Torbee suuraa Afrikaa: Caamsaa 24- 31, 2018 itti

Maxxanfame

Filannoo suuraawwan mimmiidhagoo lammiiwwan Afrikaa fi addunyaa mara irraa

Pireezadaantii Firaansifi Mahammad otoo waliin haasa'anii
Ibsa waa'ee suuraa, Mahammad Gaassaamaa nama lammii Maalii yoo tahuu gochaan inni gamoo yaabbachuun daa'ima baraaruuf taasise torbee kana keessa qalbii namoota baayyee hawwatee ture. Pireezidantiin Firaansis masaraa isaanitti kabajaan isa affeaaraniiru.
Nama ededatti hirkatee qofaa taa'u
Ibsa waa'ee suuraa, Roobii darbe Maalitti, hogganaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteerees daawwannaa yenna taasisan nama otoo masjiida Mooptii keessa taa'uu suuraa ka'e
Namoota waa ilaalaa jiraniif suuraa Mo Saalaa ededarratti
Ibsa waa'ee suuraa, Masrii magaalaa Kaayirootti namoonni jagna isaanii Mo Saalaa yeroonni Liivarpuuliif taphatu leellisaa turan.
Mucayyoo wayyaa halluudhaan calaqqise uffachuun waltajjii irra dhaabbattee jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, Mucayyoon waggaa 12 lammii Gaanaa taate Shiifaa Amankwaah-Gaabeey, Ameerikaatti dorgommii jecha qubeessuu irratti hirmaachuun karaa kabajaa isheef malu jalqabdeetti.
Haguuggii fuulaa namaa fakkaatuufi dubartii bira dhaabbatte
Ibsa waa'ee suuraa, Haguuggiin fuulaa fiigdootaa 'Maabuu' jedhamu bara 1930 saboota Kaameruun 'Wuum' jedhamaniin tolfame Ingilaanditti agarsiisaaf dhiyaatera.
Jaarsa rifeensa dheeraa qaban, harka bal'isanii dhaabbatan
Ibsa waa'ee suuraa, Suudaan magaalaa Kaartumitti manguddoo erga soomata Ramadaanaa isaanii hiikaniin booda suuraa Masjiida Sheek Daafalaahitti ka'an
Tola ooltota kosii kaasaa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti tola ooltonni lafa balfaa naannoo Kibeeraa namooti baayyeen jiraatan qulqulleessuun gargaarsa godhan.
Zimbaabwe
Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabuweetti, namooti yaada fuula isaanii gara filannoo Waxabajjii 31 raawwatutti garagalfataniiru. Dubartiin kuni ulaagaalee filannichaa mirkaneessaa jirti.
Namoota dhaadannoo mormii agarsiisaa turan
Ibsa waa'ee suuraa, Maadaagaaskaritti namooti deeggartoonni mormituu kuni, hoggansi sammuu namootaa keessa jira, jechuun sanbata darbe pireezidantiin aangoo akka gadhiisanii dhiibbaa godhan
Namoota Gaarii irra taa'anii gammachuu ibsataa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa Kibbaa magaalaa Darbaan keessatti namooti torbee Afrikaa daandiirra bahanii kabajachaa turan

Suuraan AFP, Getty Images and Reuters irraa argame