Itoophiyaan bara 2050tti baay'ina ummata musliimaan addunyaarraa sadarkaa meeqaffa qabatti?

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Lakkoofsi hordoftoota amantaa Islaamaa waggoota sagal booda bara 2035 irratti kan Kiristaanaa caaluun addunyaa irratti amantii isa dursu ta'a jedhamee akka eegamu raagni Wiirtuu Qorannoo Pew [Pew Resaech Center] tibbana ibsee ture.
Waggoota 25 darban keessa baayyina ummataa amantaa isaan hordofan irratti hundaa'uun , gabaasaalee baasaa kan ture Pew, addunyaa irratti Islaamummaanis ta'e Kiristaanummaan yeroo yeroon dabalaa jiru jedhe.
Haa ta'uu malee, Islaamummaan saffisa baayyee guddaa ta'een guddachaa jiraachuu fi waggoota sagal booda addunyaarraa dursummaa kan qabatu ta'uu eereera.
Bara 2035 guutummaa addunyaa irra Musliiimota biliyoona 2.57 Kiristaanonni ammoo biliyoona 2.52 ta'anitu jiraata jedhamee eegama.
Kanaaf, ammoo sababiin ijoon Musliimonni amantiiwwan gurguddoo biroo caalaa fedhii ijoollee godhachuu waan qabaniif akka ta'e wiirtuun qorannoo kun kan ifoomse.
Bara 2020 hanga 2025 keessatti hangi dhala godhachuu Musliimotaa dubartii tokkotti ijoollee 3.1 ture. Kan dubartoota Kiristaanaa ammoo ijoollee 2.5 dha.
Akka qorannoon kun jedhutti,bara 2020 hanga 2070 gidduutti lakkoofsi Muslimoota addunyaa irratti dhibbeentaa 80'n dabaluun namoota biliyoona 2.02 irraa gara biliyoona 3.64tti ol guddata jedhamee eegama.
Gama biraatiin lakkoofsi Kiristiyaanotaa ammoo dhibbeentaa 30'n dabaluudhaan gara biiliyoona 2.96 akka gahu tilmaamameera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haa ta'u malee, lakkoofsi Hindu fi Yihudootaa guddina waliigalaa baay'ina ummata addunyaa caalaa suuta guddachuu akka danda'u eegama.
Haaluma walfakkaatuun lakkoofsi Budiistotaa fi namoota amantii hin qabne akka gadi bu'u tilmaamameera.
Akkasumas qorannoon biyyoota daballiin guddaan keessatti taasifamu keessaa kanneen yeroo ammaa Muslimoonni baay'inaan keessa jiran keessatti akka ta'u ni mul'isa.
Biyyoota 10 addunyaa irratti hanga bara 2050tti baay'inni ummata Musliimaa saffisaan dabala jedhamee eegamu filanneerra.
1. Paakistaan
Giddugalli Qorannoo Pew, bara 2050tti Paakistaan lakkoofsa Muslimoota biyyattii keessa jiraataniin Indooneezhiyaa caaltee sadarkkaa 1ffaa akka qabattu tilmaameera.
Akka tilmaama qorannoo kanaatti, yeroo sanatti lakkoofsi Muslimoota Paakistaan miiliyoona 378 ga'uu danda'a.
Tilmaamni Pew Research bara 2020 baase akka agarsiisutti, bara sanatti Paakistaan keessa Muslimoonni miiliyoona 230 akka ga'an ibsee ture.
2. Hindii
Hindii, Paakistaan waliin kan wal daangessitu yoo ta'u bara 2050tti baay'ina Muslimootaan addunyaa irratti sadarkaa lammaffaa irra akka geessu tilmaamameera.
Akka Giddugalli Qorannoo Pew tilmaametti, bara 2050tti lakkoofsi Muslimoota Hindii miiliyoona 300 ga'uu danda'a.
Hindii keessatti Islaamummaan amantii lammaffaa hordoftoota baay'inaan qabu yoo ta'u, Hinduu'izimiin amantii hordoftoota baay'inaan qabuudha.
3. Indooneezhiyaa
Indooneezhiyaan yeroo ammaa biyyoota addunyaa Muslimoota baay'inaan qabdu keessaa isa jalqabaa yoo taatu, lakkoofsi Muslimoota biyyattii miiliyoona 249 hanga 251tti tilmaamama.
Akka Giddugalli Qorannoo Pew tilmaametti, bara 2050tti lakkoofsi Muslimoota Indooneezhiyaa miiliyoona 275 ga'uu danda'a.
Indooneezhiyaan biyya Kibba Baha Eeshiyaa keessatti argamtu yoo taatu, ummata biyyattii keessaa dhibbeentaan 87 ta'an Muslimoota.
4. Naayijeeriyaa
Naayijeeriyaan, biyya Afrikaa Dhihaa keessatti argamtu, bara 2050tti baay'ina Muslimootaan addunyaa irratti sadarkaa afraffaa irra akka geessu tilmaamameera.
Akka Giddugalli Qorannoo Pew tilmaametti, bara 2050tti lakkoofsi Muslimoota Naayijeeriyaa miiliyoona 226 ga'uu danda'a.
Naayijeeriyaan biyya Afrikaa ummata baay'inaan qabdu yoo taatu, yeroo ammaa baay'ina Muslimootaan addunyaa irratti sadarkaa shanaffaa irra akka jirtu ibsameera.
Qorannichi akkasumas, bara 2070tti Naayijeeriyaan baay'ina Muslimootaan addunyaa irratti sadarkaa sadaffaa irra akka geessu tilmaameera.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
5. Baanglaadeesh
Baanglaadeesh, biyya Eeshiyaa Kibbaa keessatti argamtuufi Hindii waliin daangaa qabdu, bara 2050tti baay'ina Muslimootaan addunyaa irratti sadarkaa shanaffaa irra akka geessu tilmaamameera.
Akka Giddugalli Qorannoo Pew tilmaametti, bara 2050tti lakkoofsi Muslimoota biyyattii miiliyoona 203 ga'uu danda'a.
Baanglaadeesh keessatti ummata biyyattii keessaa dhibbeentaan 91 kan ta'an Muslimoota ta'uun ibsameera.
6. Masrii
Masriin, biyya Kaaba Afrikaa keessatti argamtu, biyyoota baay'ina Muslimootaan addunyaa irratti sadarkaa 6ffaa irra jiran keessaa tokko ta'uu ibsameera.
Giddugalli Qorannoo Pew akka tilmaametti, bara 2050tti baay'inni Muslimoota Masrii miiliyoona 151 ga'uu danda'a.
Seenaa Islaamaa keessatti Masriin bakka guddaa qabdi.
Seenaa amantichaa keessatti Nabiyyoonni Masrii keessa jiraachuu ykn hamabaalee daawwannaa seenaawwan kana waliin ka'an hedduu qabdi
7. Turkii
Qorannoon Giddugala Qorannoo Pew akka agarsiisutti Turkiin bara 2050tti biyya Musliimaa addunyaa irraa sadarkaa 7ffaa qabattu akka taatu ibseera.
Akka qorannoo kanaatti yeroo sanatti lakkoofsi Muslimoota biyyattii keessatti namoota miliyoona 98 ni gaha.
Awurooppaatti kan argamtu Turkiin, Islaamummaa waliin hidhata seenaa dheeraa qabdi.

Madda suuraa, Reuters
8. Iraan
Baha Giddu Galeessaatti kan argamtu Iraan biyyoota qorannoon kun lakkoofsi Muslimoota haalaan akka dabalu tilmaame keessaa tokkodha.
Pew Research akka jedhutti bara 2050tti lakkoofsi Muslimoota Iraan miliyoona 100 akka gahu ibseera.
Iraan biyyoota Musliimaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisan keessaa tokko yoo taatu, hayyoonni Islaamaa dhimma siyaasaa fi waraanaa biyyattii keessatti gahee olaanaa taphachaa jiru.
9. Itoophiyaa
Itoophiyaan bara 2050tti yoo xiqqaate Muslimoota miiliyoona 93 qabaachuu dandeessi jedha qorannoo Pew. Kun ammoo Itoophiyaan biyyoota Afrikaa Bahaa keessaa baay'ina Muslimootaa olaanaa qaban keessaa tokko ishee taasisa.
Akka sadarkaa qorannichaa keessatti ibsametti, Itoophiyaan biyyoota addunyaa baay'ina ummata Musliimaa qaban keessaa sadarkaa saglaffaa irratti argamti.
Islaamummaan Itoophiyaa keessatti amantii Kiristaanummaatti aanee amantii hordoftoota baay'ee qabu isa lammaffaa ta'uun ibsameera.
Tilmaamni bara 2050 kun garuu lakkoofsi yeroo ammaa jiru kun jijjiramuu akka danda'uu fi saffisni amantiin islaamaa ittin guddataa jiru kan hordoftoota amantii kaanii caalaa jiraachuu qorannoon Pew Research Center kun kan mul'isu.
10. Sudaan
Biyyoota kurnan bara 2050tti baayyina ummata Musliimaa guddaa akka qabaattu tilmaamaman keessaa biyyi dhumaa Sudaan dha.
Pew Research akka jedhetti yeroo sanatti lakkoofsi Muslimoota Sudaan miliyoona 87 akka gahu beeksiseera.
Waggoota darban keessa walitti bu'iinsa bal'aan kan miidhamte Sudaan biyyoota yuunivarsiitiiwwan ishee keessatti saayinsii Islaamaa bararsiisuuf jirtu keessa ishee tokko.


























