Magaalaa guddoo Itoophiyaafi Oromiyaa kan taate Finfinneerratti maaf falmiin ka'a?

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

"Finfinneen Naannoo Oromiyaa walakkaatti waan argamtuuf… naannoon Oromiyaa fedhii addaa Finfinneerraa qabdi," kan jedhu heera mootummaa keeyyata 49 irratti ibsameera.

Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa federaalaa ta'uu heera mootummaa federaalaa keessa hin jiru.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaattimmoo labsiin bahe Finfinnee teessoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uu ibsa.

Garuummoo itti waamamni ishee mootummaa federaalafi. Finfinneen qaama Oromiyaa waan taateef, 'bulchiinsi ishees guutummaatti Oromiyaa jala galuu qaba' kan jedhu ejjannoo cimaa Oromiyaa irraa dhiyaatudha.

Lakki, kan naannoo tokkoo qofa ta'uu hin qabdu, kan sabaafi sab-lammoota Itoophiyaa hudaa ta'uu qaba jechuun kan falmanis hedduudha.

Finfinneen gara fuulduraatti akkamitti buluu akka qabdurratti marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jiruun irratti maritaamaa jira.

Finfinneen kan eenyuti kan jedhurratti yeroo hunda maaliif falmiin ka'a? Fedhiin addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu kan heeraan tumame hanga ammaa maaliif hojiitti hiikamuu dhabe?

Heerri mootummaa Itoophiyaa keeyyanni 49 muraan 5, "Naannoon Oromiyaa Finfinneerraa fedhii addaa qaba" maaliif jedhe? Finfinnee itti waamamnishee kan fedaraalaa ta'uun kan Oromiyaa akka hin taane ishee godhaa? kanneen jedhan ija seerafi siyaasaan akkamitti akka ilalaman ogeeyyii gaafannee xinxaala kana dhiyeessineera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Akkaataa heera mootummaa Itoophiyaa keeyyata 47 irratti ibsametti, Itoophiyaan biyya naannoleen heericha keessatti tarreeffamaniifi ergasii hundaa'an walitti dhufanii uumaniidha malee, mootummaan federaalaa addatti lafa mataasaa hin qabu.

Finfinneen akka naannoo qaama federeeshinii Itoophiyaatti keeyyata kana keessatti hin ibsamne.

Erga heerri kun ragga'ee asis, akkaataa keeyyata 47(2) jalatti sabaafi sabl-lammoonni naannoo hundeeffachuu yoo barbaadan itti hundeeffachuun hayyamamuufiin naannoo taatee hin hundeeffamne.

Naannolee mootummaa Federaalawaa Dimokitaawaa Rippaabilika Itoophiyaa ijaaran 9 heericha keessatti tarreeffaman keessaa tokko naannoo Oromiyaati.

Finfinneen ammoo handhuura Oromiyaatti akka argamtu keeyyanni 49(5) ifatti kaa'a.

Kanaaf Finfinneen handhuura Oromiyaa akkasumas magaalaa guddoo Oromiyaa waan taateef of dandeessee osoo hin taane akka qaama Oromiyaatti akka ilaalamtuufi heerri Itoophiyaa akka naannoo of dandeesse wayiitti akka ishee hin beekne himu ogeessi seeraafi qorataa olaanaa Koree Calaltuu Heeraa ta'uun kan hojjatan Ajjamaa Malataa turtii BBC waliin taasisaniin.

Waa'ee dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabduufi waa'ee Finfinnee ilaaluu dura, federaalizimii Itoophiyaa keessatti iddoon Finfinneen qabdu ilaaluun murteessaa akka ta'e kaasu.

"Heera mootummaa keeyyata 2 gubbaarratti, 'daangaan lafa Itoophiyaa daangaa naannolee of keessatti qabatee akkaataa waliigaltee seera idiladdunyaatiin kan murtaa'u ta'a' jedha," jechuu daangaan Itoophiyaa lafa naannolee malee addatti Itoophiyaan lafa biraa akka hin qabne ibsu ogeessi seeraa kun.

Lafa daangaa Itoophiyaa warri murteessan naannoleen kunneen ammoo keeyyata 47 keessatti ifatti tarreeffamaniiru.

Kanaaf akkaataa keeyyata 2 fi keeyyata 47tiin yoo ilaalle, Finfinneen [akka qaama Oromiyaatti yoo ta'e malee] akka naannolee kaaniitti hin ibsamne.

Gama biraan ammoo kana caalmaatti kan ibsu keeyyata 46(1) irratti mootummaan federaalaa akkamitti akka hundaa'e kan ibsu ta'uu kaasu.

"Keeyyanni 46(1) akkuma keeyyata 2tiin kan simu ta'ee, mootummaan federaalaa mootummaa naannoleen kan hundaa'edha jedha. Kana jechuun, federaala kan jennu kun waan akka sadarkaa yaadatti jiru (abstract) ta'eedha malee lafa mataasaa kan qabu akka hin taane nu hubachiisa," jechuun federaalli mootummaa naannoleen walitti dhufanii tolfatan ta'uu kaasu.

Ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa akka jedhanitti, Finfinneen heera mootummaa Itoophiyaa keessatti akka naannootti waan hin ibsamneef, akka naannolee kaanii of dandeessee federeeshinii Itoophiyaa ijaaruu keessatti gahee tokkollee hin qabdu.

'Mirga siyaasaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu "fedhii addaatti" gadi buusan'

Dhimma siyaasa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan kan hordofanii barreessan Girmaa Guutamaa (PhD), sababoota Finfinneerratti gaaffiin abbummaa akka ka'uufi falmiin akka jiraatu godhan keessaa inni ijoon akkaataa itti heerri Itoophiyaa magaalaa Finfinnee ibse ta'uu BBCtti himan.

"Heerumaafi seera amma jiru kanatu magaalattii rarraasee lafa kaa'e," jechuun, heera keessatti "Oromiyaan fedhii addaa Finfinneerraa qabdi" inni jedhu abbummaa Oromiyaan Finfinneerratti qabdu kan gadi xiqqeessee fi wal-xaxaa taasise ta'uu ibsu.

Inumaayyuu heera mootummaa amma jiru caalaa Chaartara yeroo cehumsaa keesatti hariiroon Oromiyaafi Finfinnee caalmatti ifatti kaa'amuu ibsu.

"Chaartarri sun ifaan ifatti Oromiyaan Finfinneerraa mirga siyaasaa qaba jedha," jechuun heerri mootummaa amma jiru gaafa qophaa'u mirga siyaasaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu bara Chaartaraa bahe keessaa baasuu himu Girmaa Guutamaa.

Mirgi siyaasaa magaalattii bulchuu, seera itti tumuufi waan bal'aa akka qabatu ibsuun, "sana keessaa baasanii Oromiyaafi fedhii addaa kan jedhutti gadi buusanii rarraasanii heera kana keessa kaa'ani," jechuun magaalaan Finfinnee akka magaalota Oromiyaa kaanirraa adda taatetti akka ilaalamtuufi abbummaashee ammoo ifatti kaa'uu dhabuun rakkoo heericharraa madde ta'uu ibsu.

Ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa ammoo rakkoo ijoon Finfinnee akka ijoo falmii taasise hanqina seeraa [heeraa] osoo hin taane murtoon siyaasaa, keessumaa mootummaa naannoo Oromiyaa irraa fudhatamuu dhabuu akka ta'e kaasu.

Heerri mootummaa Itoophiyaa keeyyata 49(5) jalatti Oromiyaan fedhii addaa Finfinneerraa qabaachuun gaaffii abbummaa hawaasi Itoophiyaa biroo Finfinneerratti kaasaniif "deebii kan kennuudha" jechuun ibsu Ajjamaa Malataa.

Akka isaan jedhanitti, sababoota ijoo abbummaa Finfinneerratti akka ka'an godhan keessaa tokko akkaataa hundeeffama magaalaa Finfinneefi babal'ina ergasii magaalattiin taasifteen kan wal-qabatuudha.

Finfinneen gaafa hundooftu lafa baadiyyaa hawaasa Oromoorratti ta'uu kaasuun, ergasiin magaalattiin hadaduma guddataa deemtu Oromoota Finfinnee keessa jiraataniifi naannawashee jiraatan qoollifataafi of keessaa dhiibaa ta'uu ibsu.

"Keeyyanni 49(5) kuni gaaffii Finfinneen maaliif ijoo falmii taate? jedhuuf deebii waan kennu natti fakkaata. Lafti kun jalqabumarraa qabee kan Oromoo ta'uushee deebii kan kenneedha," jechuun "warra bakka biraa dhufanii abbummaaf irratti falman osoo hin taane lafti sun abbuummaadhaan kan Oromomiyaa ta'uushee heerri kun beekamtii kenneefiira kan jedhu ejjannoo mataa kiyyaati," jechuun falmu.

Akka ogeessi seeraa kun jedhanitti, keeyyatawwan heera mootummaa keessatti kaa'amanii hanga yoonaa hojiitti hin hiikamne keessaa keeyyanni 49(5) waa'een Oromiyaan Finfinneerraa fedhii addaa qabaachuu osoo hojiitti hin hiikamin hafuun rakkoo siyaasaa malee kan seeraa akka hin taanes ibsu.

'Mootummaan magaalaa guddoo ofii hin bulchine mootummaa Naannoo Oromiyaa qofaadha'

Finfinneen magaalaa guddoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taate heera naannichaa keessatti tumameera; bifuma wal-fakkaatuun magaala guddoo Itoophiyaati.

Finfinneen naannoo of dandeesse ta'uu baattus of dandeessee of bulchuun mootummaa federaalatti waamamti.

Gama biraan ammoo teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uu qofaa osoo hin taane naannoon Oromiyaa fedhii addaa akka irraa qabu heerri Itoophiyaa tumeera.

Kuni wal-hin dhiituu? Finfinneen itti waamamnishee kan federaalaa akka taatu maalif godhame jennee gaafanneera.

Heera Itoophiyaa keeyyata 49(1) irratti "Finfinneen magaalaa guddoo Mootummaa Federaalati" jedha.

Girmaa Guutamaa (PhD) akka jedhanitti, mootummaan federaalaa lafa mataasaa waan hin qabneef "Finfinneen magaalaa gudoo mootummaa federaalati" gaafa jedhu naannoo Oromiyaa waliin waliigalteen godhame akka hin turre ibsuun, bifa lama silaa Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa federaalaa itti ta'uu qabdu muuxannoowwan magaalota biyyoota biroo kaasuun akeeku

Inni jalqabaa Oromiyaa jalatti buluudha. "Fakkeenyaaf, Kanaadaa yoo fudhanne, federaaluma akka keenyaa [Itoophiyaa] kana. Magaalli guddittiin mootummaan federaalaa keessa qubatu [magaalaan Otaawaa] magaala naannoo jalatti bultuudha," jechuun kun filannoo gaarii ta'uu qaba ture jedhu.

Gama biraan ammoo mootummaan Oromiyaafi federaalaa walii galuun Oromiyaan lafa ofiirraa bakka mootummaan federaalaa buufatu kennuufii akka filannoo biraatti kaa'u.

Kanas akkaataa itti Washingtan DCn magaalaa guddoo mootummaa federaalaa Ameerikaa itti taate ibsu Girmaa Guutamaa.

Bulchiinsi Meerilaand waliigalteedhaan lafa Washington DC kana teessoo mootummaa federaalaa akka taatu kennuu kan iban Girmaa Guutamaa, haala qabatamaa Itoophiyaattis mootummaan federaalaa akkasumaan lafaa ka'ee magaalli tokko magaala guddoo isaa ta'uu akka labsachuu hin dandeenye dubbatu.

"Mootummaan federaalaa lafa hin qabu waan taa'eef, Caffeen Oromiyaa seeraan lafa magaalaan Finfinnee irra qubattu kana [mootummaa] federaalaaf yoo kenneedha," jechuun mootummaan federaalaa kennaadhaan ykn bittaadhaan malee iddoo buufatu argachuu akka hin dandeenye ibsu.

Finfinneen adeemsa kana lamaan: bittaa ykn kennaa hordoftee magaalaa guddoo Mootummaa Federaalaa ta'uu ragaan agarsiisu akka hin jirre kan ibsan Girmaa Guutamaa, ta'us hariiroo Oromiyaa waliin qabdurratti waannumti heera keessatti taa'e hojiitti hiikamuu dhabuun dadhabina bulchitoota Itoophiyaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka ta'e kaasu.

Erga heerri Itoophiyaa ragga'ee waggoota 30 ol ta'us, keeyyanni 49 (5) waa'een fedhii addaa Oromiyaan Finfinneeraa qabduu hojiitti hin hiikamin jira.

Gama biraan ammoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaala guddoosaa kan taate Finfinnee bulchuu keessatti hirmaachaa hin jiru.

Biiroleen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinnee keessa jiraatanis, dhimoota nageenyaa, bulchiinsa lafaa, galii sassaabuufi kaan irratti Finfinnee keessatti hirmaataa akka hin jirre ibsu Girmaa Guutamaa.

Kanarraa ka'uun, "mootummaa magaalaa guddoosaa hin bulchine Mootummaa Naannoo Oromiyaa qofan arge" jechuun ibsu.

'Oromiyaan alatti qaamni biraa Finfinneerraa fedhii addaa akka qabu heera keessa hin jiru'

Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa federaalaafi mootummaa naannoo Oromiyaa qofaa osoo hin taane, giddu gala daldalaafi siyaasaa biyyattii waan taateef ija heddutu irra jira.

Bara 2000 yeroo magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinnee ta'uun hafee gara Adaamaa ta'ee ture, Oromiyaa keessatti dheekkamsa uummataa guddaatu ture; mormiin barattoota yuunivarsiitii garaa garaatti gaggeeffamaa ture.

Sababni ijoon 'Finfinneen handhuura Oromiyaa, lafa Oromoo' taatee osoo jirtuu akkamiin teessoon mootummaa naannoo Oromiyaa Adaamatti jijjiiramti kan jedhuudha.

Filannoo bara 2005 gaggeeffame booda, magaalli guddoon Oromiyaa Finfinneetti akka deebi'u murtaa'e.

Heerri Itoophiyaas "Finfinneen gidduu Oromiyaatti argamti" jedhee kaa'uunsaatuu "akka isheen kan Oromiyaa taate akeeka" jedhu Girmaa Guutamaa.

"Dhimma Finfinnee qaamni [hawaasi] Itoophiyaa garagaraa irraa dhufee irratti murteessuun sirrii miti. Oromoodhumatu akkamiin federaala waliin, naannoo biraa waliin buluu qabna jedhee murteessuu qaba," jechuun 'Itoophiyaa keessaa namni daboo wal-waamee Finfinneen maal haa taatu jedhee irratti murteessuun sirrii miti," jechuun faallaa heera Itoophiyaa deemuu akka ta'es kaasu.

Finfinneen lafa Oromoo ta'uushee heerri Itoophiyaa akka hin haalle ibsuun, "Oromoon alatti Finfinneen kan qaama biraa ta'uus [heerichi] hin eerre," jedhu.

"Qaama Oromiyaati, Oromiyaa keessatti argamti, kanaaf fedhii addaa irraa qaba Oromoon," jechuun yeroo heerri Itoophiyaa qophaa'u hirmaattonni heericharratti mariyataa turan Finfinneen kan Oromoo ta'uushee falmaa turuusaanii qaboo yaa'ii yeroo sana barraa'erra akka dubbisan ibsu Girmaan.

"Finfinneen hoo lafa Oromootii, maal jennee shakkii keessa galchina jedhanii namoota Sidaamaa irraa dhufan natti fakkaataa, ifatti barreeffamee jira qaboo yaa'ii sana keessatti," jedhu.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee bu'uura heera mootummaa keeyyata 38tiin, mirgi bakka bu'aa filatanii mana maree bakka bu'oota uummataa keessaa bakka bu'aa qabaachuu kenneefira.

Ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa akka jedhanitti garuu, keeyyanni kun waa'ee mirga jiraattonni magaalaa Finfinnee qabanii malee lafa qabaachuusaanii waanti agarsiisu akka hin jirre ibsu.

Inumaayyuu waa'ee lafa magaalaa Finfinnee kan eenyuu akka ta'e kan akeeku keeyyata 49(5) akka ta'e dubbatu.

"Akka hubannaa kootti, keeyyanni 49 (5) kun dhimmoota gurguddoo lama of keessaa qaba: dhimma fayidaa addaa naannoon Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa qabuufi dhimma waliin bulchiinsa magaalaa Finfinneefi naannoo Oromiyaa.

Keessumattuu "magaalli Finfinnee lafa Oromiyaarratti waan argamtuuf...," kan jedhu waa'een lafa Finfinee Oromiyaa akka ilaallatu himu.

Walumaa galatti, heerri mootummaa Itoophiyaa waa'ee [lafa] magaalaa Finfinnee gaafa kaasu Oromiyaa wajjin wal-qabsiisee malee qaamota biroo abbummaaf irratti falman ykn naannolee biroo waajjin wal-qabsiisee akka hin kaasne ibsu.