Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hiriyootashee dhiiraa caalaa onnattuudha" Dubartii jalqabaa fakkiiwwan qullaa fi miira kakaasan kaaste
Laaviniyaa Fontaanaa dubartii fakkii kaastuu fi fakkii nama qullaa kaaste jalqabaati. Fakkiiwwan qullaa isheen kaaste ammoo kan hiriyoonnishee warra dhiiraa kaasan caalaa ifatti kan mul'atan ture.
Fakkiiwwan kuni abbaashee irratti finciluuf, filannoo daldalaa moo agarsiituu jireenya keessoosheeti?
Hojiiwwan Fontaanaa bifa lama qabu. inni tokko A.L.A bara 1577 suura mataasheerratti mul'ata. Uffata dubartii dansaa ta'e uffattee, faaya babareedaan faayamtee, koomeesheerra gadteessee dubartii Xaaliyaanii safuu qabdu.
Fakkiini isheen kaastee ittiin beekamte biraan bara 1613 du'ashee waggaa lamaan duratti Kardinaal Ispiyoniif kan kaastedha. Namni fakkii sana duubaan ilaalee dubartii ta'uushee hubate hunduu safuu cabsuu akka ta'e inuma hubata taha.
Isheen dubartii jalqabaa fakkii dubartii qullaa kaaste qofa osoo hin taane hiriyootashee warra dhiiraa caalaayyuu fakkiiwwan qunnamtii saalaatiin walqabatan hedduu kaasuunis beekamti.
Hojiiwwansheetiin yeroo madaalamtu artistiin kuni eenyummaa lama kan walfaallessan waan qabdu fakkaata. "Suurawwan ofiishee kaaste sirna kan qabani. Dubartii gaarii akka taate hubachuu dandeessa. Ta'uu dhiisuus mala" jedhu Godambaa Oslootti qindeessituun fakkii kaastotaa Patriziyaa Kavaziyaa.
Veenusii haguugamte
Suuraan miira nama kakaasu jalqabaa isheen kaaste Veenusii fi Kaapid yoo ta'an bara 1585-90 gidduu kaafaman. Ogummaa aartii keeessatti Veenusii qullaan kan baratame ta'ulleen Fontaanaan ammoo dandeettii miira nama kakaasuu isaa dabaluuf faayotaa fi uwwisa dabalataa adda addaa fayyadamteetti.
Suuraan dhaabbii walakkaa qaamaa mul'isu kuni daawwannuma namaatiif yaadamee akka kaafame shakkii hin qabu. Fakkii kana irratti Veenas wantoota haphii ta'aniin uwwisuuf yaalameera garuu harmishee mul'achuun hin hafne.
Bara sana keessa Dubartoota babbareedoo Filooransii fi Room mul'isuuf gaaleriin fakkii tureera. Biyya dhalootashee Bolonyaatti ammoo dubartoota gidduu miira waldorgommii cimaatu ture.
"Walaleessitoonni hedduun waa'ee isaanii barreessaniiru. Kanaaf aadaa bareedina dubartii dinqisiifachuu irraa waan madde natti fakkaata" jetti Kavaziniin.
Dubartoota sadii qullaa ta'an
Fakkiiwwan Fontanan bara 1600 keessa kaaste keessaa fakkiin dubartoota qullaa ta'an sadii kan waan haphii ta'een haguugamee fi faayan bareedan mul'isa.
Gama bitaatiin kan mul'attu Kileeliyaa Farneez yoo taatu, Xaaliyaanii keessatti dubartoota baayyee bareedoo ta'an keessaa takka akka taatetti fakkeeffaamti.
Bara sana keessa suura akkanaa kaasuun hojii guddaadha. Keessumaa dubartii Bolaanyaa keessa jiraattuun kaafamuun. Yeroo sanatti Phaaphaasiin Kaardinaalaa Gabri'eel Paliyootii barsiifata mana amantaa Kaatolikii karaa fakiiwwaniitiin gara addunyaatti bal'isuuf fedhii guddaa qabu ture.
Abbaan dubartii fakkii kaastuu kanaa Porostiroon Kitaaba isaanii Diskoorsi Dele jedhamu irratti namni amantaa Kiristaanaa hordofuufii fakkii kaasaa ta'e fakkiiwwan safuu hin qabne kaasuun cubbuu waan ta'eef akka irraa ofqusatan barreessan.
Teessuma bareedaa Venus
Hojiiwwan fakkii Piroospeeroo haalan kan beekaman bara isheen duute 1597 fi isaan booda ta'uun waan tasa ta'e hin fakkaatu. Bara sanatti hidhaan ilaalchaa ture waan hiikame itti fakkaatee ta'uu mala. Hojiiwwanshee keessaa hojiin gara kuteessummaa gaafatu fakkiiwwan dubartoootaa qullaa keessumaa naannoo mudhiisaanitii gadii teessuma isaanii kaastedha.
Ergaan fakkiiwwan kanaa fakkii kaastota dhiiraa adda addaatiin kan xiinxalame yoo ta'u, isaan keessaa Jorjiyoon, Titiyaanii fi Veroneez keessatti argamu. Garuu artistoonni kunneen yeroo harkaan teessuma dubartii qullaa jirtu kanaa tuqu mul'isuuf hin onnanne jedha Pozoleen.
Laviiniyaan bara 1594-5 keessa kan kaafaamte fakkii Maars ende Venus ilaalchisuun kitaabashee keessatti akkas jette. "Dubartii fakkii kaastuun daangaa kana ceetee waan kana mul'iste akka ilaalcha kiyyaatti gatii ofbeeksisuuf kanfalamu godheen ilaala" jette.
Fakkiin kuni fedhii keenya hin daageffamne mul'isuuf akka ajaa'ibaatti gargaara. Maars qaama gara gadii Venus tuttuqaa koronyooshee gara isheetti siksaa deemti. Fiixeen qarri gaachana irra jiru , goraadeen miilashee gidduun mul'atu. Veenus ammoo nama ishee ilaalu ofirra naannoftee ilaaltee seeqqatti.
Haalota dhokatoo
Fortunaan bara 1604 erga gara Roomitti deebiteen booda fakkiin Minirvaa qullaa taatee fi qaamashee gara gadii xiyyeeffannaa guddaa harkisus Fontaanaan kan kaaste garuu fakkiima mataashee waan ta'eef xiyyeeffannaa guddaa argachuu kan danda'e.
Tilmaamni kuni kan kaa'ame walaloo bara 1605 qophaa'e irratti yoo ta'u, akka dubartiitti miidhagina mul'isuuf, dandeettii fi kennaa fakkii kaasuu ishee mul'isuuf modeelii tokko ishee barbaachise. Innis ishuma mataashiiti.
"Fakkiin kuni Laviniyaa haa fakkaatus haa dhiisus, akkuma yeroo kaanis artistoota dubartootaa biroo irratti ta'u, isheenis fakkuma kana waliin beekamti" jedha Kirooperan.