'Richitiitu dhuka'a jedheen daa'ima kootti hima': Maatii waraana Yaman keessatti danqaman

    • Barreessaa, Orla Guerin
    • Gahee, Senior international correspondent
    • Gabaasni irraati, Istanbul
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Yamanitti magaalaan Ta'iiz, tulluuwwan qara qabaniifi loltoota finciltoota Huutiitiin marfamtee kan jirtu Ashwaaq, ilma ishii sodaate tasgabbeessuuf karaa tokko qofa qabdi. Innis sobuu.

"Ilmi koo waggaa 11 yeroo sagalee guddaa dhaga'u, 'Hin sodaatin, kun richitiidha' jedheen itti hima," jetti.

"Akka inni na'u hin barbaadu, garuu keessa kootti wanta naannoo isaatti ta'aa jiru hubachuuf ga'eessa ta'uu isaa nan beeka. Jireenya isaa irra caalaa waraana keessa jiraate."

Ta'iiz walwaraansa Yaman keessatti yeroo dheeraaf iddoo barbaadamtuufi adda waraanaa taatee turteetti. Humnoonni Huutii ji'a darbe marsanii cimsanii, magaalaa mootummaadhaan to'atamtu kanaafi uummata ishii kan 600,000 hanga miliyoona 1 gidduutti tilmaamamu guutummaatti marsaniiru.

Sana booda, magaalaan Yaman keessaa guddinaan sadarkaa sadaffaa irratti argamtu kun addunyaa irraa addaan citteetti, jiraattonni ishiis sagaleen isaanii dhaga'amuu dhabee jira.

Nuti namoota magaalaa sana keessa jiran torba qunnamnee haala marfama ishee bal'inaan qoranneerra. Isaanis marfama du'aa Huutiin Ta'iiz irra kaa'e ilaalchisee ragaa bal'aa kennaniiru.

Nyaanni baay'ee xiqqaa ta'e qofti gara magaalattiitti seenuu danda'a. Gatiin meeshaalee bu'uuraa kanneen akka ruuzii, sukkaaraafi zayita nyaataa dachaa lama ykn sadii dabaleera. Dhiyeessiin murteessoon kanneen akka qorichaa, bishaaniifi boba'aas xiqqaachaa jiru.

Daandiiwwan kanaan dura sagalee konkolaataafi haasawa namootaatiin guutamanii turan irratti callisatu mul'ata. Manneen barnootaa cufamaniiru, manneen nyaataas cufamanii jiru. Rakkoo irratti rakkoon dabalamaa jira. Tuullaan kosii namoota waliin magaalaa keessatti hidhamee hafeera. Jiraattonni gubanii balleessuuf yeroo yaalan aara summii qabutu uumama. Qilleensi iyyuu amma meeshaa waraanaa Huutii ta'eera.

Loltoonni finciltootaafi isnaayippariin tulluuwwan irraa magaalaa isaan jalatti argamtu irratti dhukaasa banuu danda'u.

Tilmaamni lakkoofsa namoota du'anii baay'ee garaagarummaa qaba. Waajjira Dhimmoota Marfamaa (Office for Siege Affairs) kan mootummaa naannoo ta'etti, ji'a Hagayyaa irraa eegalee haleellaa Huutiin baneen lammiileen nagaa 148 ajjeefamuu isaanii himu.

Namoonni Ta'iiz keessatti nuti qunnamne tokko tokko nageenya isaaniitiif waan sodaataniif maqaan isaanii akka hin ibsamne barbaadu. Huutiin dhaabbilee bilbila moobaayilaa ijoo waan to'atuuf, namoonni magaalaa sana keessa jiran hedduun bilbilaan haasa'uuf iyyuu ni sodaatu.

Barsiistuufi haati ijoollee sadii, Ashwaaq kan maqaan ishii jalqabaa qofa akka fayyadamu barbaadde, "Yeroo tokko tokko magaalattiin mana hidhaa guddaa kan taate nutti fakkaata," jetti. Ishiin Ta'iiz ishii durii sana hawwiti.

"Magaalaa ho'ituu turte," jetti. "Namoonni jireenya jaallatu turan, cimanii hojjetu, wal gaafatu, rakkoon hundi jiraatus egeree irratti abdii qabu turan. Amma garuu alatti bahuu dhiisneerra jechuun ni danda'ama. Dhukaasni madfii [Huutii] yeroo kamiyyuu mudachuu danda'a, dhukaasni isnaayipparii adda waraanaa dhihoo jirus imala gabaabaa illee balaa qabeessa taasisa.

Ilma dhiiraa fi dubaraa ishee manatti ol dhowwiti.

"Guyyuu waayee isaaniin yaadda'a, sa'aatii hunda, daqiiqaa hunda" jetti.

Waraanni Ta'iziif haaraa miti. Magaalaan tarsiimoo tun karra gara Adan [teessoo yeroo kan mootummaa addunyaan beekamtii qabuu] fi gara kibba Yamanitti geessudha.

Finciltoonni Huutii Iraaniin deeggaraman bara 2015tti daangaa Ta'iiz gahanii, daandiiwwan cufuudhaan kallattii sadiin magaalattii marsan. Waggaa tokko dura immoo magaalaa guddoo Yaman, Sana'aa qabatanii turan.

Kudhanii ol boodas, mootummaan laafaafi wal-qoqqoode sun magaalaa guddoofi naannoo kaaba-dhiha Yaman irra caalaa deebisee qabachuu hin dandeenye. Kunis deeggarsa Sa'uudii Arabiyaafi haleellaa qilleensaa ishiin gaggeessituun utuu hin milkaa'in hafe.

Ji'oota dhiyoo asitti, walitti bu'iinsi kun tasgabbii waggaa afurii booda deebi'ee qabateera, babal'ateeras. Huutiin tarkaanfii saffisaa fudhachuudhaan lafa mootummaa irraa qabateera, akkasumas misaa'elaafi dirooniidhaan Sa'uudii Arabiyaa rukuteera.

Walwaraansi yeroo dheeraaf ture kun tasgabbii naannichaatiif yaaddoo ta'eera.

Ta'iiz keessatti garuu, lubbuun jiraachuudhaafuu yaaddoodha.

Doktarri kutaa yaala ariifachiisaa, kan nuti Yaasir jennee waamnu, kanaaf ragaa baha.

Namoota waraanaan madaa'anii dhiyoo kana gara hospitaala geeffaman keessaa ijoollee afur kan isnaayipparoota Huutiitiin rukutaman turan. Isaan yeroo baay'ee mataafi qoma irratti xiyyeeffatu jedhee nutti hime. Ijoollee afuran keessaa lama lubbuun isaanii darbeera.

Wanti inni akka abbaa tokkootti isa mudatu keessaa inni ulfaataan ijoollee madaa'an yaaluudha. "Itti gaafatamummaa sanaaf of qopheessuu, of tasgabbeessuufi maatiiwwan sana deeggaruun qaba," jedha. "Yeroo abbaan tokko ilma isaa hamaa madaa'e fuuldura isaatti ilaalu arguun haala ulfaataa jechaan ibsuu illee hin dandeenyedha."

Namoonni madaa'an irra caalaan isaanii miidhamtoota dhukaasa madfiiti (shelling). Gara hospitaalaa gahuunis rakkina guddaa ta'uu danda'a. Maatiiwwan tokko tokko naannoo baadiyyaa fagootti argaman irraa sa'aatii hedduudhaaf miilaan deemuu qabu.

Isaanis akkuma doktaroota isaan yaalanii — kanneen "waan hundumaan" rakkoo keessa jiranii — baay'ee dadhabanii gahu jedha Yaasir. Dhangala'aan meeshaalee baqaqsanii yaaluu qulqulleessuuf oolu (sterilising fluid) mataansaa hanqina guddaa qaba.

Hospitaalli kun duwwaa ta'aa akka jiruufi torban lamaa oliif "tarii" itti fufuu akka danda'u nutti hime.

Kutaan yaala ariifachiisaa yoo hojiidhaan muddame, iddoon awwaalchaas akkasuma.

"Sirni awwaalchaa gara iddoo awwaalchaatti deemu halkanii fi guyyaa Ta'iz keessatti mul'atu waanuma idilee ta'eera," jedha Bulchaan Ta'iiz, Nabiil Shaamsaan.

Kan ajjeesu boombiifi rasaasa qofa miti jedhee nutti hime.

"Uummanni Ta'iiz hanqina dhiyeessii, dhabamuu nyaataafi dhabamuu galiitiin lubbuu isaanii dhabaa jiru," jedha. "Guyyaa hundumaa jiraattota Ta'iz kurnan hedduutti lakkaa'aman awwaalla."

Innis magaalaa sana keessa, marfama sana keessas jira. "Ani uummata koo gidduun jiraadha," jedha.

Viidiyoo kallattiitiin yeroo haasa'u dadhabaa fakkaatus, seenaa dheeraa magaalaa dhugumaan oksijiiniin dhorkamte (beelofsiifamte) tokkoo bal'inaan dhiyeessa.

Hospitaalonni dandeettii isaanii keessaa dhibbeentaa 70% dhabuu isaaniifi buufataaleen fayyaa 120 cufamuu isaanii nutti hime. Dhukkuboonni babal'achaa jiru, duuti daa'imman reefuu dhalatanii (neonatal deaths) dabaleera, hanqinni nyaataas hammaachaa jira.

Dhukkubsattoonni kalee dhibbaan lakkaa'aman gara hospitaalaa dhaquu waan hin dandeenyeef ykn yeroo dhaqanis hanqinni boba'aa waan jiruuf yaala kalee dhiquu argachaa hin jiran.

Hogganaan Huutii, Abdul Maalik al-Huutii, Ta'iiz marfamuu ishii haaleera. Dhuma ji'a darbee irratti daandiiwwan nyaata, qorichaafi gargaarsa namoomaatiif banaa ta'uu isaanii himateera.

Garuu kun mootummaa, jiraattota Ta'iz, dhaabbilee gargaarsaafi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin soba ta'uun mirkanaa'eera.

Waraanni magaalaa kana qabachuuf taasifamu wanti yaaddessu lafa qofa miti jedha Shaamsaan.

Akka inni jedhutti, Huutiin kanneen irra caalaan isaanii damee amantii Islaamaa Shi'aa hordofan. Amala magaalaa irra caalaan hordoftoota Sunnii ta'an kanaa, kan yeroo dheeraaf teessoo barnootaafi dahoo mormii taatee beekamtu jijjiiruu barbaadu.

"Namni hunduu ni beeka, Ta'iiz wiirtuu aadaati, magaalaa bilisummaa, wal-danda'uu siyaasaafi bifa jireenya hawaasummaa hundaan beekamtuudha," jedha.

Kanaan faallaa ta'eenis, Huutiin seera amantii isaanii isa cimaa irratti fe'uun magaalattii "gara bara dukkanaa duubatti harkisuu" akka kaayyeffatan dubbata.

Dhiibbaan magaalaa kanaafi uummata ishii irra gahu hammam iyyuu yoo ta'e, bulchaan kun Huutiin matumaa akka hin injifanne cimsanii dubbatu.

Magaalattiin yeroo hammamiitiif dandamattee turuu dandeessi jedheen gaafadhe.

"Hanga uummanni ishii dhumutti," jedhee deebise.

Ta'iiz keessatti namoonni hedduun of irraa ittisaa jiru.

Isaanis firoota, hiriyoota, ollootaafi loltoota mootummaa deeggaran birgeedii shan ta'an kanneen kophaa isaanii magaalaa isaanii ittisu.

Meeshaalee waraanaa gurguddaa ykn lakkoofsa loltootaa adda waraanaa babal'achaa jiru kanaaf gahaa ta'e hin qaban.

Kaaampiiwwan leenjii namoota fedhii isaaniitiin hirmaataniif banamaniiru, garuu leenjichi gara waraanaatti ergamuu isaanii dura guyyaa tokko ykn lama qofaaf gabaabbachuu danda'a.

Akram (maqaa isaa dhugaa miti) duruu loltuu muuxannoo qabudha. Loltuu gameessa. Umuriin isaa waggaa 31 yoo ta'u, mucaa isaa waliin daandirra jiraata.

Kanaan dura bara 2015tti yeroo Ta'iiz guutummaatti wayita marfamte, barnoota isaa addaan kutee qawwee kaase. Marsaa waraanaa sana keessatti, Huutiin aanaa isaa isa daangaa magaalattiitti argamu to'annaa jala galfate, innis buqqa'e. Sana booda mana isaa isa durii hin argine.

Ji'a darbe yeroo Ta'iiz ammas guutummaatti addaan citte, qawwee Kalaashinkovii Chaayinaatti hojjetame gara doolaara 1,200 kaffalee bitate. Kanaan dura gatiin isaa walakkaa maallaqa sanaatii gadi ture.

Waraanni kun kan bara 2015 irraa adda ta'uu isaa nutti hime.

"Yeroo kana Huutiin teeknooloojii haaraafi misaa'eloota haaraa qaba," jedha. "Dirooniidhaan qilleensa irratti waraana banuu danda'u. Du'a maatii keenyaa, lammiilee keenyaafi ofii keenyaa ni yaaddofna."

Ji'a darbe hiriyoota isaa afur dhabeera. Haadha warrafi ijoolleen isaaniin kophaatti hafan.

Garuu Akramiifi namoonni biroo hedduun Ta'iiz ittisuun dirqama isaanii akka ta'etti ilaalu. "Ilmaan Ta'iiz hundi" Huutiifi "garee finxaalessitoota" akka lolan dubbata.

Gareen hidhate kun yeroo ammaa Ameerikaa dhimma kana irratti irra deddeebiin ejjennoo jijjiiraa turte akka dhaabbata shororkeessaa biyya alaatti moggaafameera, garuu Biritaaniyaa (UK) ykn Gamtaa Awurooppaatiinis akkasuma hin moggaafamne.

"Waaqayyo mirga nama hundumaa Yaman keessatti bulchuu nuuf kenne jedhu. Nuti kana hin fudhannu," jedha Akram.

"Nuti bilisummaadhaan jiraanna. Harka hin kenninu; dhiisnees hin deemnu. Magaalaa keenya malee hafuura baafachuu hin dandeenyu."

Ta'iiz keessatti ni ukkaamamna. Halkanillee aara hin galfattu.

"Halkan hunda dhukaasaa fi dho'iinsa," jedha ogeessi suuraa Ahmad Al-Bashaa

Huutiin halkan loluu waan filatu natti fakkaata. Tarii nutiifi ijoolleen keenya mana keenya akka rafnu hin barbaadan ta'a."

Uummanni Ta'iiz mootummaa isaaniifi hawaasa addunyaatiin akka ganaman itti dhaga'ama jedhee nutti hime. "Abdii kutannaafi gaddi nutti dhaga'ama," jedha, "sababiin isaas sochii nu gargaaruuf taasifamu tokkollee hin arginu."

Namoonni hedduun Huutiin gara keessaa seenuuf utuu hin yaalin alaan Ta'iiz alaa hudhuu to'annoo irratti qabaachuu amanu.

Garuu lolaan cabsanii gara keessaa seenuu danda'uu?

Ahmad wanti akkasii akka hin dhufne amana, garuu yoo dhufe waan hamaatu ta'a jedhee sodaata.

"Tarii Ta'iz mormii kamiyyuu irraa qulqulleessu, namoota ajjeesu, akkasumas nama isaan mormu kamiyyuu irratti haaloo bahu," jedha.

Yaaddoon isaa inni guddaan ijoollee isaa, kanneen sagalee waraanaa jalaa miliquu hin dandeenyefidha.

Akkuma Ashwaaq, barsiistuu sanaa, innis sababa biraa itti himuudhaan isaan sossobuuf yaala.

"Sagalee ayyaanaati jedheen itti hima," jedha, "yoo baay'ee guddate immoo, ayyaana guddaadha jedheen itti hima."

Yeroo Ta'iiz haleellaa boombii, dhukaasa madfii, miira gatamuu beela hammaachaa jiruun wal-makate keessa dabartu kanatti, Ashwaaq akka haadha tokkootti hawaasa addunyaatiif kadhannaa dhiyeessiti.

"Maaloo Ta'iz hin dagatinaa," jetti. "Nuti maatiiwwan. Ijoolleen keenya akkuma ijoollee addunyaa irra jiranii akka baratan, taphataniifi abjuu qabaatan barbaanna. Nuti gabaasa oduu keessatti lakkoofsa qofa miti."