KALLATTIIN , Waraanni Iraan mana maree US keessatti garaagartee uume

Waraana Iraaniifi bajata ministeera Ittisaa irratti waliigalteen dhibuun yaaddoo mootummaan US akka hojii dhaabu mala jedhu jabeesseera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Artist Miikiyaas Charinnat 'dhibee tasaan' du'e

    Artist Miikiyaas Charinnat
    Ibsa waa'ee suuraa, Artist Miikiyaas Charinnat wallee isaa 'Dirree Dirree' kan jedhuufi kaan hedduun beekama

    Artistiin beekamaa wallee isaa garagaraan beekamu Miikiyaas Charinnat dhibee tasaan du'aan boqochuun dhagahame.

    Artistin kuni magaalaa Wal Qixxee keessatti guyyaa Sambata kaleessaa hojii muuziqaa akka dhiheessu eegama ture.

    Haa ta'u malee, galgala keessa duuni isaa dhagahame.

  2. Pochettiinoon tapha jalqabaa isaaniin akkam ta'u?

    Pocheettiinoon leenjii isaanii jalqabaa gaafa Kamisaa taasisan
    Ibsa waa'ee suuraa, Pocheettiinoon taphattoota isaanii waliin leenjii isaanii jalqabaa gaafa Kamisaa taasisan

    Poochetiinoon yeroo rakkisaatti gara Maan Yuunaayitid dhufe. Garuu kilebni akkasii guddaan gaaffii yeroos iif dhiyeessu diduu hin dandeessu jedhe.

    Ilma isaa Sebaastiyaan dabalatee garee leenjistoota isaa qabatee dhufee kallattumaan hojii eegaleera.

    Garuu dirree fi tapha ulfaataadhaan jalqaba. Yeroo tapha kana taphatan ammoo inumaayyuu dhuma gabatichaa irra taa'uu malu.

    Kiriis Saatan osoo ani Poochetiinoo tahee harkakoo gateettii Buruunoo Fernaandez irra kaa'een akka inni gammadee dandeettii isaa bara darbee kennuuf nan godha jedhe.

  3. Masirii, Ertiraafi Sudaan waa'ee Galaanaa Diimaafi Gaanfa Afrikaa maal mariyatan?

    Ministiroota dhimma alaa Masrii, Sudaaniifi Ertiraa

    Masirii, Ertiraafi Sudaan dhimma nageenya Galaana Diimaafi Gaanfa Afrikaarratti mariyachuu beeksisan.

    Ministiironni dhimma alaa biyyoota sadeenii Sambata, Sadaasa 21 Masirii magaalaa Aswaanitti wal-arguuni kan mariyatan.

    Ministiirri dhimma Alaa Masirii Badeer Abdullaatii ministiirota dhimma alaa Sudaan Mohidiin Salaamifi kan Ertiraa Osmaan Saalee Masiriitti waamuni kan mariyatan.

  4. Itoophiyaan talaallii pooliyoo naannolee shan keessatti eegalte

    Daa'ima talaallii pooliyoo fudhataa jirtu

    Mootummaan Itoophiyaa daa'imman miiliyoona 11.3 tiksuuf talaallii pooliyoo naannolee garagaraa shan keessatti eegale.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka beeksisetti, talaallii kana mootummaa Itoophiyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), UNICEF, akkasumas dhaabbileen garagaraa tumsaniiru.

    Talaalliin kuni Finfinnee, Oromiyaa, Giddugala Itoophiyaa, Kibba Itoophiyaafi Kibbalixa Itoophiyaatti gaggeeffama.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaallii kana tumsuuf hojjettoota isaa 28 bobbaasuu beeksiseera.

    Pooliyoon maali?

    Pooliyoo yeroo baay'ee daa'imman umuriinsaanii shanii gad ta'an kan miidhu yoo ta'u, yeroo tokko tokko miidhaa sochii nama dhorku geessisa.

    Yoo maashaan hargansuu miidhame ammoo du'aaf nama saaxila.

    Talaalliin lubbuu daa'immanii ittisuu danda'u ni jira.

    Pooliyoon dhukkuba namarraa namatti darbu yoo ta'u bishaan faalameen daddarba.

  5. Itoophiyaan miseensa mana maree Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa ta'un filamte

    Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO)
    Ibsa waa'ee suuraa, Manni maree kuni hanga 2028'tti dhaabbaticha bulcha

    Itoophiyaa dabalatee biyyoonni afur miseensa mana maree Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ta'un filaman.

    Biyyoonni kuni Yaa'ii Waliigalaa 43ffaa dhaabbatichaarratti filataman. Akkaatuma kanaan miseensonni mana marichaa 36 irraa gara 40'tti ol guddateera.

    Manni Maree kuni hanga yaa'iin itti aanu bara 2028'tti taasifamutti manni maree kuni Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ni hooggana.

    Biyyoonni afran Itoophiyaa waliin filataman Indooneshiyaa, Omaaniifi Turkiidha.

    Dhaabbanni Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) eejansii addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii geejibni naga qabeessa akka jiraatu taasisudha.

  6. Waraanni Iraan mana maree US keessatti garaagartee uume

    Kongirasii US
    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp waraana Iraaniif deeggarsa dabalataa barbaadu

    Waraana Iraaniifi bajata ministeera Ittisaa irratti waliigalteen dhibuun yaaddoo mootummaan US akka hojii dhaabu mala jedhu jabeesseera.

    Waraana Ameerikaan Iraan waliin itti jirtu akkasumas Pirezidant Tiraamp Ministeera Ittisaa US'f bajati dabalataa dolaara biliyoona 350 gaafatan Manni Maree US (Kongirasii) bajata federaalaa irratti akka waliigalteerra hin gahamne gochuu mala.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti, miseensonni paartii demokiraatikiifi rippablikaanii dhibdeen seera baastota waliin uumame bajata mootummaa irratti waliigalteen akka hin jiraanne gochuu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

    Bajanni mootummaa Ameerikaa jalqaba baatii Muddee irratti kan cufamu yoo ta' miseensonni mana maree bajati dhaabbilee federaalaa akka itti fufuufi hojiin isaanii akka adda hin cinne torban sadii qofa qabu.

    Garaagarteen kuni immoo keessumaa seenetii (parlaamaa) keessatti ni hammaata.

    Sababni isaas bajati deeggarsa paartilee lamaa qabu akka ragga'u senaataroota 100 keessaa yoo xiqqaate sagalee 60 ni barbaachisa.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegale.

    Oduufi odeeffannoo waan Itoophiyaafi addunyaan itti jiran jala jalaan gurra isin buufna.

    Nagaan oolaa.