Waa'ee haadha ijoolleeshee lama Mineesootaa keessatti rasaasaan ajjeeste maal beekna?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

US kutaa Mineesootaa keessatti, haati ijoollee ishee xixiqqoo lama rasaasaan rukuttee ajjeesuu poolisiin ibseera.

Dubartittiin erga ijoollee ishee rasaasaan rukuttee booda ofuma isheetiin poolisiitti bilbiltee himte.

Taateen kun Roobii naannoo magaalaa Miniyaapoolis, kutaa bulchiinsa Mineesootaa, Ameerikaa keessatti raawwatameera.

Dubartiin umuriin ishee waggaa 33 ta'e tun Roobii ganama naannoo sa'aatii 12:30 irratti 911 irratti poolisii bilbiluun ijoollee ishee umuriin isaanii waggaa 3 fi 5 ta'e rasaasaan rukutuu ishee himte.

Akka poolisiin ibsetti, daa'imman keessaa tokko battalumatti du'e. Inni kaan ammoo erga yaalaaf gara hospitaalaatti geeffamee booda du'e.

"Kun balaa guddaadha. Maatii kanaaf balaa guddaadha; hawaasa naannoo kanaatiifis balaa guddaadha," jedhan Ajajaan Poolisii magaalaa Saavaaj, Biraadii Juuwel.

"Kun waan baay'ee nama gaddisiisu. Taateewwan akkanaa naannoo keenya keessatti uumamuu danda'u jedhee yaadee hin beeku," jedhan ollaan maatii kanaa Joo Kaariltan.

Poolisiin haadha ijoollee kanaa to'annoo jala oolcheera. Amma mana hidhaa Iskoot Kaawuntii keessatti argamti. Ajajaan poolisichaa akka jedhanitti, dubartittiin poolisiitiin qoratamaa jirti.

"Caalaatti barbaachisaa kan ta'e, maatii kanaaf akka kadhattan isin gaafanna. Miseensonni maatii bal'aanis bakka taateen kun itti raawwatametti argamaniiru," jechuun ajajaan poolisichaa ibsaniiru.

Taateen kun maatii fi hawaasa naannoo sanaa irratti miidhaa sammuu fi jeequmsa miiraa guddaa geessisuu ajajaan poolisichaa ibsaniiru.

Maqaan haadha ijoollee kanaa hanga ammaatti hin ifoomne. Dubartittii yookaan mana jireenyaa ishee ilaalchisee poolisiin kanaan dura rakkoo dhaga'ee hin beeku.

Ollaa maatii kanaa kan taate Kiim Gaarland, yeroo poolisoonni hedduun gamoo mana jireenyaa maatii sanaa marsan argitetti. Sakatta'iinsa qaamolee federaalaa dhimma godaantotaa irratti hojjetaniin akka hin mudanne yaaddoo keessa galuu himte.

"Yeroo poolisoota hedduu achitti argine, ijoolleen daandii sana irraa konkolaataa mana barumsaa qabachuuf dhufan yaadadhe. Kanaafuu, gara gamoo isaanii deemee namoota akeekkachiise. Poolisiin waan ta'e qorachaa akka jiruufi ijoolleen naannoo sana irraa akka fagaatan isaan beeksise," jette.

Yeroo poolisiin magaalaa Saavaaj fi Kutaan Qorannoo Yakkaa Mootummaa Mineesootaa taatee kana qorachaa jiranitti, hawaasni naannichaa wanta uumame ijoollee isaanii akkamitti akka ibsan irratti yaaddoo keessa galaniiru.

"Hawaasni keenya deebi'ee akka walitti dhufu abdii qaba. Poolisiin Saavaaj waan barbaachisu akka raawwatu nan amana," jette Gaarland.

Magaalaan Saavaaj magaalaa Miniyaapoolis irraa gara kibbaatti kiiloo meetira 32 fagaatti argamti.