Biyyoonni Awurooppaa shan kooluugaltoota gaaffiin isaanii fudhatama dhabe Ruwaandaatti erguuf

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni Awurooppaa shan godaantota gaafifin kooluugaltummaa isaanii fudhatama dhabe gara kaampii godaantota Ruwaandaa jirutti erguu akka karoorfatan Royiitarsi gabaaseera.
Maddi oduu kun dhimma kanatti maddeen dhiyeenya qaban lama eeruun akka gabaasetti, biyyoonni shanan kunneen Jarman, Ostiriyaa, Giriik, Denmaarkii fi Neezerlaandisidha.
Biyyoonni kunneen biyya Afrikaa kun Fulbaana keessa godaantota deebiyan akka keessummeessituuf waliigalteerra gahuudhaaf hojjechaa jiraachuu beeksisanii ture.
Karoorri kun qaama tarkaanfiiwwan bal'aa warri Awurooppaa lakkoofsa baqattoota arii'amanii dabaluu fi godaansa seeraan alaa dhaabsisuuf fudhataniiti jedhameera.
Danbiin haaraa to'annoo godaantota Awurooppaa irraa deebiyan ilaallatu erga raggaasifameen booda Ostiriyaa, Veenaatti ifa ta'a jedhamee eegama.
Danbiin to'annoo godaantotaa haaraa Gamtaa Awurooppaa kun adeemsi godaantota ari'uu akka saffisuu fi biyyoonni miseensota ta'an Awurooppaa alatti wiirtuu baqattoota deebiyanii akka hundeessan kan hayyamudha.
Biyyoonni Awurooppaa keessatti argaman baayyeen filannoon gaggeessan dhiyaachaa kan jiru yoo ta'u, sochiin farra baqattootaa babal'achaa jira. Mootummoonnis godaantota to'achuu danda'uu isaanii qabatamaan akka agarsiisaniif dhiibbaan irratti taasifamaa jira.
Xiinxaltoonni karoorri kun murannoo mootummootaa kan agarsiisu akka ta'e dubbataniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Sagantaan kuni kan kanaan dura Yunaayitid Kingidam godaantota seeraan alaa gara Ruwaandaatti erguuf karoorfattee garuu boodarra karoorri kun dhiifamee tureen addadha.
Yunaayitid Kiingidam yeroo mootummaa sirna durii leellisuun beekamu Riish Sunaak turetti godaantonni dhimma isaanii Ruwaandaa taa'anii akka hordofanif mootummaa biyyattii waliin waliigalteerra gahanii ture.
Haata'u malee, waliigalteen kun osoo baayyee hin turiin mormiin erga mudateen booda kan diigame yoo ta'u, UKnis waliigaltee kana diiguu isheetiif maallaqa Paawondii miliyoonaan lakkaa'amu akka hin adabamne manni-murtii idil-addunyaa murteesseef akka ture ni yaadatama.
Rooyiters akka gabaasetti, amma biyyoonni shanan karoora qabatan kanaan godaantonni gara biyya sadaffaatti ergaman biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa keessa turuudhaaf isaan dandeessisu sababa seera-qabeessa ta'e dhiyeessuu hin dandeenye yoo ta'u, godaantota dhimmi isaanii adeemsarra jiru hin ilaallatu.
Hoggantoonni biyyoota shananii irra deddeebiin karoorri isaanii seerota Gamtichaa fi kan idil-addunyaa kan kabaje ta'uu ibsaniiru.
Haata'u malee, jaarmiyaaleen mirgoota namaaf falman godaantonni gara biyya hariiroo tokkollee irraa hin qabnetti yeroo ergamanitti sarbamni mirgaa mudachuu danda'a jechuun karoora kanarratti gaaffii kaasaniiru.
Daanish Refuujii Kaawunsilitti daarektara Gamtaa Awurooppaa kan ta'an Seeliin Miyaas, "godaantonni sarbamni mirgaa yoo isaan mudate filannoo akkamii qabu? Itti kan gaafatamu eenyu?" jechuun gaafatu.
Miyaas itti dabaluun, itti gaafatamni kun biyyoota Gamtaa Awurooppaa kan ilaallatu taanaanis akkamitti hojiitti hiikama? jechuun gaaffii biraa dhiyeessan.
Ji'a Adoolessaa keessa dhaabbanni mirga namoomaa Awurooppaa ta'e 'The Council of Europe' wiirtuuwwan godaantota deebifamanii balaawwan sarbama mirgootaa isaan mudachuu ibseera.
Gaggeessitoonni Awurooppaa garuu kaayyoon ijoo imaammatichaa godaantota baayyinaan arii'uu osoo hin taane godaansa seeraan alaa ittisuufidha jedhaniiru.
Godaantonni Awurooppaa galuudhaaf Yuroo kuma hedduuti lakkaa'mu warra namoota daddabarsaniif kan kaffalan gara biyya sadaffaatti ergamuuf ta'uu isaa baruun isaanii imala balaa qabu akka hin taasifne godha jechuun falmu.
Haata'u malee, qeeqxonni tarkaanfiiwan kunneen fi sagantaan godaantota ari'uu godaansa bifa waaraa ta'een ni hambisa jedhanii hin amanan.
Ameerikaan bara darbe keessa bu'uura waliigaltee namoota 250 ta'an gara Ruwaandaatti dabarsuuf taasisteen godaantota gara Ruwaandaatti erguu jalqabdeetti.
UKn ammoo karoorri isheen bara 2023 godaantota gara biyya sadaffaatti erguuf baafattee turte seeraan ala jedhamee mana murii waliigalaa biyyattiin erga dhorkameen booda sagantaa kana dhiifteetti.
Karoorri kun erga haqamee booda Kigaaliin kaffaltaa dolaara miliyoona 63.6 gaafatteetti. Haata'u malee, manni murtii idil-addunyaa UKn akka hin kaffalle ji'a tokko dura murteesseeraaf.
Ji'a Fulbaanaa keessa seera baastonni paarlaamaa Awurooppaa lama wiirtuuwwan godaantotaa fi hoteela UKn itti fayyadamuuf turte daawwataniiru.


























