WBO'n ibsa haleellaa Arsii ilaalchisee baase miidiyaaleen tokko tokko dogoggora gabaasan jechuun himate

Madda suuraa, SM
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Arsii, aanaa Shirkaa keessatti namoota 40 ol ajjeese jedhameen walqabatee, haleellaa sanaaf itti gaafatamummaa fudhate jechuun gabaafamuu mormeera.
WBO'n ibsa Jimaata kaleessaa baaseen, haleellaa Onkoloolessa 18 Shirkaa ganda Borbii fi Choolee keessatti raawwatame ilaalchisee ibsi inni duraan baase karaa dogoggoraatiin hiikamuu himate
Haleellaa sanaan yoo xiqqaate namoonni 46, daa'imman shan dabalatee, ajjeefamuu isaanii jiraattonni naannichaa himanii turan.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) gama isaatiin, haleellaan lama adda addaa raawwatamuu ibsuun, haleellaa WBO'n baneen namoonni gara 41 ta'an ajjeefamuu gabaasee ture.
Komishinichi namoota ajjeefaman keessaa 23 qaamolee nageenyaa sadarkaa gandaa, shan miseensota milishaa, 13 immoo namoota nagaa ta'uu ibseera.
WBO'n garuu gabaasa komishinichaa mormuun, tarkaanfiin inni fudhate namoota nagaa irratti utuu hin taane namoota yeoo kaan jireenya idilee jiraachaa yeroo boqonnaa isaanii keessatti leenjii fi hojii waraanaa mootummaa keessatti hirmaatan akka ta'an ibsee ture.
Walitti dhukaasa ture keessatti namoonni nagaan ajjeefamuu akkan danda'an illee ibsee ture. Haa ta'uu malee ibsa haaraa kaleessa baase keessatti erga humnoonni isaa naannawa sanaa ba'anii booda gareewwan hidhatan biroonis haleellaa raawwachuu himate.
Kanaaf Waraanni Bilisummaa Oromoo aanaa Shirkaa keessatti haleellaa namoota 40 ol ajjeeseef itti gaafatamummaa fudhatera jechuun miidiyaaleen tokko tokko ibsa isaa karaa dogoggoraatiin hiikuu balaaleffateera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ibsa haaraa kanaan, WBO'n tarkaanfiin inni fudhate kaampii waraanaa namoonni hidhatan, ajaja humnoota nageenyaa mootummaa idileetiin socho'an keessa turan irratti akka ta'es ibseera.
WBO'n ibsa duraan keessatti yeroo walitti bu'iinsaa santtis namoota nagaa meeshaa waraanaa hin qabne irratti haleellaa raawwachuu isaa haalee ture.
Tarkaanfiin isaa namoota gama humnoota mootummaa hiriiruun walitti bu'iinsa keessatti kallattiin hirmaachaa turan irratti kan xiyyeeffate ta'uus ibseera.
Dabalataanis, humnoonni WBO naannichaa erga ba'anii booda haleellaawwan biroon raawwatamuu ibsaa isaa kanaan eerere.
Haa ta'uu malee gareewwan hidhatan biroo garuu eenyummaa isaanii hin ibsine.
''Kana ta'ee utuu jiruu,gabaasni WBO'n haleellaa sanaaf itti gaafatamummaa fudhate jechuun ba'e, haleellaawwan hidhattootni hedduun raawwatanii fi yeroo naanni keenya achi hin jirretti raawwataman dabalatee miidhaa achitti ga'e hunda isa WBO irratti fe'uuf yaalii taasifamedha'' jechuun ibssera.
Dhimma akana ilaalchisee WBO'n taateen haleellaa Arsii keessatti raawwataman hunda irratti qorannoon amanamaa, bilisaa fi walaba ta'e akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Onkoloolessa 24 ibsa baaseen, WBO'n ganda Borbii fi Choolee kallattii afuriin seenuun haleellaa raawwachuu isaa qorannoo isaan mirkaneessu ibsee ture. WBO's gabaasicha cimsee qeeqera.


























