Rakkoon Maanchistar Siitii mudate waa'ee faayinaansii Maanchistar Yunaayitid maal hima?

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasni koree Pirimeer Liigii gochaalee seeran alaa Maanchistar Siitiin waggoota darban keessa raawwate ifatti kaa'era.
"Galiin kilabichaa akka malee arbeeffamee paawundii miliyoona 830 ol guddatee dhiyaatera."
Abbootiin qabeenyaa Maanchistar Siitii waggootaaf maallaqa silaa galii ispoonsarshiippii ta'ee galmaa'uu hinqabne gara kilabichaatti dhangalaasuun seerota faayinaansii Piriimer Liigii cabsaniiru.
Murteen cimaan koree Pirimeer Liigii kun Siitiirratti kan darbe Maanchistar Yunaayitid gabaasa galmee herreegaa hanga dhuma Waxabajjii 30, 2026 jiru Niwu York Istook Eksicheengiif erga galchee guyyoota shan booda ture.
Dhimmoota gabaasa Yunaayitid kana keessatti eeraman keessaa tokkommoo kaffaltii dhala liqaa paawundiin miliyoona 37 kaffalamuusaa yemmuu ta'u, kunis kan bara darbee paawundii miliyoona 34 walin yeroo madaalamu caalmaa kan qabudha.
Dhimma faayinaansii gareelee kubbaa miilaarratti gabaasawwan barreessuun kan beekamu Siwiss Raambil, kilabichi bara 2005 harka maatii Gileezar erga seenee eegalee hanga ammaatti kaffaltii dhala liqaa paawundii miliyoona 852 kaffaluu akka hin oolle timamaamera.
Deeggartoonni kilaboota magaalaa Maanchistar lamaanis, abbootiin qabeenyaa Siitii maallaqa guddaa kilabicharratti dhangalaasuusaaniifi Yunaayitid immoo hamma maallaqaa walfakkaataa bifa dhala liqaatiin kaffaluusaa taajjabaniiru.
Naamusa faayinaansii kabajuu

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasni galmee herreegaa Maanchistar Yunaayitid yaada hoji gaggeessaa olaanaa kilabichaa Omaar Berraadaa ofkeessatti kan qabate yemmuu ta'u, "bu'aawwan kunneen marti kallattii sirriirra jiraachuu keenya mirkaneessu, faayinaansiin keenya fayyaalessa ta'ee akka itti fufuuf adeemsa naamusa qabeessa hordofuu keenya itti fufna" jedhaniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Bara darbe Pirimerliigii Ingiliiziin sadarkaa sadaffaa qabachuun kan xummure Maanchistar Yunaayitid, turtii waggoota lamaa booda gara morkii Chaampiyeens Liigiitti deebi'eera.
Kana malees kilabichi bara dorgommii darbee keessa galii rikardii ta'e paawundii miliyoona 677.6 kan galche yemmuu ta'u, galiin kun bara dorgommii 2026-2027'tti gara paawundii miliyoona 760'tti akka ol guddatu tilmaamameera.
Haa ta'u malee ejjennoon Berraadaa abdiin guutame dhugaawwan hadhaa'oo kilaba Maanchistar Yunaayitid keessa jiru waan himu qaba.
Kilabichi Waxabajjii 30 booda bittaa taphattoota haaraa akka Kaarlos Baalebaa, Andiree Saantos fi Yuurii Tilamaansiif, baasiiwwan taphattoota kunneeniin walqabataniif akkasumas taphattoota akkaadamii kan akka Taayinaan Toomsaniif waliigalatti paawundii miliyoona 191.7 baasera. Baasiin kunis waggoota shanan itti aanan keessatti kan kaffalamu ta'uu hoji gaggeessaan kilabichaa mirkaneessaniiru.
Kana malees Yunaayitid paawundii miliyoona 90 kan liqeeffate yemmuu ta'u, kunis liqaan waliigalaa kilabicharra jiru paawundii biliyoona 1.15 akka gahu taasiseera.
Waxabajjii 30 dura idaan kilaboonni biroon jijjiirraa taphattootaan walqabatee Yunaayitid irraa qaban paawundii miliyoona 375 ture. Kana keessaa paawundiin miliyoona 218 Waxabajjii 2017 dura kaffalamuu kan qabudha.
Kana malees kilabichi lafa istediyeemii haaraa ijaaruuf karoorfate irratti ijaaruu harkatti galfachuuf paawundii miliyoona 63.5 baasii godheera. Maallqni istediyeemiin haaraan kun ittiin ijaaramu garuu eessaa akka dhufu hanga ammaatti hinmurtoofne.

Madda suuraa, Getty Images
Deeggartoonni Yunaayitid ijaarsa isteediyeemii haaraa hindeeggarre garuu maallaqichi taphattootarra akka oolu fedhu.
Haa ta'u malee baasii taphattootaaf bahun walqabatee 'adeemsa of-eeggannoon guutame' akka hordofan Berraadaan himaniiru.
Bara 2025 keessa Yunaayitid taphattootafi hojjettoota kilabichaaf paawundii miliyoona 313 kan kaffale yemmuu ta'u, kanaanis kilaboota Pirimeer Liigii kaffaltii olaanaa kaffalan keessaa sadarkaa shanaffaarra taa'ee ture.
Haa ta'u malee bara dorgommii 2025-2026 keessa kilabichi dorgommiilee Awurooppaan ala ta'uusaatiin baasiinsaa gara paawundii miliyoona 302'tti gadi xiqqaatera.
Haa ta'u malee baasiin kilabichaa kan duraarraa xiqqaatus Leenjisaan kilabichaa Maayikil Kaarik, Yunaayitid Pirimer Liigii Ingiliiz sadarkaa sadaffaa qabatee akka xummuru taasisaniiru.
Kilabichi galii waliigalaa bara dorgommii 2025-2026 keessatti argate keessaa dhibbeentaa 45 qofa taphattootafi hojjettootasaa biroof kan kaffale yemmuu ta'u, kilabni gama kanaan milkaa'ina walfakkaataa argamsiise hinturre.
Gama biraatiin waqtii jijjiirraa taphattootaa bona darbeen Yunaayitid baasii gurguddaa baasuun taphattoota bituurraa ofqusateera. Baasiin paawundii miliyoona 148 kilabichi baases kan kilaboonni bara kana gara Pirimer Liigiitti ol guddatan Ipsiwiich Taawon fi Hal Siitii walin yeroo madaalamuyyuu ni xiqqaata.
Haa ta'u malee kilabichi jijjiirraa taphattootaa Fulbaana 1 xummurameen gurgurtaa taphattootaan paawundii miliyoona 47 qofa kan argate ta'uusaatiin galii argaterra baasii baasetu caala.

Madda suuraa, Getty Images
Kilabichi taphattoota dargaggeeyyii akka Raadek Viitek fi Toobii Kooliyer hamma maallaqaa xiqqaan Miidilsbroowu fi Weest Biroomitti gurgureera. Kana malees taphattoota sarara ittisaa akka Taayler Firedriksan fi Jeems Oveerii immoo maallaqa malee kilabicha akka gadi dhiisan taasiseera.
Haa ta'u malee kilabichi taphattoota kunneen kan gurgure waliigalteewwan gara fulduraatti bu'aa argamsiisuufi danda'an mallatteessuuni. Haaluma kanaan taphattoonni kun irra deebiin yoo gurguraman yookiin milkaa'oo yoo ta'an Yunaayitid maallaqa ni argata jechuudha.
Sanis ta'e kanaa idaan Maanchistar Yunaayitid irra jiru daran guddaa ta'uusaatiin carraan yeroo dhiyootti guutummaatti kaffalamuusaa baay'ee xiqqaadha.
Kanaafis baasii to'achuufi dirreerratti bu'aa argamsiisuu walcinaa adeemsisuun hojii ulfaataa hoji gaggeessaa olaanaa kilabichaa Omaar Berraadaafi waahillansaanii eeggatudha.


























