Sa’udiin diroonii Huutiin Makka fi Madiinaatti ergu qolataan jira jetti

Huutiin Riyad keessatti buufataalee boba’aa lama haleeluu hime, Gamtaan Sa’udiin durfamu ammoo diroonii Makkah fi Madiinaatti boombii darbachuuf turte afur qilleensarratti qolachuu beeksise. Duubbiin himaan waraanaa garee Huutii Yahyaa Sarii’, “sobaa fi maqaa balleessii” jechuun himannicha kuffissera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lukaakuun soorama bahuu ibse

    Romeloo Lukaakuu

    Beeljiyeemiif taphachuu keessatti "tokkoo tokkoo taphan dabarseetti gammadeera" kan jedhe Romeeluu Lukaakuu,kubbaa miilaa sadarkaa idil-addunyaa irratti hirmaachuurraa soorama ba'uu beeksise.

    Yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 33 kan ta'e Lukaakuun kilaba Fenerbaacheef taphataa jira.

    Taphataa sarara ittisaa kun garee biyyaalessaa biyyasaa Beeljiyeemiif bara 2010 taphachuu kan jalqabe yoo ta'u, taphoota 135 irratti hirmaatee goolii 94 lakkoofsisuun taphataa yeroo hunda biyyattiif goolii galchuun dursa qabate ta'eera.

    Sadarkaa addunyaatti ammoo Suunil Cheetirii, Alii Daa'ee, Liyoonel Meesii fi tokkoffaarra kan jiru Kiristaanoo Ronaaldootti aanee sadarkaa shanaffaa qabateera.

    Addunyaarratti goolii 146 qabatee dursaa kan jiru miillanuma soorama kan bahe Kiristaanoo Ronaaldoodha.

    Isa ganna darbe kana biyyisaa hanag anuusa-xumuraatti deemerratti dabalatee Lukaakuun, Waancaa Addunyaa afur irratti goolii saddet lakkoofsiseera. Awurooppaa Shaampiyoonshiippii sadii irratti ammoo goolii ja'a lakkoofsiseera.

    Taphataa duraanii kilaboota akka Everten, Chelsii fi Maanchester Yunaayitid kan ture Lukaakuun ergaa fuula Instagram isaarratti barreesseen, hiriyyoota isaa fi leenjistoota isaa turtii garee biyyaalessaa waggoota 16 keessa "garee kana akkan gargaaruuf waan na utubaa turtaniifi anatti amantaniif" galatamoomaa jedheera.

    "Waggoota 16 kanneen keessatti baree biyyaalessaa kanaanf waanan danda'u godheera... miira jiru hunda argee keessa darbeera," jedhe.

    "Deeggartoota Beeljiyeemiif, deeggarsa garee biyyaalessaa keenyaaf gootaniif galatoomaa. Biyya koo Waancaa Addunyaa afurii fi Awurooppaa Shaampiyoonshiippii sadiirratti bakka bu'uu kootti nan boona."

    "Waanan yeroo kana keessatti dabarse tasa hin dagadhu. Asirratti dhaabuuf murteen fudhadhes itti gammadeenidha. Waan ajaa'ibaa ture. Turii gammachiisaa ture. Hunduu galatoomaa."

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  2. Dacheen Addeessa lamaffaa argatte

    Addeessa haaraa xiqqoo orbiitii Dacheerra marsaa jirtu

    Dacheen Addeessa biraa yeroodhaaf turu argachuushee astiroonoomeroonni himan.

    Asteroid [akaakuun pilaanetii] kun maqaa 2026 QQ8 jedhuun kan beekamte yoo ta'u Hagayya keessa astiroonoomerii lammii Hangaarii Kiristiyaan Sarneezkii jedhamuun argamte.

    Haata'u malee, Yuuniyeeniin Astiroonoomikaal Idil-addunyaa (IAU) ji'a darbe keessa ture ifatti argannoo kana kan ibse.

    Akka saayintistoonni tilmaamanitti Addeessi xiqqoo kun daayaameetira 2 qofadha. Dacheerraa ammoo kiiloomeetira 500,000 kan faggaattu yoo ta'u, kun ammoo Addeessa isa guddicha caalaa fagaattee argamti.

    Addeessi haaaa kun yeroof kan turtu yoo ta'u, harkisa lafaa (gravitiy) Dacheetiin waan hidhata qabduuf yeroo murtaa'eef orbiitii pilaanetii keenyaarra naanna'aa turti jedhameera.

    Akka astiroonoomeroonni amananitti, Dacheen Addeessa QQ8 jedhamte kana waliin bara 2026 keessa walitti kan dhufte taatee Ebla keessa mudatee Dachee irratti dhiibbaa uumeen gara pilaanetii keenyaa kanatti baate. Ji'oota lamaan booda garuu imala ishee karaa hawaatiin deebitee akka lixxu eegama.

    Addeessi xiqqoo kun balaa Dachee irraan geessu akka hin qabne saayintistoonni himaniiru.

    Odoo kana waliin deman biroof:

  3. US doonii waraanaa xiyyaara baattu sadaffaa gara Baha Giddu Galeessaatti ergite

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Ameerikaan doonii waraanaa xiyyaara baattu sadaffaa gara Baha Giddu Galeessaatti ergiteerti.

    Qondaalli waraana Ameerikaa tokko michuu BBC US kan ta’e CBS'f akka mirkaneessanitti, amma dooniin fe'umsa xiyyaarota waraanaa ''USS Theodore Roosevelt' jedhamtu Baha Giddu Galeessaa qaqqabdeerti.

    Kanaaf, naannicha keessa gareewwan doonii waraanaa xiyyaara baatan Ameerikaa sadiitu argamu.

    Dooniin kun dooniiwwan kana dura achi turan USS George Washington fi USS George W. Bush naannicha keessa socho’aa jiranitti makamteerti.

    Sochiin waraanaa kun yerootti muddamni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru itti fufee jiruu fi Pirezidaanti Donald Tiraamp keessatti immoo haleellaa waraanaa bal’aa Iraan irratti deebisanii jalqabuu ilaalchisee mariin taasifamaa jirutti raawwatame.

    Kunis yeroo Tiraamp marii dipilomaasiif gara Chaayinaatti imaluun Pirezidaantota Chaayinaa Shi Jinpingi fi Raashiyaa Viladimir Putin waliin mari’achuuf jira.

    Dhimma Iraan irratti mari’achuunis ajandaa isaanii keessaa tokko ta’uu eegama.

    Dooniiwwan waraanaa sadan kun yeroo hammamiif naannicha keessa akka turan hin beekamu. Qondaaltonni Ameerikaa, yoo barbaachise sadan isaanii naannicha keessa turuu akka danda’an ibsan.

  4. 'Netaniyaahun aangoorra daqiiqaa tokkoof illee turuu hin qabu'-Eesenkot

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Gaadi Eesenkot, filannoo biyyattii hordofee pirezidaantiin biyyattii mootummaa haaraa akka ijaaru itti gaafatamummaa kenneef, MM Benjamin Neetaniyaahuu aangoorraa hatattamaan akka ka’u gaafate.

    Eesenkot, erga gargaaraan Netaniyahu tokko filannoo irratti dhiibbaa uumuun shakkame booda, amalli Netanayahu fi namoota isaatti dhihoo jiran “demokiraasii Israa’eliif balaadha.'' jedhe.

    ''Dhiibbaan taasifamaa jiru balaa dimokiraasii Israa’el irratti aggaamame fi furmaata hatattamaa barbaadus'' jedhe.

    Israa’el keessatti bakka kamiyyuu balaa, odeeffannoo dogoggoraa fi fedhii siyaasaa Netaniyahuu aangoo irra turuuf itti fayyadamuu irraa bilisa mitis jechuun ibse.

    Itti dabaluunis, “Inni sarara diimaa hunda darbeera. Haala kam keessattiyyuu, daqiiqaa tokko dabalatee aangoorra akka turuuf hayyamamuu hin qabu,” jechuun dubbate.

    Gabaasni miidiyaa Israa'el akka ibsutti, odeeffannoo namni waajjira Netanyahu hojjetaa ture kenneen, filannoo dura miseensoti paartii Arab-Israa’el Ra’am sadii to’annoo poolisiis jala oolanii ture.

    Booda garuu odeeffannoon sun kan bu’uura hin qabne ta’uun erga mirkanaa’ee booda gadhiifaman.

    Esenkot dhimma kana irratti qorannoon hatattamaan akka jalqabamus gaafateera.

  5. Saalaan gooliidhaan seenaa garee biyyaalessaa Masrii dursaa jiraa? Mormiin ka’e

    Mo saalaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Mo saalaa

    Dursaan garee biyyaalessaa Masrii, Mohamed Saalaah, goolii 70ffaa garee biyyaalessaaf erga lakkoofsiseen booda, miidiyaalee hawaasaa irratti falmiin bal’aan ka’eera.

    Falmiin kun Saalaan gooliiwwan baay’inaan garee biyyaalessaa Masriif galchan keessatti sadarkaa jalqabaarra jiramoo, Leenjisaa isaa duraanii Hossam Hassan caaluu kan jedhu irratti xiyyeeffata.

    Wal falmiin kun kan eegale, Masriin tapha dorgommii Waancaa Biyyoota Afrikaa bara 2027 irratti Maalaawii galchii 5-0'n erga injifatte booda.

    Tapha kana irratti Saalaan goolii lama galcheera.Kanaanis garee biyyaalessaa Masriif goolii 70ffaa galchee jedhamuun akka rikaardii qabateetti kabajameera, uffanni lakkoofsi 70 irratti barreeffames isaaf kennameera.

    Taatee kanaan namoonni hedduun Saalaa akka seenaa garee biyyaalessaa Masrii keessatti gooliiwwan baay’ee galchuun sadarkaa tokkoffaa ta'eetti fudhataniiru. Kanis battalumatti gara falmiitti jijjiirame.

    Dhaabbilee namoonni ispoortii lakkoofsa goolii Mo Saalaan galmeesse irratti gaaffii cimaa kaasaa jiru.

    Namoota falmii kana taasisan keessaa xiinxalaan ispoortii Kaalid Talaat, ergaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseen, Saalaan gooliiwwan idil-addunyaa seeraan beekamtii qaban 68 qofa akka qabu, 70 akka hin taane ibseera.

    Akka lakkoofsa kanaatti, Hossam Hassan goolii 69 kan qabu yoo ta’u, ammallee goolii baay’inaan garee biyyaalessaa Masriif galchuun rikaardiin isaa hin cabne jechuudha

    Gabaasni kun Saalaa garee biyyaalessaaf goolii 70 galcheera jedhus, isaan keessaa 68 qofti seeraan beekamtii akka qaban ibsa. Saalaan hanga ammaatti taphoota idil-addunyaa gara 123 biyya isaaf taphateera.

    Hossam Hassan immoo taphoota idil-addunyaa 176 irratti hirmaachuun, Masriif goolii 76 galcheera, isaan keessaa 69 seeraan beekamtii qabu.

    Lakkoofsi kun dhaabbata seenaa fi istaatistiksii kubbaa miilaa idil-addunyaa, IFFHS dabalatee, maddoota irraa kan fudhatame ta’uun ibsameera.

  6. Huutiin Riyaditti buufataalee boba’aa lama haleeluu hime

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Huutiin Riyaditti buufataalee boba’aa lama haleeluu beeksise, Gamtaan Sa’udii ammoo Huutiin Makkah fi Madiinaa irratti xiyyeeffate jechuun himate.

    Gareen Huutiiwwan Ansaara Allah jedhamu Dilbata galgala, diroonii lama fayyadamuun Riyad keessatti buufataalee boba’aa lama kanneen sarara geejjiba boba’aa Baha-Dhihaa walquunnamsiisan haleeluu beeksise.

    Dubbiin himaan waraanaa garee Huutii Yahyaa Sarii’, buufataalee boba’aa naannoo Riyadhitti argaman irratti haleellaan raawwatamuu fi galma isaa milkeessuu ibse.

    Huutiin akkasumas Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid fi wiirtuu faayinaansii Riyad irratti misaa’ela baalistikaa lama dhukaasuu himan.

    Hanga ammaatti mootummaan Sa’udii Arabiyaa haleellaa kana ilaalchisee yaada hin kennine.

    Haa ta'uu mslee gamtaan humna waloo Sa’ud Arabiyaan durfamu naannolee Makkah fi Madiinaa keessatti diroonii afur qilleensarratti qolachuun barbadeessuu beeksiseera.

    Dubbiin himaan humna waloo, Turkii Al-Maalikii, Huutiin Makkah haleeluuf yaaluun himatan

    Dubbii himaan waraanaa garee Huutii Yahyaa Sarii ammoo himannaa kana haaluun, “sobaa fi maqaa balleessidha” jedhan.

    Al-Maalikiin kanaan dura, ittisi qilleensaa Sa’udii misaa’ela baalistikaa lama kan Huutiin gara Riyadhitti dhukaase qolachuus ibsanii ture.

    Yahyaa Sarii gama isan Sa’udii Arabiyaan sa’aatii 24 darban keessatti naannolee Yaman garaagaraa irratti haleellaa 75 raawwachuu fi haleellaawwan kanaan lammiileen nagaa ajjeefamuu fi madaa’uu himateera.

  7. ‘Tajaajilli imala qilleensaa US guyyootaaf adda cite bakkatti deebi’e’ - Aangawoota

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, ‘Tajaajilli imala qilleensaa US guyyootaaf adda cite bakkatti deebi’e’

    Tajaajilli imala qilleensaa US guyyoota sadiif adda citee ture bakkatti deebi’uu aangawoonni himan. Danqamuu tajaajila balallii Ameerikaatti hanga Dilbataa ture kanaan balalliiwwan 11,600 saaxilamanii jiru. Ministeerri geejjibaa Siin Daafii garuu Wixata tajaajiloonni hundi gara idileetti ni deebi’u jedhan.

    Daandiiwwan qilleensaa baay’een garuu guyyootaaf xiyyaarota dhaabanii waan turaniif ammallee garuu sagantaalee isaanii duraatti deebi’uuf muddama keessa jiru.

    Balalliiwwan 2,100 guutuu biyyatti haqamaniiru. Balalliiwwan 9,400 immoo Dilbata yeroon balallii isaanii harkifate jedha ragaan aviyeeshinii toora FlightAware.

    Daandiiwwan xiyyaaraa Sanbata duraa qofa balalliiwwan Ameerikaa keessaa 6, 700 haqanii jiru. Balalliiwwan 9,100 kan ta’an immoo barfatanii jiru.

    Daafiin sagantaa ABC This Week irratti dhimma kana keessaa ragaan haleellaa saayibarii ykn yaada hamaa biroo mul’isu akka hin jirre, garuu sababni isaa ifa akka hin taane dubbateera.

    Gufachuun tajaajila balallii US miilanaa haleellaa shororkeessaa Al-Qaayidaan Fulbaana 11, 2001 Ameerikaa irratti raawwateen asitti, imalli qilleensaa Ameerikaa biyyoolessaa yeroo dheeraaf yeroo itti dhaabbate isa jalqabaati jedhameera.

    Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa guyya jimaataa ajaja balallii xiyyaaraa biyyoolessaa dhaabu dabarsuun, balalliin xiyyaaraa ka’uuf jiran hundi sa’aatii shanitti yeroo dhihaatuuf akka dhaabbatan godhee ture.

  8. Odeeffannoo haaraan waa'ee misaa'ela Iraan ifa ta'e maali?

    Misaa'ela Iraan

    Gabaasni The Wall Street Journal jedhamu qondaaltota basaasaa Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti Iraan ammallee gara misaa’ela 1,500 hanga 2,500 akka qabdu ibseera.

    Gabaasichi yoo waraanni irra deebi’ee jalqabe, kuusaan misaa’elaa kun Iraaniif humnoota Ameerikaa fi michoota ishee naannichatti argaman irratti haleellaa raawwachuuf dandeettii guddaa akka kennu ibseera.

    Qondaaltonni Ameerikaa garuu lakkoofsa sirrii misaa’ela Iraan qabdu adda baasuun rakkisaa ta’uu himu.

    Sababni isaas, misaa’eloonni qophaa’anii jiran, kanneen kuusaa keessa jiran fi dhukaafaman hordofuun ulfaataa ta’uu eeran.

    Qondaaltonni biyyoota dhihaa, Iraan guyyoota jalqabaa waraanaa keessatti misaa’ela dhibbaan lakkaa’aman dhukaasaa turuufi boodarra garuu lakkoofsi dhukaasaas dhibbeentaa 73 hir’achuu ibsanii turan.

    Kunis kuusaa meeshaalee waraanaa ishee qusachuuf ta’uu akka danda’ullee tilmaamameera.

    Odeeffannoo haaraan waa'ee Misaa'ela Iraan kun kan dhufe yeroo Eegdonni Warraaqsa Iraan buufata waraanaa Baahireen keessatti argamu fi raadarii ittisaa irratti haleellaa raawwachuu ibsanitti.

    Torban darbe gorsaan olaanaa ajajaa humna qilleensaa Eegdota Warraaqsaa Alii Bilaali akka jedhanitti, kuufamni meeshaa waraanaa Iraan waggoota dheeraaf gahaa ta’uu fi waraanni ishee hojii waraanaaf qophii ta’uu ibsaniiru.

  9. Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwatteen ajajaan olaanaa Hamaas ajjeefaman

    Hidhataa Hamaas
    Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaan kuni waggoota dheeraaf duula waraanaa garagaraa keessatti hirmaataniiru

    Israa'el guyyaa Sambataa haleellaa qilleensaa Gaazaatti raawwatteen ajajaa olaanaa Hamaas ajjeesuu beeksiste.

    Hamaas akka ibsetti, ajajaan isaa amma ajjeefaman kuni haleellaa Onk 07, 2023 Israa'el irratti gaggeeffame keessatti karooraafi hordoffii keessatti qooda qabu turan.

    Waraanni Israa'elis ajajaan Hamaas kuni ajjeefamuu mirkanesseera.

    Ajajaan Hamaas ajajaa birgeedii Raafaa kan turan ga'eessi ganna 53 Saamir Abu Yoonis Sambata akka ajjeefaman ibsameera.

    Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti, kibba Gaazaa naannawa Kaan Yuunisitti haleellaa ajajaa waraanaa kanarratti qiyyaafateen ajajaan kuni ajjeefamuufi kaan madaa'uu dubbatan.

    Ajajaan ajjeefaman kuni ajajaa birgeedii Raafaa baatii Fulbaanaa keessa ajjeefaman, Naa'el Abu Obeedin bakka bu'uun kan ramadamanidha.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu waggaa dura waliigalame waraana Israa'el fi Gaazaan dhaabsisuus haleellaan Israa'el hin dhaabsisne.

    Hamaasis hidhannoo akka hiikkatu hin goone.

    • Odeessa kanatti dhihaatan:
  10. Utuu namoonni hedduun beela keessa hin lixin xaa'oon ulaa Hormuz keessa akka darbu UN gaafate

    Dooniwwaan ulaa Hormuuz

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN), Ameerikaa fi Iraan xaa’oon karaa ulaa Hormuziin hatattamaan akka geeejibsiifamuf akka hayyaman waamicha dhiyeesse.

    Hoogganaan Tajaajila Pirojektoota UN, Joorj Mooriilaa Daa Silvaa, hanqinni xaa’oo keemikaalaa biyyoota hanqina nyaataaf saaxilaman keessatti rakkoo jiru akka hammeessuu akeekkachiisan.

    Daa Silvaan marii haala qilleensaa COP31 magaalaa Turkii Antalyaatti gaggeeffame irratti hanqinni xaa’oo namoota miliyoonaan lakkaa’aman gara hiyyummaatti geessuu danda'aa jedhan.

    Erga Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti haleellaa raawwataniin booda Iraan ulaa galaanaa murteessa cuftee dooniwwaan achiin deemanis uggurte.

    Iraanii fi Ameerikaan walitti bu’iinsi kun akka dhaabbatu ammas mari’achaa osoo jiranii, Daa Siilvaan biyyoota lameeniif ergaa kana dabarsan.

    Hoogganaan UN kun Ameerikaanii fi Iraan marii nageenyaa itti fufuun walitti bu’iinsa dhaabuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

    Yeroo mariin gaggeeffamus, xaa’oon karaa Hormuziin darbu akka hin gufannee fi daldalli isaa itti fufuu akka qabu biyyoota lamaan gaafataniiru.

  11. Tiraamp, Putiin fi Shi Jinping Chaayinaatti wal arguufi - Waayit Haawus

    Dureewwan US, Raashiyaafi Chaayinaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan kuni dhimma meeshaa nikularaafi Iraan akka mari'atan eegama

    Donaald Tiraamp, Vilaadmir Putiin fi Shi Jinpiing torban dhufu Chaayinaatti wal arganii mari'achuuf akka jedhan Waayit Haawus beeksise.

    Mariin seena qabeessa hoggantoota US, Raashiyaafi Chaayinaa kuni kan taasifamu magaalaa kibba Chaayinaa Shenzen keessattidha.

    Tiraamp gara magaalattii kana kan deeman yaa'ii Wal ta'iinsa Diinagdee Eeshiyaa-Paasifik (Apec)'f yoo ta'u yaa'ii kana biratti dureewwan Chaayinaafi Raashiyaa waliin mari'atu jedhame.

    Dhimma marii isaanii keessaas hammi oomisha meeshaa nikularaa akka xiqqaatu tokko akka ta'e dubbii himtuun Waayit Haawus Oliviyaa Weels dubbatteetti.

    Tiraamp hammi oomisha meeshaa nikularaa sadarkaa ''olaanaan dabaluun baay'ee hamaa'' akka ta'e ni amanu jedhan.

    Biyyoonni addunyaa meeshaa nikularaa baay'ee qaban kuni yeroo wal argan dhimma Iraanis akka mari'atan eegama.

    Garuu, dhimmi Yukireen dhimma marii akka hin taane ibsameera.

    Raashiyaan waa'ee marii kanaa mirkaneessiteetti. Chaayinaan si'achi dubbatti.

  12. Feesbuukiin hayyama malee suuraa namootaa fayyadamuu isaan yuuroo miiliyoona 800 adabame

    Meta
    Ibsa waa'ee suuraa, Meta

    Xaaliyaan dhaabbati miidiyaa hawaasaa guddichi Meta jedhamu karaa Appii Facebookii hayyama malee suuraa fayyadamtoota bilbila Andirooyidii argachuu isaatiin Yuuroo miiliyoona 805 ykn doolaara miiliyoona 887 adabde.

    Abbaan taayitaa eegumsa daataa Xaaliyaanii appiin Feesbuukii kun hayyama ifa ta'e malee suuraa fi viidiyoo bilbiloota Andirooyidii irratti argamu salphatti argachuu danda'aa jedhe.

    Kanaanis, fayyadamtoonni gara miliyoona 20 ta’an Feesbuukii akka sana gochuu danda'u sirnaan akka hin beeksifamne ibseera.

    Metaan tajaajila kana akka cufuuf, akkasumas suuraa isaanii fayyadamuu dura fayyadamtoota irraa hayyama addaa akka argatu gochuuf guyyoota 60 keessatti sirreeffama akka taasisu ajajameera.

    Meta’n garuu murtii kana irratti walii hin galle. Dhaabbatichi seera itti hiikame, ragaan madaalameefi hammi adabbii irratti murtaa’e sirrii akka hin taane dubbachuun, murtiicha rratti ol’iyyannoo akka dhiyeessu BBC’tti hime.

    Abbaan taayitichaa adabbii kana murteessuu keessatti “namoota dhimma kanaan miidhaman baay’ee ta’uu” fi ammas dhimma kana irratti qorannoon akka taasifamu Meta’n tumsa gahaa agarsiisuu dhabuu isaa akka sababaatti kaasera.

    Meta’n Facebook, Instagram fi WhatsApp kan to’atu yoo ta’u, adabbii biyattiin dhaabbata teeknooloojii tokko irratti hanga ammaatti murteesse keessaa isa guddaadha.

    Kana duras Meta’n akkaataa odeeffannoo fayyadamtoota Facebook itti qabatu ilaalchisee ummataa sobaa ture jechuun Ameerikaa doolaara biiliyoona 25 adabuun ni yaadatama

  13. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegale.

    Isinis karaa websaayitiis ta'e gama miidiyaa hawaasummaa keenya nu waliin bu'aa.

    Lafa nagaa oolaa.

  14. Turkii fi Kataar waraana ittisaa waloof waliigaltee mallatteessan

    Rasiip Xayiib Erdohaan fi  Sheek Tamiim Biin Hamaad al Taanii

    Pireezidantii Turkii Rasiip Xayiib Erdohaanii fi Imiriin Kataar Sheek Tamiim Biin Hamaad al Taanii Jimaata kaleessaa Istaanbulitti waraana ittisaaf waliigaltee mallatteessuu waajirri pireezidantii Turkii beeksiseera.

    Waajirichi ibsa X irratti baaseen naannoo galoogalaanaatti waraanni deebi'ee akka hin kaane ittisuuf ''qaamoleen wal lolan rakkoosaanii gama dippiloomaasiin akka hiikan amansiisuuf,'' waliin hojjechuu akka itti fufan ibseera.

    Duraanuu biyyooti lameen michooma waraanaa kan qaban yoo tahu waa'ee waliigaltee miilanaa odeeffannoon dabalataa kenname hin jiru.

    Waliigalteen kuni kan mallattaa'e Hagayya darbe Paakistaan, Turkii fi Saa'udii gidduu waliigalteen waraanaa mallattaa'uun baatii sadiin booda dha.

    Waliigalteen Hagayya darbee, sadan isaanii keessaa haleellaan tokko irratti qiyyaafate kaaniif akka dhufutti lakkaa'uun waadaa walii seenan.

    Kataar waliigaltee biyyoota sadeenii jajuun waliigalteen haaraa kunis ulfaatina qixaa akka qabu himteetti.

    Ministarri Hajaa Alaa Kataar ''waliigalteen kuni humna ittisaa waloo jabeessuu, nagaafi tasgabbii naannoo mirkaneessuu akkasumas gama tokkoon ykn gama lamaan haleellaa dhufu tokkummaan faccisuuf ejjennoo waloo qabachuu dha,'' jechuun X irratti ibseera.

    Ministarri Hajaa Alaa Hakaan Fidaan gama isaaniin Masrii dabalatee biyyooti naannichaa biroon waliigaltee waraanaa kanatti makamuuf eeyyama qabaachuu eereera.

    Saa'udii fi Turkiin waliigaltee haa mallatteessaniyyuu malee hamma yoonaa Turkiin Huutii Yamanirraa Saa'udii lolu ittisuuf loltuu hin bobbaasne.

  15. Naayijeeriyaan lammiileenshee 16 Finfinnee keessa darbuun imalan du'uu himte

    Imaltoota buufata xiyyaaraa Itoophiyaa keessaa mul'atan

    Ministeerri Dhimma Alaa Naayijeeriyaa lammiileen biyyattii bara 2026 Finfinnee keessa darbuun imalan keessaa 16 rakkoo fayyaa "haala qilleensaa" waliin walqabatuun du'uu beeksise.

    Lammiileen Naayijeeriyaa Finfinnee keessa imalan duraan rakkoo fayyaa qabu taanaan of eeggannoo akka godhan gorseera.

    Mootummaan biyyattii kana kan jedhe Jimaata kaleessaa Sadaas 5, 2019 A.L.I imala magaalaa guddoo Itiyoophiyaa Finfinnee keessa darbuun taasifamu irratti ibsa baaseeni.

    Imaltoonni rakkoo fayyaa duraan qaban “balaa fayyaa olka’iinsa magaalattiin walqabatee dhufuu danda’u akka ilaallatan” gorseera. Of eeggannoo gochuun gorsa fayyaa barbaachisaa ta’e akka gaafatanis dhaameera.

    Akka ibsi mootummaan Naayijeeriyaa jedhutti balaan fayyaa kun kan mudatu olka'iinsa magaalattii, meetira 2,355 tahuun hir'inni oksijiinii waan mudatuuf jedheera.

    Ministeerri Dhimma Alaa ibsa kenne kanaan “ergamni dippilomaasii Naayijeeriyaa Finfinneetti argamu lammiilee Naayijeeriyaa 16 bara 2026tti magaalattii keessa darban du’uu isaanii galmeessee jira.”

    Itti dabaluudhaanis, namoonni 16 kunneen ''rakkoo fayyaa lafa olka'insa qabuurraan dhufuun du'uu,'' ibseera.

    Namoonni fayyaaless tahan hamma oksijiinii gadi aanaa ta'etti madaquu kan danda'an yoo ta'u, kanneen durumaa rakkoo fayyaa qaban garuu balaa kanaaf akka saaxilaman akeekkachiissniiru.

    Keessattuu namoonni dhukkuba onnee fi ujummoolee hargansuu qaban balaa fayyaa akkasii kanaaf akka saaxilaman ibsaniiru.

    Ministeerri Dhimma Alaa Naayijeeriyaa dabalataan lammiileen biyyattii rakkoo fayyaa qaban kanneen Finfinnee keessa yeroo imalan akka of eeggannoo taasisan gaafataniiru.

    Mootummaan Naayijeeriyaa gorsi imala kun lammiileen Naayijeeriyaa Finfinnee keessa akka hin imalleef kan yaadame akka hin taane cimsee ibseera.

    Inumaayyuu imaltoonni rakkoo fayyaa qaban imala isaanii eegaluun dura of eeggannoo barbaachisu akka godhaniif tahuu hime.

    Akeekkachiisa mootummaa Naayijeeriyaa ilaalchisee BBC'n Daandii Qilleensaa Itoophiyaa qunnamuuf yaalus hin mikoofen.

  16. Dargaggoonni Tigraay '800,000' loltummaa baqachuun naannolee biraatti godaananiiru - Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa

    Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

    Naannoo Tigraayi keessatti dirqamaan loltummaaf namoota guuruu baqachuun dargaggooti '800,000' tahan gara Finfinnee fi naannolee biraatti godaanuu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa himan.

    Fiild Maarshaal Birhaanuun walitti bu'insa mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraayi gidduu tibba darbe deebi'ee ka'e booda Jimaata kaleessaa Sadaasa 4, 2019 A.L.I yeroo jalqabaaf Maqaleetti argamuun haasaa taasisaniin kana dubbatana.

    Qondaalli waraanaa kuni ajajoota waraanaa naannicha jiran waliin gamaaggama taasisuufi loltootas argachuu himaniiru. Ittaansuunis hogganoota bulchiinsa imaanaa naannichaa waliin marii'achuus himaniiru.

    Jiraattota magaalaa Maqalee waliin marii taasisaniins waraana bara 2013 A.L.I waggaa lamaaf ture irraa qabee taateewwan mudatan kaasaniiru.

    Waliigaltee Piriitooriyaan booda haala naannicha keessa tureef hogganoota TPLF gaafatamoo taasisaniiru. TPLF gamasaan waliigaltee Piriitooriyaa mootummaa federaalaati diige jedha.

    Walakkeessa Fulbaanaa qabee lola adeemaa ture ''hogganoota Shaabiyaafi dhiyeessii loojistikii Masriin jalqabe jedhaniiru. ''Akka durii Tigraayi hin seennu jennee dhaabbachuun sirrii miti jennee, Tigraayiitis humna weeraraa ariineerra. Amma gara Shaabiyaatti baqateera,'' jechuun dubbataniiru.

    Dabaluunis ''amma iddoo dahoo keenya turerra jirra. Waraana akka banan ajajamanii, waraana bananii kanneen injifataman, Indaagorgis, Addi Kuwaalaa, Mandafiraa fa'a keessa jiru. Kaan ammoo Asmaraa jiru,'' jechuun hogganooti TPLF baqataniiru jechuun dubbataniiru.

    TPLF fi mootummaan Eertiraa himannaa miilanaa kanaaf deebii kennuu baatanillee kanaan dura, ''himannaa gara Ertiraa baqataniiru jedhu hin fudhanne. Dura taa'aa ittaanaan TPLF Amaanu'el Asaffaa, torbee sadii dura ''hoggansi Tigraay keessaa hojjetaa jira,'' jechuun AFP'tti himaniiru.

    Ministarri Beeksisaa Ertiraa Yamaan Gabiramasqal dhimma kana 'soba' jechuun AFP'n gabaasee ture. Mootummaan Ertiraa Itoophiyaa keessatti hidhattoota Itoophiyaa keessatti socho'an deeggara jechuun himannaa irratti ka'us mormeera.

    Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa marii Maqaleetti taasisaniin waraanni goolabameera jechuun waan kanaan dura mootummaan isaanii jedhe irra deebi'aniiru. ''Waraana miilanaaa kana mootummaan federaalaa akka mo'atu shoorri dargaggootaa guddaa dha,'' yeroo jedhanis dhagahamaniiru.

    ''Dargaggeessii kuni waraana cinaas hin dhaabbanne, TPLF cinaas hin dhaabbanne. Injifannoon kan saffiseefis sababa kanaafi, '' jechuun naannichatti dargaggoota loltummaaf guuruun kanaaf gumaachuu himan.

    ''Dargaggeess Tigraay guuranii gamsiisan jennaan baayyeen dargaggeessaa gara wiirtuu biyyaa, gara manasaatti godaaneera. Odeeffannoo qabuun dargageessi 800,000 tahu gara Finfinnee, Adaamaa, Dirreedawaa, Hawaasaa, Asoosaa fi Gaambeellatti faca'eera,'' jedhan.

    Jiraataan naannichaa cinaa mootummaa federlaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaniiru. ''Ijoollee keenya jechuun ijoollee keessan hin ficcisiisiinaa. Warri TPLF ijoollee keenya jechuun ol adeemoota Tigraay geeddaruu danda'an, teeknolojii fudhachuu danda'an hin ficcisiisiinaa.'' jedhaniiru.

  17. Ashamaa! Akkam bultan?

    Odeessaalee keenya addunyaa fi biyya keessaa Sambataa har'aa isin biraan gahuu eegalle. Nu faana bu'aa.

    Quroo
  18. UN buufata nukilara Iraan hin sakkatamaniin irratti yaaddoo qabaachuu ibse

    UN dhaabbata niwukalara Iraan hin sakkatamaniin irratti yaaddoo qabaachu ibse

    Dhaabba Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti Humna Atoomika Addunyaa To'atu (IAEA)n waa'ee buufata nukilaraa Iraan kan qorannoo irratti gaggeessuuf hayyamni isaaf hin kennamne ilaalchisee "yaaddoonsaa dabalaa dhufuu" ibse.

    Iraan magaalaa Isfahaan keessatti warshaa uraniyeemii gabbisu ijaaruuf karoora akka qabdu Dhaabbata Humna Atoomika Addunyaatti kan beeksifte, Waxabajjii bara darbee keessa Israa'el wiirtuuwwan niwukilaraashee irratti osoo haleellaa hin raawwatiin guyyaa tokko dura ture. Ameerikaanis dhuma ji'uma sana ture haleellaa sana irratti kan hirmaatte.

    Gabaasa dhaabbileen oduu argatan irratti hundaa'uun, dhaabbatichi bakka wiirtuun sun sirriitti argamullee ta'e, meeshaaleen niwukilaraa achi keessa jiraachuu isaanii akka hin beekne ibseera.

    Erga waraanni dhiheenya kana ka'e as, Iraan qorattoonni dhaabbatichaa wiirtuuwwan niwukilaraashee akka hin seenne daangessite. Kanaafis, dhaabbatichi kuusaa gabbiisa uraniyeemii olaanaa biyyattii keessatti argamu mirkaneessuu hin dandeenye.

    Akka waliigaltee niwukilaraa bara 2015 Awurooppaa keessatti mallattaa'eetti, Iraan kuusaa uraniyeemii badhaadhina qabu kiiloo giraamii 300 irra gochuudhaan, sadarkaa qulqullinsaa ammoo dhibbeentaa 3.67 irratti akka daangessitu walii galtee turte. Haata'u malee, yeroo booda daangaa kanneen lamaaniyyuu darbiteetti.

    Haleellaa Waxabajjii bara bara darbe keessa raawwatameen dura, Iraan uraniyeemii hanga dhibbeentaa 60tti kan sadarkaa meeshaa waraanaa niwukilaraatti dhihaatu, kiiloo giraamii 441 akka kuufatte tilmaamama ture.

    Dhaabbatichi gabaasa dhiheenya kana baase keessatti, "Dhaabbatichi oomisha niwukilaraa [Iraan] ilaalchisee odeeffannoo dhabuu fi kana mirkaneessuuf wiirtuuwwan biyyattii keessa jiran seenuu dhorkamuunsaa, dhima balaa meeshaaleen niwukilaraa olaanaa ta'e babal'achuuf saaxiladha. Dhimmi kun ammoo hatattamaan sirreeffamuu qaba" jedheera.

    Odeessaalee biroo dubbiifachuuf:

  19. Yaaliin TPLF Tigraay Itoophiyaarraa adda baasuuf taasise hin milkoofne - Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa

    Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa aanga'oota abba aimaanaa naannoo Tigraay waliin, Sadaasa 13, 2026

    Yaaliin Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Tigraayiin Itoophiyaarraa adda baasuuf taasise hin milkoofne jedhan Itaamaajor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

    Fiild Maarshaal Birhaanuun gara Tigraayitti imaluun wayita magaalaa Maqaleetti abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, dargaggootaa fi bakka bu'oota kutaalee hawaasaa gara garaa waliin magalaatittii haasaa taasisanittidha.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, kaayyoon marii kanaa naannoo Tigraay keessatti nagaa waaraa buusuuf akkaataa waliin hojjechuun danda'amurratti haala mijeessuuf yoo ta'u, naannicha keessatti nagaa guutuu uumuuf carraaqqii qindaa'aa akka barbaachisu himameera.

    Fiild Maarshaal marii kanarratti akka ibsanitti, Tigraay qaama seenaa fi eenyummaa Itoophiyaati. Qaama seeraa alaa kan jedhan, TPLF, yaalii inni ummata Tigraay Itoophiyaarraa adda baasuuf taasise hin milkoofne, gara fuula duraattis tasuma hin milkaa'u jedhaniiru.

    Jiraachuu fi jiraachu dhabuun Itoophiyaa Tigraay irraa adda baafamee kan ilaalamu akka hin taane kaasuun, Tigraay seenaa, hundeeffamaa fi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu Itoophiyaa keessatti gaheen qabdu kan bakka hin ba'mne ta'uu eeran.

    Adeemsa TPLF ummata Tigraay Itoophiyaarraa adda baasuuf hordofe fashalaa'uu kaasuun, yaaliin kun ammas taanaan yoomiyyu hin milkaa'u jedhan.

    Eenyummaan seenaa fi walitti hidhaminsi ummanni Tigraay Itoophiyaa waliin qabu kan hin cinne ta'uu eeruun, yaaliin taasifame seenaa fi haala qabatamaa biyyattii kan bakka hin buune ta'uus dubbataniiru.

    Odeeffnnoo biroo kana waliin deeman:

    Abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka bu'oota kutaalee hawaasaa Tigraay marii Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliin wayita taaisanitti
  20. MM Abiy Ahimad Finfinnee qofatti manneen kuma 100 ijaaramaa jiraachuu ibsan

    Ministira Mummee Abiy Ahimad

    Magaalaa Finfinneetti yeroo jalqabaaf seenaa keessatti, walta'iinsa mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa fi waldaalee hawaasaatiin manneen jireenyaa kuma 100 ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad gamoowwan mana jireenyaa Markatoo, bakka Qixal Taraa jedhamutti ijaaramaa jiran daawwataniiru. Naannichatti manneen "diigamuu qaban baayyeen" akka jiran dubbatan.

    Ministirri Muummichaa kana kan dubbatan Jimaata har'aa, Sadaasa 13 bara 2026 manneen naannoo Tulluu Dimtuu fi Qixal Taraatti ijaaramaa jira wayita daawwataniittidha.

    MM Abiy dhuma bara 2017 A L I yeroo Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eebbifametti, mootummaan isaanii sadarkaa biyyaatti manneen jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf waadaa galuusaanii kaasaniiru.

    Waadaa kana galmaan ga'uuf meeshaalee ijaarsaa kanneen akka seeramikaa fi sibiilaa biyya keessatti oomishuuf carraaqqiin taasifamaa turuu ibsaniiru. Akkasumas, imaallaqa jaarsa manneen jireenyaa kanaaf ooluu argachuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

    Karoorri qabamees manneen kanneen mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa waliin ta'uun ijaaruun akka ture ibsaniiru. "Har'a manneen kuma 100 ol Finfinneetti ijaaraman jalqabamaniiru," jedhan.

    Manneen har'a daawwataman kunneennis "yeroo waggaa tokkootiin gadiitti" kan ijaaraman ta'uu ibsaniiru.

    Manneen jireenyaa ijaaramaa jiran keessaa

    Daawwannaa kanarratti kan argaman Kantiibaan Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanach Abeebee gama isaanitiin, "Finfinnee keessattuu waggaa tokkootti manneen kuma 100 dhiisii, kuma 30 ykn kuma 20 ijaaruun jalqabamee hin beeku; xumuramees hin beeku" jechuun, ijaarsi amma gaggeeffamaa jiru kanaan dura kan hin mul'anne ta'uu ibsaniiru.

    Akka ibsa kantiibaa kanaatti, manneen kana keessaa kuma 50 kan ta'an mootummaa qofaan ijaaramaa jiru. "Gama biraatiin manneen waldaadhaan ijaaraman jiru; namoonni qusachuun waldaan gurmaa'anii ijaarsa jalqaban jiru,,..Isaan dabalatee, tumsa mootummaa fi damee dhuunfaatiin manneen ijaaramaa jira kuma 50tti siqu" jedhaniiru.

    Manneen ijaaramaa jiran keessaa muraasni kan namoota misoomaaf bakkasaanii irraa kaafamaniif fi namoota biroo sababa misoomaatiin buqqa'aniif kan kennaman ta'uu kan ibsan Kantiibaa Adaanach, manneen kaan immoo kan namoota qusataniif carraan baafamuun kennaman ta'uu dubbataniiru.

    Manneen jireenyaa mootummaa waliin ijaaramaniin argachuuf galmaa'anii kanneen waggaa 20f qusataa turan jiraachuus ibsaniiru.

    "Qusannaa keessanis dabalaa. Manneen kun gatii yeroo ammaa irratti hundaa'uun waan kennamaniif, mootummaarraa deeggarsi guddaan ni taasifama; garuu gatiisaa keessaa hanga tokko abbaa manaa sanaan kaffalamuu qaba" jechuun dubbataniiru.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad gama isaanitiin, manneen jireenyaa kuma 100 Finfinnee keessatti ijaaramaa jiran yoo xumuramaniitti, ijaarsi manneen biroo akka jalqabu ibsaniiru. Bakkeewwan ijaarsi kun itti gaggeeffamu keessaa tokko naannoo Markatoo, bakka daawwannaan har'a itti taasifame Qixal Taraa akka ta'u eeraniiru.

    "Yeroo maallaqa argachaa deemnutti, gara bitaa fi mirgaatti manneen baay'ee diigamuu qaban, sadarkaa jireenya namaaf malu gadi ta'an jiru. Akka dandeettiin nuuf hayyametti, manneen kana fooyyessaa fi haaromsaa deemna" jedhaniiru.

    Ijaarsi manneen jireenyaa haala kanaan gaggeeffamu kun gara kutaalee biyyattii biroaattis akka babal'atu Ministirri Muummee Abiy dabaluun ibsaniiru.

    Odeessaalee gara biraa dubbiifachuuf: