Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuul 4-0 Maanchister Yuunaayitid: Tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa
Maanchister Yuunaayitid imala haaraa leenjisaa isaa haaraa Moorishiyoo Poochetiinoo jalatti Dilbata eegala. Garuu Istaadiyeemii haalaan ulfaataa tahe Anfiildi irratti tahuun isaa yaadessaadha.
Kiriis Saatan Ittisni Yuunaayitid Piriimer Liigi keessaa isa baay'ee dadhabaa waan taheef Liiverpuul 4-1 mo'ata jedhe. Isin hoo maal jettu? Tilmaamni Piriimer Liigii torban kanaa baheera.
Kubba milaa BBC keessatti xiinxaluun kan beekamu Kiriis Saatan taphattoota ittiosaa Yuunaayitid qabu keessaa kamiyyuu Poochetiinoon yoo filate hundi isaanii dadhaboodha jedhe.
Maanchister Siitiin walitti aansee taphoota sadii mo'ameera. Eenzoo Maareshkaa leenjisaa Maan Siitii tahee qormaata jalqabaa walitti aansee argedha.
Nootingihaam Foorestiin mo'amuu isaanii qofa osoo hin taane gahumsi agarsiisaan leenjisichaaf qormaata guddaa theera.
Garuu boqonnaan xumurame kun yeroo gaariitti waan isaaniif dhufeef rakko jiru irratti hojjechuun injifannootti deebi'u jedhe Kiriis Saatan.
Fuulhaam taphoota arfan darban irratti hin mo'amne. Garuu Erliingi Haalaand biyya isaafis galchii lakkoofsisaa waan tureef gahumsa kanaan kileba isaati deebi'a jedhamee eegama.
Dorgommii buunyaan kan beekamtu Looren jedhamtu Kiriis Saatan waliin tilmaamte. AI akkasuma isaan waliin wal dorgomaa jira.
Tapha Maanchister Siitii v Fuulham akkasiin tilmaamaniiru.
Kiriis Saatan 2-0 Maan Siitii mo'ata jedhe.
Looreen: 2-0 jette.
AI Maan Siitii 3-1 Fuulham jedhe.
Astoon Viilaa v Sanderlaand
Sanderlaand bara kana haala gaariin hin jalqabne. Garuu yeroo darbe Cheelsii mo'ataniiru.
Gahumsi agarsiisan guddaa ture. Qabxii isaaniif maludha jedhe Kiriis Saatan. Zhaakaa fi taphataan sarara duraa Sanderlaand Biriyaan Birooberii ajaa'iba turan.
Amma Zhaakaan waan miidhameef hin taphatu. Garuu Astoon Viilaan daqiiqaa dhumaatti Maan Yuunaayitid waliin qixa 4-4 xumuruun leenjisaa isaanii Unaay Imiree akka malee aarseera.
Kiriis Saatan: Astoon Viilaa 2-1 Sanderlaand
Looreen: Astoon Viilaa 2-1
AI: 2-0 jechuun tilmaamaniiru.
- Cheelsii v Liidsi Yuunaayitid
Cheelsiin yeroo darbe yeroo Sanderlaandiin mo'aman ittisni isaanii gaarii hin turre. Walumaa galaan deeggartoonni Cheelsii gahums akileba isaaniin gammadoo hin turre.
Zhaavii Aloonsoo ittisa isaa qeeqeera.
Kiriis Saatan ammayyuu Cheelsiin akka qabxii gatu amana. Jaayoo Peedroo yeroo hin jirre akka Cheelsiin galchii argachuuf rakkatu kaase.
Liidsi ammoo yeroo darbe Tootenhaamiin mo'atan.
Kiriis Saatan: Cheelsii 1-1 Liidsi
Looren: Cheelsii 3-1 Liidsi
AI: Cheelsii 2-1 Liidsi
- Niwkaasil v Arsenaal
Akkuma bara darbe yoona kanaa Niwkaasil taphoota 10 irraa qabxii 12 argataniiru. Akkasi tahe egaruu deeggartoonni isaanii garee isaaniitti waan amanaa jiran miti.
Niwkaasil ammayyuu falaasama taphaa ittiin beekaman tokko waan ijaaran miti.
Kanaaf tapha kana Arsenaal olaantummaan akka mo'atu tilmamama.
Kiriis Saatan: Niwkaasil 0-2 Arsenaal
Looren: Niwkaasil 0- 4 Arsenaal
AI: 1-1
- Haal Siitii v Biraayitan
Haal Siitiin taphoota saddet darban irratti hin mo'anne garuu qixa bahaniis tahu qabxii argataa turaniiru.
Kiriis Saatan: Haal Siitii 0-3 Biraayitan
Looren: Haal Siitii 0-1 Biraayitan
AI: 1-2
- Barnimooz v Nootiinghaam Foorest
- Leenjisaan Barnimooz Maarkoo Rooz jalqabarra injifannoo dhabus ergasii haala gaarii irratti argamu. Walitti aansuun taphoota hundaan yoo ilaalle taphoota saddet mo'atan.
- Nootinghaam Foorest ammoo Oliiver Gilaaziner jalatti qabxii argachuuf rakkatanii Maan Siitii yeroo darbe mo'atan.
Kiriis Saatan: 2-1
Looren: 2-1
AI: 1-1
- Aanfiildi: Liiverpuul v Maanchister Yuunaayitid
Poochetiinoon yeroo rakkisaatti gara Maan Yuunaayitid dhufe. Garuu kilebni akkasii guddaan gaaffii yeroos iif dhiyeessu diduu hin dandeessu jedhe.
Ilma isaa Sebaastiyaan dabalatee garee leenjistoota isaa qabatee dhufee kallattumaan hojii eegaleera.
Garuu dirree fi tapha ulfaataadhaan jalqaba. Yeroo tapha kana taphatan ammoo inumaayyuu dhuma gabatichaa irra taa'uu malu.
Kiriis Saatan osoo ani Poochetiinoo tahee harkakoo gateettii Buruunoo Fernaandez irra kaa'een akka inni gammadee dandeettii isaa bara darbee kennuuf nan godha jedhe.
Buruunoon bara kana akka bara dorgommii darbee cimina isaa hin agarsiifne. Taphattoonni Liiverpuulis falaasama taphaa Andoonii Iraayoolaatti guutummaatti hin madaqne.
Keessumaa sarara gidduu isaa maal fakkaachuu fi eenyu tahuu akka qabu leenjisaan Liiverpuul ammayyuu waan murteesse miti jedhe Saatan.
Kaarik Arsenaalii fi Maan Siitii mo'atee jalqabe. Akkasuma kunis Poochetiinoof qormaata jalqabaa tahaafi.
Kiriis Saatan: Liiverpuul 4-0 Maan Yuunaayitid
Looren: Liiverpuul 2-1 Maan Yunaayitid
AI: Liiverpuul 2-1 Maan Yuunaayitid
Dhuma irratti Kiriis Saatan Tootenhaam 2-0 Ipsiwiich Taawon
Kooventarii 2-2 Kiristaal Paalaas
Bireentfoord 1-1 Everteen jechuun tilamaameera.