Sa'udiin namicha ergaa Feesbuukiirratti maxxanseef du'a itti murteessiteef dhiifama akka gootu gaafatamte

Anojaan Sivarasaa
Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin Anojaan Sivarasaa erga haala ilmi isaanii itti jiru erga dhaga'anii torban tokko darbeera
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

"Dogoggora ilmi kiyya hojjeteef araara akka gootaniif isin nan kadhadha. Maaloo dhiifama isaaf godhaatii deebisaa gara keenyatti ergaa."

Rasmaanikam Yogalakshmii miira abdii kutannaa keessa taatee imimmaaniin ilmashee angafaa Anojaan Sivarasaaf dhiifama gaafachaa jirti.

Dargaggeessi waggaa 24 Anojaan Sivarasaa hojiif biyya itti baqate Sa'ud Arabiyaatti manni-murtii ijibbaataa ergaa fuula Feesbuukii isarratti baaseen amnataa Islaamaa fi Nabiyyuu Mohaammad arrabsuu isaatiin himatee murtee du'aatu isa eeggata.

Dhimmi kun Sirii Laankaa keessatti naasuu guddaa kan uume yoo ta'u, guutummaa biyyattii keessatti yaaddoo guddaa waan uumeef hawaasni sivilii iyyata galchuuf sagalee walitti qabaa jiru.Paartileen siyaasaa fi qaamoleen mootummaa hedduunis araarri nama kanaaf akka ta'uuf gama dippilomaasiitiin carraaqaa jiru.

Haata'u malee, maatiin nama kanaa erga Fulbaana 28 as ilmi isaanii haala maalii keessatti akka argamu odeeffannoo hin qaban.

Mootummaan Siri Laankaa wayita carraaqqiin gama dippilomaasiin taasifamaa jiru kanatti maatiin himannaawwan dabalataa akka hin dhiyeessineef gaafateera.

Aanga'oonni Sa'udii guyyaa murtee du'aa kana itti raawwatan hin baasiin kan jiran yoo ta'u, guyyaan itti raawwatan yoom akka ta'e ifa miti.

Sa'ud Arabiyaan osoo maatii fi embaasiiwwan alaa hin beeksisiin murtee du'aa hojiirra oolchuun kan beekamtu yoo ta'u, erga murtee du'aa hojiirra oolchitee qofa firoota beeksifti.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Anojaan taatee wayita imala amantaa Hinduu Siri Laankaa keessatti mudate hordofee falmii miidiyaa hawaasaa irratti ka'een booda seeratti dhiyeeffame.

Ji'a Wxabajjii keessa suurri dargaggeessi Musliima ta'e tokko imala amantaa HInduu hordofee yeroo saree tokko dhiitu agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoodamuun toora interneetiirratti falmii amantaa kaasee ture.

Walitti deddeebisuu keessa, namni miidiyaa hawaasaa fayyadamu tokko safuu Hinduu ilaalchisee ergaa arrabsoo qabu tokko maxxanse. Kun ammoo Anojaan afaan Taamiliitiin Nabiyyuu Mohaammd arrabsuun akka deebii kennu isa godheera.

Anojaan yaada maxxanse sana battalumatti deebisee haquun viidiyoo dhiifamaa baasullee, dursee iskiriishoot fudhatamee hojjechiisaa isaafi aanga'oota Sa'udii bira gaheef ji'a Adoolessaa keessa akka to'atamu taasifameera.

To'achuun booda aanga'oonni Sa'udii meeshaalee isaa dhuunfaa erga fuudhaniin booda akkaawontii miidiyaa isaa haqaniiru.

"Namoonni Sa'ud Arabiyaa keessaa dhimma kana waan beekan hin qaban. Namoota Siri Laankaatu iimeelii gara kampaanii obboleessi koo keessa hojjetuutti erge. Namoonni kunneen eenyu akka ta'anillee ibsuu hin barbaadu," jechuun BBC SInhala'tti dubbate obboleessi Anojaan, Hamsidaan Sivarasaa.

Akka Hamsidaan jedhutti, kampaanii Anojaan qacaretu aanga'oota Sa'ud Arabiyaa himannihca banan beeksise.

Anojaan jalqaba Mana-murtii Yakkaa Al-Ahsaatiin hidhaa waggaa shanii fi adabbii maallaqaa riyaalii Sa'udii miliyoona 3 ture kan itti murtaa'e.

Akka ministirri dhimma alaa Siri Laankaa Vijitaa Heraaz jedhutti iyyannoon murtii isarratti darbe kana akka hir'atu gochuuf Anojaan bakka bu'uun taasifame kufaa ta'eera.

Himanni kun Fulbaana 17 abbootiin alangaa Sa'udii Anojaan seera yakka saayibarii biyyattiin osoo hin taane seera Shari'aa jalatti akka ilaalamuf iyyachuun isaanii dhimmichi addatti akka ilaalamu taasiseera.

Manni-murtii ijibbaataas gaaffii abbaa alangaa fudhachuun gara adabbii du'aatti ol guddiseera.

Ministeerra Dhimma ALaa Siri Laankaa Anojaan gargaaruudhaaf waan gochuu danda'u akka raawwachaa jiru mirkaneesseera.

Maatiin nama kanaa Fulbaana 21 Sekireetaarii Pirezidanshiyaal irratti Pirezidant Anuuraa Kumaara Disaanaayaakee waliin wal arganii ture.

Pirezidaantichis karaa dippilomaasii jiru maraan aanga'oota Sa'udii waliin akka dubbatan ajajuu himuun, mootummaan dhiifamni nama kanaaf akka taasifamuuf waan hin goone hin jiru jedhe.

Dhimmi kun deeggarsi amantaalee gara garaa gidduutti akka jiraatuuf walitti fideera. Hogganaan Budistii buleessi, Mahanayaankee Teroos warra Ramaanaa Nikaayaa fi Amraapuraa Mahaa Nikaayaa, hogganaa amantaa Hiduu waliin ta'uun hatattamaan gidduu akka seenamuuf gaaffii Sekireetaariyaatii Pirezidanshiyaaliif dhiyeessaniiru.

"Sa'ud Arabiyaa keessatti dhimma Anojaan qabatanii kan jiran dhaabbileen seeraa lamatu jiru. Abootii seeraa dhaabblee kanneen lamaan keessa jiran bira deemuun dhimmicharratti dubbannee waan itti aannee hojjechuu dandeenyu karoorsina," jechuun BBC Sinhala'tti hime Gorsaan Pirezidantii Upul Kumarapperumaa.

President Anura Kumara Dissanayake recently met Anojan's family  Pirezidant Anuraa Kumaraa Disanayaakee dhiyeenya kana maatii Anojaan waliin wal argeera
Ibsa waa'ee suuraa, President Anura Kumara Dissanayake recently met Anojan's family Pirezidant Anuraa Kumaraa Disanayaakee dhiyeenya kana maatii Anojaan waliin wal argeera

Amma komunikeeshiniin Anojaan fi maatii isaa biyya jiran waliin jiru guutummaatti addaan citeera.

"Haati kiyya guyyoota lamaaf hin bilbille," jedhe Hamsidaan Fulbaana 28. "Dhimmicha hordofanii waan haaraa jiru akka nuun ba'aniifi embaasii fi aanga'oota gaafanneerra. Isaanis ni hordofna nuun jedhan. Deebii hin argatiin waan jirruuf ammallee eegaa jirra."

Mannene hidhaa Sa'udii keessatti hidhamtoonni murtii du'aa eeggachaa jiran bilbilli harkaa waan isaaniif hin kennamneef karaa aanga'oota mana hidhaatiin eegumsa addaa keessatti qofa bilbila idilee argatu.

Jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman irra deddeebiin Sa'ud Arabiyaa keessatti murteewwan hamaa mirga karaa toora interneetiirraan of ibsachuurratti taasisaniif kennamuun yaaddoo qaban kaasaa turaniiru.

Adoolessa 2023, barsiisaan Sa'udii soorama bahe Mohaammad Al Gamdii, yaada miidiyaa hawaasaa gara garaa irratti baaseen murteen du'aa itti murtaa'uu dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii himee ture.

Yeroo sanatti Daarektarri Qorannoo fi Abukaatummaa Ainistii Internaashinaal kan Baha Giddu Galeessaa fi Kaaba Afrikaa kan ta'an Filiip Luuter, "Akkaawuntii Tiwiitara isaa lamaan maqaan isaa hin ibsamne lamaan irratti walumaa galatti hordoftoota 10 qofa kan qabuu fi miidiyaa hawaasaa irratti yaada isaa ibsuu malee waan biraatiin kan hin himatamne Mohammad bin Nasser al-Ghamdi irratti murtiin du'aa itti murtaa'e waan nama kofalchiisudha," jedhe.

Boodarra Murtiin Al Ghamdii fooyyaa'ee hidhaa waggaa 30n adabame.

Sa'ud Arabiyaa keessatti hojjettoonni biyya alaa miiliyoona 10 ol akka jiran Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) beeksise. Gareen mirga falman hojjettoonni godaantootaa mindaa xiqqaa qaban sirna seeraa Sa'udii keessatti sababa danqaa afaanii fi bakka bu'ummaa seeraa sirrii dhabuu irraa kan ka'e saaxilamummaa adda ta'e akka isaan mudatu cimsanii dubbatu.

Ajjeechaa arrabsootiin raawwatamu kan yakka qoricha sammuu namaa hadoochu ykn ajjeechaa manneen murtii Sa'uudii Arabiyaatiin raawwatamuun wal bira qabamee yoo ilaalamu baay'ee xiqqaadha.