Hospitaala Baatutti 'deessuun dogoggora ogeessan' du'uu hordofee komiin cime

Hospitaala Baatuu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Oromiyaa, Hospitaala Waliigalaa Baatuu keessatti deessuun 'dogoggora ogeessan' duute jedhamuu hordofee, qeeqni guddaan miidiyaa hawaasaa irratti ka'aa jira.

Dubartiin kun Kamisa sadaasa 12, 2026 ciniinsuun qabee gara hospitaalichaa deemtee turte.

Ogeeyyin fayyas tajaajila wal'aansa baqaqsanii yaaluun erga nagaan mucaa dhiiraa deessisanii booda, guyyaa muraasa booda hospitaalicha keessa bahuuf utuu qophooftuu, Sambata gaafa guyyaa 14, 2026 halkan naannawa sa'atii afuritti lubbuun ishee darbeera.

Kanaaf sababni ammoo ogeessi abba dabaree guyyaa sana haala fayyaa haadholii da'uumsan boodaa hordofaa ture ''qoricha dogongoraa'' kennuu hordofee akka ta'e maatiin BBC'tti himaniiru.

Obboleessi haadha deessuu duute kanaa Abdurahman Koorsoo, obboleettin isaa Bashuu Koorsoo Jimaata darbe ganama baqaqsanii yaaluun nagaan erga deessee, booda hordoffii da'uumsa boodaaf hospitaalicha keessa ciisaa turuu hime.

Haata'uu malee, Sanbata xiqqaa galgala ogeessi fayyaa kutaa da'umsaatti hojjatuu fi maqaan isaa 'Gazany Nagaash' jedhamu, qoricha akka qabduu gaafachuu hima.

Isheenis qoricha xumuruu fi yoo barbaachisaa ta'e ajaja doktorootan akka bitamuuf utuu gaafattuu, ogeessichi dhukkubsataa biraa irraa qoricha liqeeffatee waraanee jedhe.

Abdurahman akka jedhutti, ''Bashuun qorichi sun akkuma kennameefin booda gubaa cimaan isheetti dhaga'amuu himataa turte.''

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Haata'u malee, daqiiqaa muraasa keessatti lubbuun ishee darbuu hime.

Maatiin ishee maalummaa fi itti fayyadama qoricha haadha sanaaf kenname irratti gaaffii kaasaniiru.

''Qorichi qaama adoochu dogoggoraan kan kennamee ta'uu fi ajaja ogeessa malee utuu adda hin baafatin akka feeteen kennuufin hanqina ogummaa fi of eeggannoo dhabuuti'' jechuun Abdurahman kan dubbate.

''Qorichi kun kutaa wal'aansa baqaqsanii yaaluuf yoo ta'e malee kutaa dubartootni ciisan keessa galuuyyuu hin qabu. Yoo qoricha biroon wal makee gales ogeessi sun yoo xiqqaate maalumma qorichaa fi hanga isaa utuu adda hin baasiin akkamiin kenna?'' jedha.

Ogeessi fayyaa qoricha kana kenne jedhamuu fi namoonni dhimmicha keessatti gahee qaban akka gaafataman, akkasumas qorannoon walaba ta'e akka gaggeeffamus gaafataniiru.

Haata'u malee, qorichi dubartii sanaaf kenname maal akka ta'e, hammam akka kennamee fi du'a ishee waliin hariiroo akkamii akka qabu qorannoo ogeeyyii fi forensikiitiin adda hin baane.

Dhimmichi du'a haadha kanaa qofa osoo hin taane, Hospitaala Waliigalaa Baatuu keessatti tajaajila fayyaa kennamuu fi taatee wal fakkataan (dogoggorri ogeessaa) irra deddeebiin kan mul'atu ta'uu namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasaa irratti komataa jiru.

'Kun kan jalqabaati'

Hospitaala Baatuu

Hogganaan Hospitaala Waliigalaa Baattuu Obbo Idiriis Sharbee, taatee du'a Bashuu Koorsoon ogeessi isaanii shakkame to'annoo Poolisii jala ooluun dhimmi kun qoratamaa jiraachuu BBC'tti himan.

Akka Obbo Idiriis jedhanitti, qorannoon gama seeraa akkasumas sababa du'a haadha kanaa adda baasuuf qorannoon forensikii gaggeeffamaa jira.

Obbo Idiriis, jette jettee irraa kan hafe qorichi ogeessi kun kenne maal akka ta'ee fi du'aatii isheef sababa ta'uun isaa bu'aa qorannoo sanaan booda kan beekamu ta'uu eeran.

Ogeessi isaanii ogeessa hojii sana irratti muuxannoo qabu ta'uu fi ilaalcha itti yaadee dogongora sana raawwate jedhan akka hin qabne eeran.

Haa ta'uu malee ogeessoonni hanqina naamusaa qaban itti gaafatamummaan akka jiraatu kan itti amaanan ta'ullee komiin miidiyaa hawaasarratti ''Hispitaalicha keessatti dogoggorri wal fakkataan irra deeddeebiin raawwatama jedhu odeeffannoo haqa hin qabne'' jechuun haalaniiru.

Namoonni miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoo hin mirkanoofne qoodurraa akka of qusatanis waamicha dhiheessaniiru.

Hispitaalli isaanii du'a haadholii fi daa'immanii hir'isuuf hojiiwwan bu'aa gaarii argamsiisan heddu hojjachuu fi kanneen hanqina naamusaa qaban jiraaatanis, ogeeyyiin fayyaa hojii isaanii itti gaafatamummaa fi ofeeggannoon hojjataan akka jiran kaasan.

Akka Obbo Idiriis jedhanitti yeroo ammaa hospitaalicha keessatti dhukkubsattoonni gara 120 ta'an ciisanii yaalamaa jiru.

Kanneen gara 200 ta'anis guyyaa guyyaan deddeebi'anii tajaajila fayyaa argachaa akka jiran ibsan.

''Odeeffannoon ragaa hin mirkanoofneen ala odeeffamu ogeeyyin ofitti amanamummaan akka hojii isaanii hin hojjanne akkasumas hawaasni ogeeyyii fayyaa irraa amantaa dhabuun miidhaan caalu akka ga'u taasisa.'' jedhan.

Kanaaf namoonni miidiyaa hawaasa irratti komii isaanii dhiyeessan odeeffannoo doggoraa fi maqa balleessiin kan isaan gaafachiisu akka ta'e akeekkachiisan.

Gama biraatiin, Poolisiin dhimma kana hordofaa jiru adeemsa gama qorannoo seeran jiru irratti odeeffannoo miidiyaaf kennuu irraa of qusateera.

Insispeektar Nigat Midhaaksaa, qorannoon gaggeeffamaa waan jiruuf yeroo ammaa odeeffannoo miidiyaaf kennuun akka hin danda'amne BBC'f ibsan.