Suuraawwan filatamooo Afrikaa Waxabajjii 15- 21, 2018

Maxxanfame

Filannoo suuraawwan ardii Afrikaa fi addunyaa mara irraa.

Dubartii ifa cuqulissaa keessatti ragaddu
Ibsa waa'ee suuraa, Magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti shubbistuun saba Turkaanaa ifa cuqulisa keessatti do'ii agarsiiste
Dargaggeessa faayaa aadaasaatiin faayame.
Ibsa waa'ee suuraa, Saamburuu dabalatee bakka bu'ootni saba 14 argamanii turan
Dargaggeessa Eel Moloo fuula isaa halluu faayaa dibatee jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Hawaasni Eel Moloo, kan afaansaanii badaa jiru illee Keeniyaa keessa sabni garaagaraa jiraachuu agarsiisuuf dhufanii turan.
Dubartii callee Rendilee fuulaafi addasheerra keewwatte
Ibsa waa'ee suuraa, Warri Rendilee warra Saamburuu wajjin hariiroo gaarii qabu. Wal-fuudhuudhaanis aadaa wal-makaa uumaa jiru.
Hojii nahaasaa agarsiisaaf dhiyaate.
Ibsa waa'ee suuraa, Naayijeeriyaa magaalaa Beenin, kolonii Biriiteeniin dura teessoo moototaa turtetti hojiin nahaasaa agarsiisaaf dhiyaatera
Namoota marxoo diimaafi magariisa uffatanii do'ii sirbaa agarsiisan
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiiwwan Burundii kaampii baqattootaa Maalaawwiitti Guyyaa Baqattoota Addunyaa kabajaniiru.
Daa'imman dubaraa lamaa fi dhiira tokko waa harkatti qabatanii ilaalan
Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman Sudaaniifi Somaalii immoo Guyyaa Baqattoota Addunyaa magaala guddoo Siiriyaa Damaasqasitti kabajaniiru.
Dubartii elellaan addasheerratti godhattee sirbaa jirtu.
Ibsa waa'ee suuraa, Shubbistuu sirna eebba karaa saffisaa km 51 Chaayinaan ijaarame, magaalaa guddoo Yugaandaa fi buufata xiyyaaraashee Inteebee wal-quunnamsiisu irratti do'ii sirbaa agarsiiste.
Namoota Chaayinaa bidiruu bulguu fakkatu irra taa'an
Ibsa waa'ee suuraa, Hara Viiktooriyaatti Chaayinooti bidiruu fakkii bulguun tolfame irra ta'uun feestivaal wal-dorgommii taasisan
Poolisoota faaggaa ammayyaa afuufan
Ibsa waa'ee suuraa, Yugaandaatti baandiin poolisii yeroo maree nageenyaa taasifamutti pireezidantii Yuuweerii Museevinii fuulduratti do'ii sirbaa agarsiisan
Obbo Museeveniin paarlaamaatti Jaakkettaa guftaa qabu uffatan
Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Museeveeniin kobbortaaa guftaa qabu keewwachuun yakkamtoonni isa uffatan adda baafachuun akka nama rakkisu dubbatan
Magaala guddoo Ganaa Akiraatti taphataan kubbaa miilaa deeggartoota isaa waliin ofee yeroo ka'u.
Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan kubbaa miilaa Gaanaa Sulley Muntaarii yeroo Iidii Akiraatti footoo ofee deeggartoota isaa waliin ka'e
Taphataa sarara fuul-duraa Naayijeriyaa Geeba Addunyaa Ruusiyaa irratti yeroo qaama ho'ifatu.
Ibsa waa'ee suuraa, Taphataa sarara fuul-duraa Naayijeriyaa Geeba Addunyaa Ruusiyaa irratti yeroo qaama ho'ifatu.
Fakkii Moh Saalaahfi Fargusan ededa irraa mul'atu
Ibsa waa'ee suuraa, Fakkiin Mahammad Saaalaah fi leenjisaa duraanii Maanchistar Yuunaayitid Sar Aleeks Fargusan Seent Piitarbargiitti agarsiisa 'Laayik Gaads' jedhamurratti dhiyaate
Nama fuulasaafi qaamasaa qalama dibatee sirbaa jiru. Dubartiin tokko biraa suuraa kaasti
Ibsa waa'ee suuraa, Kaameruunitti immoo deeggaraan kubbaa miilaa imaltoota baaburaa bashannansiise.
Deeggaraa mataatti baarnexaa magariisa uffatee jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Deeggaraa kubbaa miilaa Naayijeriyaa buufata xiyyaaraa Ruusiyaatti balalii'uuf eeggachaa jiru
Deeggartoota harka bal'isanii sirbaa jiran.
Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni Seneegaal immoo Mooskoootti isa gareen isaanii Poolaandiin lamaaf tokkoon mo'atte kabajachaa jiru.
Afrikaa Kibbaatti, namoota gosa ispoortii Yogaa jedhamu hojjechaa jiran.
Ibsa waa'ee suuraa, 'Harka fuune!' jamaa Afrikaa Kibbaa, qarqara galaanaatti Yogaa hojjataniif...

Suuraawwan kuni AFP, EPA and Reuters irraa argaman.