Taayiwaan isheetti makamuun kan hin olle ta'uu Chaayinaa beeksifte

Nama lakkoofsaa fi qubaa Chaayinaa ol qabee dhaabbachaa jiru
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Filannoo naannoo Taayiwaanitti gaggeeffame horodofee Chaayinaan odola akka qaama bulchiinsasheetti ilaaltu kana biyya haadhoosheetti "irra deebiin makamuun ishee" akka hin oolle ibsuun "fottoqxoota" warra ittiin jettu akeekkachiifteetti.

Filannoo kanaan paartiin Taayiwaan biyya bulchaa jiru Democratic Progressive Party magaalotaa fi aanaalee to'atu lakkoofsi isaanii dachaan guddisuu danda'ullee dorgommii kantiibaa magaalaa guddoo Taayipeey garuu mo'ameera.

Chaayinaan sirna dimokiraasiin kan bultu Taayiwaaniin akka qaama bulchiinsasheetti kan ilaaltu yoo ta'u, odola kana kutaa bulchiinsasheetti makuudhaaf hanga humna fayyadamuutti deemuu akka dandeessu ibsaa turteetti. Mootummaan Taayiwaan garuu gaaffii naaf malaa Beejing kana hin fudhatu.

Biiroon dhimmoota Chaayinaa fi Taayiwaan hordofu ibsa baaseen bu'aa filannichaa "akka hordofee" fi dabalataanis Taayiwaanitti "fedhiin ummataa ijoon" nagaa, misoomaa fi wal tumsuu akka ta'e ibseera.

"Haalli siyaasaa Taayiwaan akkamillee jijjiiramu, kallattii hariiroo lamaanii gara fuula duraa fi maal akka fakkaatu jijjiiruu hin danda'u, akkasumas fedhii seena qabeessa biyyashee haadhoo waliin walitti makamuuf agarsiistus dhaabsisuu hin danda'u," jechuun ibsa kanaan beeksiseera.

Mootummaan Chaayinaa "humnoota fottoqxootaa walabummaa Taayiwaan leellisan irratti cimsee qabsaa'uu" akka itti fufuu fi "giddu seentummaa alaa akka mormus" ibseera.

Dabalataanis, "dhimma gara tokkummaa biyya guddaatti deebiyuus akka itti fufu" beeksiseera.

Mootummaan Taayiwaan gama isaatiin Chaayinaan sirna dimokiraasii Taayiwaan, akkasumas filannoo ummatichaa kabajuu akka qabduu fi bu'aa filannichaas akka fudhattuuf gaafateera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ibsi manni maree hariiroo Taayiwaan Chaayinaa waliin qabdu gaggeessu baase kun, Beejing mootummaa Taayiwaan seera qabeessa karaa dimokiraatawaa ta'een filatame kana waliin "haal duree tokko malee fi bifa gita ta'een" seera irratti hundaa'uun mariyachuu qabdi jedheera.

Haata'u malee, Chaayinaan pirezidantii Taayiwaan waliin mariyachuuf fedhii hin qabdu.

Chaayinaan pirezidantii Taayiwaan Laay Chiing-Teen "fotoqxuu" jechuun waliin dubbachuufiyyu fedhii hin qabndu. Laay dura ta'aa 'Dimocratic Progressive Party' yoo ta'u, "hiree Taayiwaan gara fuula duraa murteessuu kan danda'u ummata Taayiwaan qofaadha," jechuun falmu.

Duula filannoo miilanaatiin dhimma Chaayinaa ajandaa ijoo ta'ee kan hin dhiyaanne yoo ta'u, duulichi irra caalaan isaa dhiyeessii bishaanii if manneen barnootaa ijaaruu fi dhimmoota kanaan wal qabatan irratti kan fuulleffate ture.

Ta'us garuu filannicha dursee Chaayinaan maqaa "fotoqxuudhaan" dhorkaa kan irra keesse 'Dimocratic Progressive Party' keessatti kaadhimamaa magaalaa guddoo Taayippee kan ta'e Puumaa Sheeniin osoo walirraa hin kutiin qeeqaa turteetti.

Dabalataanis, Chaayinaan guyyaa filannichaa dursee Jimaata naannoo Taayiwaan jirutti qilleensaarraa fi galaanarra xiyyaarota waraanaa fi dooniiwwan waraanaa baayyee bobbaasteetti.