'Ragaalee kee AI'tti himtee beektaa? Iccitiinkee dabarfamee akka hin gurguramne wabii maalii qabda?'

Madda suuraa, BBC/ Serenity Strull/ Getty Images
Odeeffannoowwan dhuunfaa akka bultii ykn gaa'ela keessaa, qormaata maallaqaa, yaaddoo nageenyaa, rakkoo fayyaa, ykn iccitii maatiin hiriyaa ofii faana qabu qooddeefii jirta ta'uu danda'a. Garuu, kaampaaniin odeeffannoowwan dhuunfaa kee harkaa qabu kun yoo kasaare maaltu mudachu mala jettee yaaddee beektaa?
Odeeffannoo kee eenyuutu argachuu danda'a? Ragaaleen dhuunfaa kee hoo daldalaaf ooluu danda'aa?
Nama tokkotti iccitii kee guddaa himtee, haasaan keessan sun iccitii ta'ee akka hafu amanteetta jennee haa yaannu. Sana booda garuu, gaaf tokko namni sun akka hin jirree fi iccitiin ati itti himatte bakka namni biraa argachuu danda'utti argamee akka jiru yoo bartehoo?
Gaaffiin walxaxaan akkasii rakkoo maallaqaa fi adeemsa kasaaraa dhaabbata Character. AI hordofee kan ka'edha.
Character.AI'n pilaatfoormii hubannoo nam-tolchee (AI) beekamoo ta'anii fi fayyadamtoonni namoota dijitaalaa (digital characters) waliin akka haasa'an taasisan keessaa isa tokkodha.
Taateen kun akeekkachiisa daangaa dhaabbata tokkoo darbu kaasa. Innis odeeffannoon nuti sammuu dijitaalaatti (AI) amannee kenninu, erga dhaabbanni odeeffannicha walitti qabe sun badee boodallee turuu akka danda'u agarsiisa.
Ai yeroo ammaa waayee kee waa heddu beeka. Hiriyaa kee jechuu dandeessa
AI'n pilaatfoormii fayyadamtoonni taatoo hubannoo nam-tolcheedhaan uumaman waliin akka haasa'an taasisudha. Taatoowwan uumaman kunneen namoota asoosamaa, namoota beekamoo ykn hiriyoota dijitaalaa fedhii fayyadamaa irratti hundaa'anii uumaman ta'uu danda'u.
Toorawwan barbaachaa (search engines) idilee kanneen gaaffiiwwaniif deebii qofa kennan irraa adda ta'uun, sirnoonni kunneen haasaa fi walitti dhufeenya dhala namaa fakkeessanii hojjechuuf kan qophaa'anidha.
Fayyadamtoonni tokko tokko gorsa argachuuf itti fayyadamu, kaan immoo akka hiriyaa, gorsaa ykn jaalallee (hiriyaa jaalalaa) godhanii ilaalu.
Hiriyaa dijitaalaa haasaa keessan yaadatu, garraamummaadhaan siif deebisuu fi yeroo ati isa barbaaddu hunda argamu qabaachuu mee yaadi.
Dargaggeessa kophummaan itti dhagahamu ykn nama rakkoo jireenyaa keessa darbuuf, qunnamtiin akkanaa kun baay'ee dhihoo fi dhugaa fakkaachuu danda'a.
Garuu wanti tokko kan dagatamuu hin qabne jira: Hiriyummaan sun kan raawwatamu sirna teeknooloojii dhaabbata daldalaatiin dhuunfatame keessatti.
Deebiiwwan gaarii fi hiriyummaa fakkaatan sana duuba, dhaabbata odeeffannoo fayyadamtootaa walitti qabuu fi qindeessutu jira.
Yoo kaampaaniin kasaare iccitiiwwan dhuunfaa kee maal ta'uu malu?

Madda suuraa, Getty Images
Onkololessa 12, 2026tti, dhaabbanni abbummaan dhaabbata Character.AI qabatu Character Technologies, seera kasaaraa Ameetrikaa boqonaa 11 jalatti eegumsa kasaaraatiif iyyata galfate.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame yeroo dhaabbatichi baasii hojii olaanaa, mormii seeraa fi dhiibbaa maallaqaa keessa galetti.
Akka sanadoonni mana murtii kanneenii laachilchisee Rooytarsi gabaase agarsiisanitti, dhaabbatichi fayyadamtoota si'aawoo (active users) tilmaamaan miliyoona 12 ta'an qabaatus, ji'a ji'aan maallaqa tilmaamaan dolaara miliyoona 8 hanga miliyoona 9 ta'u kasaaraa ture.
Baasiin kompiitaroota humna olaanaa qabanii fi baasiin ogeessota teeknooloojii qacaruu hojii dhaabbatichaatti ba'aa maallaqaa guddaa ta'ee ture.
Dhaabbatichi amma karaa qabeenya isaa tokko tokko itti gurguru barbaaduuf adeemsa seeraa keessa galeera.
Dhimmi kan iccitii dhuunfaa kun bakka kanatti dubbii ijoo ta'u.
Yeroo dhaabbanni tokko kasaaru, qabeenyi isaa liqii fi dirqama maallaqaa irra jiru kaffaluuf jecha abbootii qabeenyaa birootti gurguramuu ykn darbuu danda'a.
Qabeenyi kunneen teeknooloojii, mirga abbummaa kalaqaa, sirna kompitaraa, odeeffannoo maamiltootaa fi galmeewwan daldalaa biroo dabalachuu danda'u.
Gaaffiin guddaan bakka kana: Odeeffannoon iccitii dhuunfaa fayyadamtoonni sirnoota kanaaf qoodaa turan adeemsa kanaan walqabachuu (gurguramuu ykn dabarsamuu) danda'aa?
Haasaan ati nama waliin goota gurguramuu danda'a
Rakkoon Character.AI mudate kun gatii odeeffannoo namoonni pilaatfoormiiwwan hubannoo nam-tolchee (AI) irratti qoodan irratti falmii kaaseera.
Gosoota haasaa guyyaa guyyaatti godhaman mee yaadi:
Namni tokko gaa'elli isaa rakkoo keessa akka jiru hubannoo nam-tolchee (AI)tti hima.
Dargaggeessi tokko waa'ee miidhaa (abuse), kophummaa ykn dhiphina sammuu haasa'a.
Namni biraa immoo qormaata liqii fi haala maallaqaa ofii qooda.
Fayyadamaan tokko waa'ee rakkoo fayyaa irratti gorsa barbaada.
Kan biraa immoo waldhabdee maatii ykn iccitii hiriyaa isaa saaxila.
Haasaan akkanaa kunneen maqaa fi teessoo imeelii caalaa waan baay'ee mul'isuu danda'u.
Isaanis saaxilamummaa miiraa (emotional vulnerability), walitti dhufeenya maatii, haala fayyaa, ilaalcha dhuunfaa, fi amala nama tokkoo agarsiisuu danda'u.
Sanadoota mana murtii Onkoloolessa 2026tti galmeeffaman keessatti, gamtaan aangawoota seera kabachiistota olaanoo kutaalee bulchiinsotaa US adda addaa irraa walitti dhufan, gosa odeeffannoo xiyyeeffannoo barbaadan (sensitive information) kan Character.AI tiin kuufamuu danda'u irratti yaaddoo qaban ibsaniiru.
Odeeffannoon kun haasaa barreeffamaa fi sagalee, umrii fayyadamtootaa, odeeffannoo miiraa fi fayyaa, amala fayyadamaa, adda baastuu meeshaa fayyadamuu (device) fi maamiltoota kaffalan tokko tokkoof immoo odeeffannoo kaffaltii dabalata.
Yaaddoon biraan immoo odeeffannoon kun sirnoota haaraa hundeessuuf, sammuu nam-tolchee leenjisuuf, amala fayyadamaa xiinxaluuf, akkasumas beeksisa irratti xiyyeeffate (targeted advertisements) itti erguuf ooluu danda'a kan jedhudha.
Jech biraatiin, odeeffannoon ati sirna hubannoo nam-tolchee (AI) keetiif qooddu waan ati yaaddu caalaa gatii guddaa qabaachuu danda'a jechuu dha.
Kaampaaniin Disney waan kanatti hin makamne
Jijjiiramoota ajaa'ibsiisoo dhimma wal xaxaa kanaa keessa kana biraa indaastiriiwwan bashannanaa gurguddoon itti makamuu isaaniiti.
Character.AI karaa adda ta'een heyyama mirga abbummaa kalaqaa fayyadamuu dabalatee dolaara miliyoona 20tiin waliigale.
Kaampaaniin Disney hubannoo nam-tolchee Character.AI muraasa akka hojjettootaatti qacaree jira.
Haa ta'u malee, garaagarummaa barbaachisaan fayyadamtoonni hubachuu qaban jira: yaadni Disney dhiyeesse seenaa haasaa fi odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtootaa hin dabalatu.
Kanaafuu, Disney'n iccitii fayyadamtoota Character.AI biteera jechuun sirrii miti.
Maarree ogeeyyiin eegumsa odeeffannoo iccitii dhuunfaa maaliif ammas yaadda'u?
Sababni isaas adeemsi kasaaraa qabeenyaalee biroo kan bittaawwan adda addaatti gurguramuu danda'an of keessaa waan qabuufi.
Kun bakka dhimmi murteessaan biraa itti ka'u biraati.
Kaampaaniin biroo waliigaltee dolaara mil.10 raawwachuu
Mudde 14, 2026, immoo kaampaaniin Smirks and Pangs Acquisition LLC qabeenyawwan dhaabbatichaa kan Disney'dhaan hin bitamin bitachuuf karoorse.
Akka karoora kanaatti bittaan kun liqaa dabalatee waliigaltee dolaara miliyoona 10tiin raawwatama.
Qabiyyeewwan Character.AI kaampaaniin kun bitachuuf jiru ammoo websaayitiiwwan, aaappiiwwan, siistamoota hubannoo namtolchee, odeeffannoo fayyadama tajaajila isaa fi galmeewwan sanadoota seeraa fa'i.
Dhimmi hubatamuu qabu immoo odeeffannoon itti fayyadama tajaajila adeemsa keessatti caqafamuu isaati.
Kana jechuun garuu, ragaaleen iccitii haasawa dhuunfaa fayyadamtootaa gurguramanii jiru jechuu miti. Qaama bituufis dabarfamanii akka kennamanis hin mirkaneessu.
Garuu gaaffii ijoo kaasa: Erga gurguramee booda eenyutu aangoo odeeffannoo sana bulcha?
kka sagantaa ifoomsameetti, guyyaan xumuraa caalbaasii dabalataa itti fudhatamu Sadaasa 24 yoo ta'u, caalbaasichi Muddee 1tti gaggeeffamuuf karoorfameera; dhaddachi mana murtii gurgurtaa qabeenyaalee kanaa irratti gaggeeffamus Muddee 3 fi 4, 2026tti saganteeffameera.
Adeemsichi ammallee itti fufee jira.
Yaaddoo dhimmoota daa'immanii
Falmiin Character.AI dhimmoota faayinaansii fi odeeffannoo iccitii dhuunfaa qofarratti hin dhaabbatu.
Ammallee, nageenya daa'immaniinis himannaa cimaatu irratti ka'aa jira.
Kanneen keessaa himatni daa'ima waggaa 14 Sewell Setzer III, ka haatisaa, Meeggaan Gaarshiyaa daa'imni ishee hariiroo miiraa fi fedhii saalaa hin malle modeeala Character.AI kan sagantaa TV tokkoo waliin waliin horate jedhame tokko.
Daa'imni kun bara 2024 of ajjeese.
Haatisaa du'a mucaasheef kan gumaache hariiroo inni sistama kanaa waliin horate akka ta'e himatte.
Amajjii 2026 keessa, Google and Character.AI himannaa kana mana murtiitti xumuruuf waliigalan. Hammi maallaqaa muramuu male meeqa akka ta'e hin baramne.
Taateen kun waliigalaan nageenya ijoollee ilaalchisee yaaddoo uumeera.
Beektees ta'ee osoo hin beekin miidhamuu dandeessa
Odeeffannoon waa'ee kee galmee isaa keessatti akka hammatamuuf fayyadamaa Character.AI yookiin sirna hubannoo namtolchee kamiyyuu ta'uu hin qabdu.
Namni tokko sirna hubannoo namtolchee akkas jedhee yoo gaafatu yaadi:
"Obboleettiin koo dhiphina sammuutiinakkachaa jirti. Akkamittan ishee gargaaruu danda'a?"
Yookiin:
"Hiriyaan koo iccitii jireenya isaa gadi fagoo tokko natti himeera. Maal gochuun qaba?"
Utuu hin beekin, odeeffannoo dhuunfaa nama biraa kan odeeffannoon isaa haala kanaan akka itti fayyadamamuuf hayyama hin kennine sirnichaaf qooddee ta'uu danda'a.
Namni sun pilaatfoormiiwwan herrega banee kan hin beekne ta'us, odeeffannoon waa'ee isaa garuu kutaa haasaa dhaabbanni teeknooloojii sun kuusee qabu ta'uu danda'a.
Kun kan agarsiisu dhimmi eegumsa odeeffannoo dhuunfaa (privacy) sammuu nama tokkoo keessa jiru fayyadamaa tokko qofa irratti kan daangeffame akka hin taanedha.
Maatii, hiriyoota, hojjettoota waliinii fi hawaasa bal'aa irratti dhiibbaa geessisuu danda'a.
Kun jalqaba gaaga'ama AI dhaqqabsiisaa jiruutii?
Character.AI kaampaanii tokko dha. Garuu, qormaanni gama isaan mul'ate kun egeree indaasitiriiwwan AI mara gaaffii keessa galcha.
Siistama AI tokko hundeessuufi hojjechiisuun maallaqaa siistamoota kompitarootaa diriirsuuf, ogeeyyii fi invastimantii yeroo dheeraa barbaada.
Kaampaaniin gariin baasii isaanii deeffachuufuu galiin argatan gahaa ta'uu dhiisuu mala.
Wayita kaampaanonni kasaaraa keessa bu'an immoo odeeffannoon maamilaa kaampaanii haaraa pilaatfoormii sana bitatutti ennaa dabarsamu balaaf saaxilama.
Balaan guddaan immoo kaampaaniin ismaartii hunduu ni kassaru.
Kaaf maamiltoonni ragaaleen dhuunfaa isaanii ijoo ta'an kaampaanii barri umrii isaa amansiisaa hin taaneef qooduu irraa of qusachuu qabu.
Imaammanni eegumsa ragaa dhuunfaas wabii miti. Odeeffannoon dhuunfaa yeroo hunda harka nama tokkoo hin turan.
Seeronni kaampaanii irraa kaampaaniitti odeeffannoo dabarsuu biyyarraa biyyatti gargari.
Odeeffannoo dhuunfaa kee akkamiin eeggachuu dandeessa?
Barnoonni guddaan namuu odeeffannooo dhuunfaa isaa irratti of dagachuu hin qabu.
Maal gochuu dandeessa:
1. Odeeffannoo ijoo dhuunfaa keetiii akka malee qooduu dhiisi
2. Seeting dhuunfaa (privacy settings) kee irra deebiin laali.
Haasaawwan kee kuufamaa jiraachuu, AI ittiin leenjifamaa jiraachuu fi odeeffannoo biraaf dhimma itti bahamaa jiraachuu ilaalladhu
3. Akkaawuntiiwwan dhimma itti hin baane haqi
4. Ragaa dhuunfaa namoota kaaniis eegumsa godhiif
5. Osoo akkaawuntii kee hin cufin dura odeeffannoowwan murteessoo olkaawwadhu
6. Sistama AI akka ogeessa heyyama ogummaa qabuutti hin amanin
AI akka doktarii, ogeessa seeraa ykn saayikoolojiitti haasawuu danda'a. Garuu ogummaan kan leenji'ee fi dirqama ogummaa qaba jechuu miti.
Jabanni keessa jiru jabana teknolojiin baay'ee saffisaa fi yaaddessaa ta'edha. Odeeffannoon dhuunfaa kee waan balaarra buusurra of eegi.



















