godhe keessaa tokko Chaayinaatti, Kooriyaa Kibbaatti, akkasumas Jaappaan keessatti baayyinni ummataa waliigalaa akka hir'atu kan eegamu waan ta'eefidha.
Waggoota kurnan itti aanan keessa, guddinni lakkoofsa ummataa harki caalaan kan jiraatu Afrikaatti, keessumaa bakka ummanni harki caalaan Kiristaanaa fi Musliima ta'an biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran keessatti akka ta'e Pew ibseera.
"Namoota amantaa hin qabne" ol aanaa keessatti gahee guddaa kan qabdu garuu baayyinni ummatashee waliigalaa sadarkaa olaanaatiin hir'achaa kan jiru Chaayinaa osoo hin dabalatiin, lakkoofsi namoota amantaaa hin qabne bakkeewwan biroo jiraatanii bara 2027tti miliyoona 180 oliin akka guddatu Pew beeksiseera.


























