Suuraawwan hawwatoo torbee kanaa: Hagayya 3, hanga 9, 2018

Maxxanfame

Filannoo suuraawwan babbareedoo Afrikaafi addunyaa mara irraa.

Lammilee Itoophiyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin tun nama kuma hedduu ka simmana peetriyakii mana amantii ortodoksii Abune Merqorios Finfinne dhufe keessa jirti.
Warra amantii ortodoksii
Ibsa waa'ee suuraa, Ijoolleen dhiira ka gaafa Abune Merqorios Ameerikaati waggaa 27 ka darbe baqate dhalatte, galma Barkumeee keessatti faarfachaa turan
Loltuun Ayivoorii Koosti
Ibsa waa'ee suuraa, Kibxata, loltuun Ayivoorii Koosti fuula halluu alaabaa biyyaa, magariisa dibate, ayyaneeffachuu waggaa 58 ka Faransaay irraa walabummaa argate.
Jaarsii uffata Khoi San qabu
Ibsa waa'ee suuraa, Jaarsi uffata Khoi San qabu walgahii hawaasa ka mootummaan Afriikaa Kibbaa karoora lafa ferenjiin qabdu kaffaltii-malee irra fuudhuu fedhuu dhaggeeffata
Agarsiisa konkolaataa
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa lammeessoo, uummati konkolaataa poolisiin itti faayyadamee gaafa Nelson Maandellaa waggaa 56 ka darbeen wal-fakkaatu agarsiisan
Mahmoud Yasser
Ibsa waa'ee suuraa, Kibxata, barataan injiinara, konkolaataa qilleensatti faayyadamu oofe, magaalaa Kaayiroo Masrii keessa.
Nama masrii
Ibsa waa'ee suuraa, Wiixata, namni tokko qormaata masriin onnee keessa jirtii jedhu bira bahe
Dubartii
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyuma suni, dubartiin Zimbaabwee suuraa pireezidaantaa Emmerson Mnangagwa ilaalti magaala Harare keessatti.
ijoollee mana barumsa
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa sun duraani ijoolleen tun mana barumsa dilbata mana amantii katolikii ka Harare deeman.
Dubartii Keeniyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii keeniyaa ka fira isi bombiin Al-qaaidaa wagaa 20 ka darbe Nairobi dhukaasite ijjeefte maqaa nama 200 ka due dubbisiti.
Hoolaa gurguraan deemun
Ibsa waa'ee suuraa, Gurguraan kun hoolaa isa maamila geesa. Ayyani Iddii kun ka soorio qalan qaabchaa Ibraahim ilma isaa soorioo baasuu fedhe
Hoolaa Sayikii fe'an
Ibsa waa'ee suuraa, Masrii keessatti kamiisa , dhirtii lama hoolaa Eid al-Adha. qalamuu sayikiiti fa'ate.
Yaabbataa farda
Ibsa waa'ee suuraa, Yaabbataan magaalaa Benighazii Liibiyaa keessatti dandeetti farda agarsiisa

Fakiiwwan kun AFP, Getty Images, Reuters fi EPA irraa walitti qabaman.