Dhukkuba daa'imman deemsaafi dubbachuu dhorku

Madda suuraa, Oleksii Bykov
Nikaan deemuu shaakalaa jirti. Haallishee yoo ilaalamu garuu fuuladurattuu hireen deemuushee waan ta'u miti.
Isheen umriinshee ganna sadi yoo ta'u akkuma daa'imman umriishee biroo qalbii gaarii qabdi.
Daa'imman kaanirraa wanti adda ishee godhe dhukkuba baayyee baratamaa hin taanee kan 'Hereditary Spastic Paraplegia type 47 yookan SPG47' jedhamuun qabamte.
Addunyaarraa namoota 130 qofatu dhibee kanaan qabamuun isaanii barame. Akka ogeessonni jedhanitti garuu, namootni kumaatama ta'an qorannoodhaan osoo hin baramin waliin jiraachaa jiraachuu malu.
Dhukkubni kuni sirna sammuu daa'immanii miidhuun carraa deemuu fi dubbachuu isaan dhabsiisa.
Kanneen dhukkuba Kanaan qabamuun dura deemuu fi dubbachuu danda'an ammoo erga dhukkuba Kanaan qabamanii dandeettii kana lamaanuu dhabuu danda'u jedhu Hospitaala Daa'immanii Bostan irraa Dr. Dariyus Ibraahim.
Waggootaaf dhibee SPG47 kanaaf yaaliin hin turre. Dhukkubichi carraan namarratti mudachuusaa gadi aanaa waan ta'eef kaampaanotni qorichasaa omishuuf maallaqa miliyoonaan lakkaa'amu baasuu hin barbaadan.
Kanaaf jecha maatiin daa'imman isaanii dhibee Kanaan jalaa qabaman teeraappii dhibee kanaaf ta'uuf maallaqa miliyoonaan lakkaa'amu walitti qabu.
Maatiin akka jedhanitti, qorichootni dhibee kana yaaluu danda'an sadarkaa yaalii Kilinikaalaa keessa dabarsuuf ammayyuu maallaqa doolaara miliyoonaan lakkaa'amu barbaada.
Harmeen Nikaa, Anaa Popovich daa'imni isaanii sadarkaa guddinaa gahuu qabdu yoo hanqattu hubatan. Waggaa tokkotti ofdandeessee taa'uu hin dandeessu lafumarra galgalatti ture.
Maatiinshee daa'imni isaanii dhibee kanan qabamuu kan baran waraana Raashiyaan biyya isaanii Yukireen irratti banteen baqatanii bara 2022 Rippaabliika Cheek erga gahaniin booda.

Madda suuraa, Oleksii Bykov
Nikaan dhukkuba gaggabdoo deddeebii qabu mul'isuu jalqabde. Doktoroonni qorannoo adda addaa taasisanilleen ka'umsasaa baruu hin dandeeye.
Qorannoo jenetikii taasifameef. "Maqaa dhibee SPG47 jedhu kana agarrraan googiliirra waa'eesaa dubbisuu jalqabne" jetti Popoviich.
Doktarri Nikaa yaalaa turtelleen maqaa dhibee kanaa yeroo jalqabaatiif akka dhageessee fi dhibe baayyee darbee darbee mudatu akka ta'e himte.
Dhibeen SPG47 maali?
SPG47 dhibee guddina narvii miidhudha. Balaan inni fidu garuu narvii miidhuu qofarratti hin dhaabbatu jedhu Ibraahim.
"Ijoollee baayyeerratti mallattoon isaa mul'achuu kan jalqabu waggaa tokkoffaa isaanii irratti. Guddinni isaanii nisuuta. Daa'imni akkasii umrii itti deemuu fi dubbachuu qaburraa baayyee duubatti hafa" jedhan.
Daa'imni akkasii yeroo umriin ganna afurii hanga ja'aa gahu irreen harkifamuun dabalaa deema. Kuni miilarra rakkoon jiraachuu akeeka.
Suutuma suuta dhukkubni itti cimaa deema. Daa'imni duraan dubbachuu fi deemuu danda'u gochoota kana gochuu nidhaaba.
Yeroo umriin isaanii ganna 10 hanga 11 gahu ammoo Wiilcheriin isaan barbaachisuu danda'a jedhu Ibraahim.
Dhaabbanni Faramasitikaalaa Bilaakfin Baayoo jedhamu akka jedhutti guutuu addunyaarraa daa'imman 3,600 ta'an yaala barbaadan jiraachuu akka danda'an tilmaama.

Madda suuraa, Chris Edwards
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Intalli Kiriis Ediwaard, Roobiin umriinshee ganna 12 yoo taatu amma Wiilcherii fayyadamti.
Isheedhaaf bara 2016 qorannoon taasifamee dhibee SPG47 qabamuushee yoo baramu akka addunyaatti nama 10ffaa taatee galmoofte.
Ameerikaa Kutaa Masachuseet irraa kan ta'e abbaanshee dhibeen kuni akka xiyyeeffannaa argatuuf guddoo dhama'anii ture.
Waa'ee dhibee kanaa barreesitoota qorannoowwan saayinsii maxxansan qunnamuun suuraa intalasaa ergaafii ture. Gorsaa fi gargaarsas gaafachaa ture.
A.L.A bara 2017 gareen ogeessotaa Hospitaala daa'immanii Boostanitti walgahuun Teeraappiin Jiinii daa'imman kunneen gargaaruuf humna guddaa akka qabu irratti waliigalan.
Eegasiin booda ogeessota barbaaduu fi tattaaffiiwwan maallaqa walitti qabuu jalqabaman.
Yeroo sanatti Ediwaard dhaabbilee guutuu addunyaarraa dhibeewwan baayyee hin baratamne irratti hojjetan dhibee SPG47'f qoricha akka barbaadanii fi galmeessan yaada kennaa akka ture hima,
"Dhaabbileen Baayooteeknolojii harki caalu sagantaan tokko daldalaaf mijataadha jedhamee lakkaa'amuuf yoo xiqqaate dhukkubsattoota 500 jiraachuu qabu jedhu"
"Adeemsa kana keessatti namoota gaggaarii hedduutu naquuname dhumarratti garuu hundisaanituu deebii walfakkaataa naaf kennan 'sagantichi baayyee xiqqaata' kan jedhu" jedhan.
'Dorgommii yeroo waliin'
Ediwaardi dhaabbilee hedduu biraa deebii gaarii erga dhabeen booda maatiiwan kaan waliin ta'uun dhaabbata bu'aaf hin hundoofne 'Cure AP-4' kan boodarra Bilaakfiin Baayoo jedhamu seene.
Maatiin daa'imman isaanii dhibee Kanaan qabaman guutummaa addunyaarra jiran maallaqa walitti qabuuf waligalan. Kirooshiyaa, Indiyaa, Liibiyaa, kaanaadaa, Jaappaan, Neezerlaand, Ameerikaa irraa kanneen walitti dhufani.
Abbaan Nikaa jalqabarratti waa'ee dhibee mucaasaa kana ibsuu fi deeggarsa gaafachuun hangam ulfaataa akka ture niyaadata.
"Kuni garuu daa'ima keenyaaf waan gochuu qabnu akka ta'e murteessineerra" jedhu.
Maallaqni maatiin kunneen walitti qaban walakkaan gara Yunvarsiitii Sheefiildi kan UK'tti argamuutti kan ergame yoo ta'u, Dr. Miimuun Azuuz dhibee SPG47'f teeraappii qopheessan.
Yaaliin kuni kan hojjetu jiinii fayyaa kan jiinii miidhame AP4B1 fudhachuun vaayirasii nagummaan isaa eegamee fi fooyya'e keessa kaa'uuni

Madda suuraa, Boston Children's Hospital
Saniin booda daa'imichaa vaayirasii kana limoon kennamaaf. Yeroo kana jiinii fayyaa qabeessi gara seeliiwwan sammuutti deema. Saniin booda sammuun jiinii miidhame sana dhiisuun jiiniiwwan fayyaa qabeeyyii fayyadamuu eegala.
Akka qorattoonni jedhanitti, yaaliin kuni daa'imman umriin isaanii waggaa tokkoo hanga shanii jiraniirratti baayyee milkaa'aa ta'uu dada'a.
"Dorgoommii yeroo waliin taasifamudha" jechuun ibsu Ibraahim.
"Daa'imni tokko qaama miidhamummaa keessa erga seeneen booda carraan yaalii irraa bu'aa guddaa argachuusaaa gara jalqabaa waliin yoo madaalamu gadi aanaadha" jedhan.
Bulchiinsi qorichaa fi Nyaataa Ameerikaa A.L.A bara 2025 yaalii jiinii kan dhibee SPG47 kana yaalii Kilinikaalaasaa mirkaneesse.
"Amma rakkoon saayinsii miti" jedhu Ibraahim Fakaarii.
Maatiin ijoolleen isaanii dhibee Kanaan miidhaman hanga ammaatti Dolaara miliyoona 1.5 walitti qabaniiru.
Garuu yaalii kilinikaalaa waggoota shaniif nagummaa fi bu'aa qabeessummaa isaa qorachuuf yoo xiqqaate doolaara miliyoona 3.5 barbaachisa.
Qorattoonni osoo fandii isaan barbacahisu harra argatanii yeroo ji'a ja'aa gadii keessatti daa'ima jalqabaatiif yaalii kennuu jalqabuu danda'u jedha Ibraahim.
Yaalii jalqabaa irratti hirmaachuun hammamilee balaa qabaachuu malus maatiin garuu yaalii kana taasisuun alatti filannoo biraa qabnu hin jiru jedhu.
"Nikaan amma umriinshee waggaa sadii, yaaliin kuni hanga gabaatti bahutti eeguu hin dandeenyu. Sababnisaas inni yeroo fudhachuu danda'a" jetti Popovich.

Madda suuraa, Oleksii Bykov
Akka Ediwaardi tilmaamutti qorichi kuni gabbifamee xumuramuun Ameerikaa keessatti hanga hojiirra akka ooluuf heeyyama argatutti Doolaara miliyoona 10 fixuu danda'a.
Maallaqni kuni guddaa waan ta'eef adeemsa kana keessa fulla'ee qorichi kuni daa'imman kunneen dhaqqabuun waggoota fudhachuu akka danda'us amana.
Popoviicha akka jettutti maatiin ijoollee kanaa karaa danda'ame kamiinuu maallaqa walitti qabuuf qophiidha.
"Nikaan dubbachuus deemuus hin dandeessu. Haala kaanan alatti isheen daa'ima dammaqxuu fi gammadduudha" jetti
Ediwaard ammoo intallisaa Roobiin yaalii qorichaa kana keessatti hammatamuuf waan guddoo taatuuf yaalii kanarraa fayyadamoo ta'uu dhiisuu dandeessi jedhu.
"Tattaaffii kana keessatti kanan guyyaa hunda hirmaachaa jiru daa'imni tajaajila yaalii qoricha kanaa fudhatee jijjiirama fiduun jireenyi daa'imman kanaa gara fooyyeetti jijjiiramee arguurraa hawwiin qabuuni" jedha Ediwaard.























