Barsiisota barattoota dhiiraa umuriin hin ga'iin irratti haleellaa saal-quunnamtii raawwatan adabaman

Suura Naa'omii Teekiyaa Kireeg lama wal cinaatti mul'atu.
Ibsa waa'ee suuraa, Naa'omii Teekiyaa Kireeg nama ganna 34 taatee gurbaa barataashee ta'e umuriin isaa waggaa 12f ulfoofte
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Yeroo baayyee dhiirotatu shamarran umuriin hin ga'iin fedhii saalqunnamtiif miidhaa irraan ga'uun himatama. Aadaa biyyoota baayyee keessattis dhiironni yeroo shamarran umuriin hin ga'iin yeroo miidhaa saal-qunnamtii irraan ga'an irra deddeebiin ni mul'ata.

Dhiyeenyuma kana Godina Kibba Lixa Oromiyaa magaalaa Jimmaatti manguddoon ganna 65 shamarree umuriin ishee ganna 11 gudeeduun hidhaan itti muramuu gabaafamee ture.

Faallaa kanaan ammoo dubartoonni ijoollee dhiiraa umuriin isaanii hin ga'iin waliin saalqunnamtii akka raawwataniifi miidhaa geessisanis darbee darbee ni dhaga'ama. Keessumaa barsiisonni barattoota isaanii dhiiraa umuriin hin ga'iin irratti miidhaa saalqunnamtii yeroo geessisan ni mul'ata.

Taateen tibba kana Awustiraaliyaarraa dhaga'me kana waliin wal qabatu ijoo dubbii ta'eera. Mudannoon Awurstiraaliyaatti dhaga'ame kun kan jalqabaa miti.

Baroota dhiyoo as biyyoota gara garaa keessatti barsiisonni ijoollee dhiiraa barattoota isaanii ta'an waliin gocha fedhii saalqunnamtii hin malleefi seeraan alaa adabamaniiru.

Barsiisota barattoota dhiiraa umuriin hin ga'iin waliin saalqunnamtii raawwachuun adabaman muraasa akka itti aanutti dhiyeessineerra.

1. Naa'omii Teekiyaa Kireeg-Austiraaliyaa

Barsiistuun Naa'omii Teekiyaa Kireeg umuriin ishee waggaa 34 taate barataashee umuriin isaa waggaa 12 irraa mucaa godhatte.

Lixa Awustiraaliyaatti himata 12 irratti dhiyaateen yakkamtuu ta'uunis hidhaan waggaa saddetii fi ji'a ja'aa itti murtaa'eera.

Dubartiin tun bara 2023 barsiiftuu gosa barnootaa muuziqaa mana barnootaa Maanduraah kan kibba Peerz keessarri argamuu turte.

Boodarra hariiroo maatii isaa waliin uummatte. Haadha isaa waliin walitti dhiyaatte, geejjiba mana barnootaanis isa gargaaruu eegalte.

Mucaan kun booda mana barnootaa jijjiirus Kireeg garuu hariiroo isa waliin qabdu itti fufte.

Sarbamni kun wayita mucaan waggaa 12 gahu raawwatame. Waggaa tokkoo oliifis itti fufe.

Gochaan kun kan barame haati mucaa shakkuun kaameeraa mana keessatti erga hiite booda. Viidiyoon isaas poolisiif kenname.

Kireeg Muddee 2025 kan to'annoo jala oolte yoo ta'u, ji'a itti aanutti immoo daa'ima dubaraa deesseetti.

Qorannoon DNA mucaan sun abbaa daa'imichaa ta'uu isaa mirkaneesseera.

Mucaa kanaaf kennaawwan adda addaa bitaa, sochii isaa miidiyaa hawaasaa irratti hordofaa, akkasumas isarraa ijoollee dabalataa godhachuu akka barbaadu itti himaa akka ture mana murtiitti himameera.

2. Marii Kaay Letornuu - Yunaayitid Isteetis

 Marii Kaay Letornuu

Seenaan dubartii kanaa tarii addunyaarratti hariiroo barsiistota dubartootaa fi barattoota isaanii dhiiraa walitti fiduun ijoo dubbii ta'e adda dureedha.

Dubartiin umuriin ishee waggaa 34 ta'e Marii Kaay Letornuu bara 1996 Waashingiteen Isteetii keessatti barsiistuu mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa ture. Bara sana keessa barataa ishee umuriin isaa waggaa 12 ta'e Viilii Fu'aalaahu waliin saalqunnamtii raawwachuu eegalte.

Dubbiin kun erga Marii Letornuun ulfootee bara 1997 daa'ima tokko deessee booda beekamtii addunyaa argate. Boodarra ijoollee gudeeduun yakka lamaan itti murtaa'ee hidhaa waggaa torbaan adabamte.

Boodarra hayyama sochii murtaa'aa ta'een hidhaatii baatus, seera sochii sana cabsitee gurbaa sana ykn Viilii Fu'aalaahu waan qunnamteef mana hidhaatte deebite. Bara 2020 ammoo du'aan addunyaa kanarraa boqotte.

3. Debraa Lafaav - Yunaayitid Isteetis

Debraa Lafaav

Debraa Lafaav Isteetii Filooriidaa keessatti barsiistuu mana barumsaa sadarkaa giddugaleessaa yeroo turtetti bara 2004 barataashee umuriin isaa waggaa 14 waliin saalqunnamtii raawwachuun himatamte.

Gochi isheen ittiin himatamte kun mana barumsaattis, manattis raawwatamaa kan turedha.

Waggaa itti aanutti yakka ijoolleerratti miidhaa saalqunnamtii raawwachuun yakkamtuu taatee waggaa sadiif hidhaa mana keessaa, waggaa torbaaf ammoo seeraan sochiin isheen taasiftu akka hordofamu itti mrutaa'e.

Kana malees, dubartii yakka saalqunnamtiin walqabatuun galmooftee daa'imman waliin akka hin hojjennes dhorkaan irra kaa'ameera.

4. Pamelaa Roojaars - Yunaayitid Isteetis

Dubartii adii barcumarra taa'aa jirtu

Pamelaa Roojars Ameerikaa Isteetii Teneesee keessattibarsiistuu Fiiziksii turte. Mana barumsaa itti barsiistu keessatti barataa barsiistu tokko waliin hariiroo saalqunnamtii qabaachuun yakkamtuu taate. Pamelaan gocha raawwatte kanas amanteeti.

Dhimmi kun caalaa akka ijoo dubbii ta'u kan taasise ammoo Pamelaa Roojars gocha kanatti akka hin deebine dhorkamtee booda gurbaa sanatti deebiyuu ishee aanga'oonni irra ga'uu isaaniiti.

Erga dhorkamtee boodayyu ergaawwan qabiiyyeen isaa saalqunnamtii waliin walqabtu kara atoora interneetii barataa kanatti ergaa turte.

Bara 2006 keessa dhorkaa kaa'amerra darbee waggaa torba akka hidhamtu itti murtaa'e.

5. Isteefenii Ragusaa - Yunaayitid Isteetis

Isteefenii Ragusaa

Yunaayitid Isteetis keessatti barsiituu Herregaa kan taate Isteefenii Ragusaa bara 2010 ijoollee dhiiraa lama umuriin isaanii waggaa 14 fi 16 ta'an irratti yakka saalqunnamtiin walqabatu raawwatteen hidhaa waggaa 10n adabamte.

Ijoollee dhiiraa kanneen lamaan keessaa tokko rakkoon qoor-qalbii isa mudachuu manni murtiirratti himameera.

Yeroo murtiin darbetti Isteefenii Ragusaa amaanaa maatiin itti kennatan fi ilaalcha hawwaasichi barsiisotaaf qabu ganteetti jedhame.

Hidhaa itti murame erga xumurtee boodas, akka dubartii saalqunnamtii waliin walqabatee yakka raawwatteetti hordoffii addaa jala akka taatu murtaa'e.

6. Istaasii Shuler - Yunaayitis Isteetis

Istaasii Shuler

Istaasii Shuler Mana-barumsaa Sadarkaa Lamaffaa Maason Ohayoo jirutti barsiistuu fayyaafi jabeenya qamaati. Ijoollee dhiiraa shan irratti bara 2010 yeroo gara garaatti miidhaa saalqunnamtii raawwachuun bara 2011 keessa yakkamtuu taateetti.

Yakka saalqunnamtii raawwatteen ala ijoollee umuriin hin geenyeef alkoolii kennuunis yakka raawwatteetti.

Himannaa irratti dhiyaate kana rakkoo fayyaa sammuun qaba jettee falmuuf yaaltus, manni murtii garuu hidhaa waggaa afuriin ishee adabeera.

Gochi Istaasii Shuler ijoollee baayyee irratti raawwatamuu isaafi, isaan keessaa tokko yeroo barsiistuu kana waliin hariiroo saalqunnamtii qabaachaa turtetti waan isarra gahe "hamaa" akka ture ibsuu isaatiin ijoo dubbii ta'ee ture.

Falmii deemaa jiru

Akkuma kanaan dura yeroo gara garaatti ture, gochi barsiistuu Awustiraaliyaa Naa'omii Teekiyaa Kireeg tibbana raawwatte dhimmi kun deebiyee falmii akka kaasu ykn ijoo dubbii akka ta'u godheera.

Ogeessonni eegumsa daa'immaniirratti hojjetan akka jedhanitti, umuriin nama yakka kana raawwatuu hanga fedheyyu ta'u, hariiroon saalqunnamtii ga'eessi aangoo qabu tokko daa'ima tokko waliin taasisu miidhaa saalqunnamtiidha.

Ogeessonni kunneen ga'een barsiisotaa fi dhaabbileen barnootaa daa'imman kunuunsa isaanii jala jiraniif itti gaafatamuu ta'uu cimsanii hubachiisaniiru.