Namichi yeroo tokkotti waajjira shanitti hojjechaa ture yakkamaa ta'e

Nama jaakkeetii gurraacha koofiyyaa qabu, kishaafee(manatsarii) gurraacha fi guwaantii gurracha keewwate.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hojjetaan mootummaa tokko yeroo tokkoon hojiiwwan gosa adda addaa shan kan yeroo hojii guutuu gaafatanitti qacaramuun hojjechaa ture himannaa waliindhahuu irratti banameen yakkamaa ta'e.

Baha Landan keessa kan jiraatu Kaashiim Chawudirii bara 2023 keessa yeroo wal fakkaatutti waajiraalee mootummaa shan keessa dhaabbataan hojjechaa miindaan kaffaklamaafiif ture.

Namni umuriin isaa waggaa56 ta'e kun bakka shanan hojjeturraa Paawondiin 284,000 kaffalameeraaf.

Abbaan alangaa "ta'e jedhee sobuu fi hojmaata mootummaa qisaasuun" himateera.

Himannaawwan waliindhahuu saddetii fi karaa sobaan of dhiyeessuutiin yakkamaa ta'ee argameera.

Haati alangaa yakkawwan faayinaansiin wal qabatanii Saaraa Meeloo "yeroo wal fakkaatutti waajiraalee hundatti qacaramuun akka hin danda'amne osoo beekuu gocha kana raawwateera," jette.

Dubbi himaan waajira Dhimmoota Naannoo, Soorataa fi Baadiyyaa, "akka tajaajilaa ummataatti amaanaa itti kenname hanqiseera," jedhe.

Kaashiim Chowuduurii waggoota 2020 hanga 2023 jiran keessatti hojii dhaabbataa yeroo guutuu saddet qaba ture.

Kaashim himannaa isarratti dhiyaate waakkateera. Manni murtii ammaa yakkamaa ta'uu mirkaneessus murtii dhumaa hin dabarsine.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Kan irra caalaa nama dinqummoo mala inni ittiin hojiiwwan shananuu walfaana adeemsisuuf yaale ture.

Bakka hojii tokkotti heeyyama dhukkubaa erga, bakka dhibii ammoo mana taa'ee hojjetee galii Paawundii 350,000 walitti qabate. Kunis irratti baramee himanni itti baname.

Manni murtii Saawuzwark Kiraawunitti galmeen himatichaa akka ibsutti, namni kuni yeroo viidiyoodhaan hogganaa isaa waliin haasa'u fuulasaa irratti meekaappii adii hojjetatee kan turee fi garuu meekaappiin kuni irraa ka'uu jalqabee akka ture ibsa.

Ga'eessi kuni yeroo beeksisni hojii bahee bakkichatti dorgomu ragaalee sobaa dhiheessuun hojiiwwan kana akka argate himatni isarratti baname ni mul'isa.

Turtii waggoota sadii keessatti Baha Londonitti kan argamu Kaawunsilii Toower Haleetis, Hoom ooffis, qajeelcha dhimmoota naannoo, nyaataa fi baadiyyaa, Ejensii nagummaa fayyaa UK, fi qajeelcha fayyaa fi kunuunsa hawaasummaa keessatti hojiiwwan adda addaa hojjetaa ture.

Bara 2023 ejensii nagummaa fayyaa UK keessatti hoggantuusaa kan turte Alishaa Adaams, waa'ee dhukkubsachuu isaa isa waliin mari'achuuf viidiyoodhaan bilbilteefii akka turte mana murtiitti himte.

Adaams akka jettutti, Chawudihuriin waan dhukkubsate fakkeessuuf fuula isaa irratti meekaappii hojjetatee ture.

Osoo haasaa Viidiyoonii sanarra jiranii meekaappiin fuulasaarraa gadhiisaa akka tureefi gogaan qaama isaa jalaa akka mul'ataa ture himte. Inni yeroo sanatti gitawwan hojii adda addaa shaniin mindaa guutuu argataa ture.

Abbaan Alangaa Luusii Arigan Mana murtii irratti akkas jedhan "himatamaan kuni walgahii garee irratti fuulasaa meekaappii dibatee ture. Kunimmoo hojii gaggeessaan inni akka dhukkubsachaa jirutti akka yaadu godheera" jedhan.

"Taateen kolfisiisaan kuni himatamaan kuni shira hojjechuuf fageenya hagamii akka deeme kan nama hubachiisudha" jedhan.

Akka abbaan alangaa jedhanitti, Chawudihuriin yeroo weerara Koronaavaayirasii sana kan jalqabame aadaa hojii manaa hojjechuu garmalee fayyadameera.

Kana malees, namni kuni harmee isaa dhukkubsattuu waan taateef ishee kunuunsuuf jecha hojii mana taa'ee hojjechuuf hoggantootasaa amansiisees ture.

Haa ta'u malee dhiibbaan hojii shanii kuni garmalee waan itti ulfaataa deemeef raawwiin hojiiwwan isaa gadi bu'aa akka deeme himu abbaan alangaa.

Manni murtii namni kuni sababa 'dhiphinaa fi mukaa'uutiin' hojiiwwan kaan irraa akka ari'ame odeeffateera. Haata'u malee, ragaa dhukkubaa isaa dhaabbilee keessa hojjetu hundaaf hin galchine.

Abbootiin seeraa hojii waliindhahuu ga'eessii kuni hojjete kan dhagahan erga dhaabbanni kaka'umsa waliindhaha biyyaalessaa too'atu dhaabbata inni keessa hojjetaa ture keessaa tokko kan ta'e dhaabbata nyaataa fi dhimmoota baadiyyaa (Defra)f odeeffannoo kenneen booda.

Dhadhachi himatamaa kanaa itti fufee jira.