Itoophiyaan humnoota Sudaan araarsuu amma maaliif filatte?

Hoggantoonni waraanaa biyya wal waraansa keessa jirtu Sudaan Itoophiyaa waliin atakaaroo keessa erga seenaniin bubbuleera.
Humna Addaa Sudaan (RSF) waliin falmiitti kan jiru waraanni biyyattii masaanuu isaa kan ta'eef deeggarsa taasisaa jirti jechuun Itoophiyaa himata.
Itoophiyaan ammoo Sudaan finciltoota gargaarti jechuun irra deddeebiin himatti.
Hariiroon biyyoota lamaanii daddaaqamaa dhufee dhiyeenya kana dippilomaatota walii walii isaanii hanga ari'uutti qaqqabuun sadarkaa hariiroo isaanii addaan kutuutti dhiyaataniiru.
Haata'u malee, kun osoo kanaan jiruu Ministirri Muummee Abiy Ahimad fuula miidiyaa ahawaasaa isaaniirratti waamicha afaan Arabaatiin qoodaniin, Itoophiyaan qaamoleen wal lolan walitti fiduun Sudaaniif nagaan akka bu'uuf haala mijeessuudhaaf qophii ta'uu ishee beeksisaniiru.
Waamicha kana humni Addaa Sudaan (RSF) fi gareewwan Sudaan biroo wayita fudhatan, mootummaan Sudaan humna waraanaan durfamu garuu Itoophiyaan wal qixa ilaaluurratti gaaffii kaasuun osoo hin fudhatiin hafeera.
Fedhiin nagaa buusuu fi waamichi MM Abiy taasisan kun qaamoleen garaa garaa yaada irratti kennaa jiru.
Waamichi nagaa MM Abiy Ahimad kun gurra dha'u argataa laata? Maaliif ammoo waamicha kana amma taasisuun barbaachisee?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
BBCn hayyoota saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil-addunyaa waa'ee qaxanaa kanaa itti dhiyeenyaan hordofanii dubbiseera.
Inistitiyuutii Dhimma Alaatti qorataa kan ta'an Dr. Daariskedaar Taayyee waamichi nagaa MM Abiy Ahimad qaamolee Sudaan wal lolaa jiraniif taasise kan dhiyaate yeroo sirriirratti jedhanii amanu.
Sababa isaa ammoo akka kanaan ibsu.
Yeroon isaa "yaalii nagaa Sudaan ykn marii deeggaruun baayyisee barbaachisaa ta'e natti fakkaata. Tokkoffaa Sudaan irratti dhiibbaan Masirii haala cimaa ta'een dabalaa dhufeera. Lamaffaa ammoo Sudaan yeroo ammaa kana sadarkaa baayyee hamaa ta'erra waan geesseef, tumswaan taasifamaa jiru kana keessatti Sudaan oolchuun yoo danda'ameef yaaluun gaariidha jedheen yaada," jedhu.
Yunaayitid Kingidam keessa kan jiraatanii fi siyaasa qaxanaa kanaa itti dhiyeenyaan kan hordofan Obbo Abduraahimaan Sayid gama isaaniitiin waamichi Ministira Muummee kun tarii Itoophiyaatiin deeggarama kan jedhamu "Humna Addaa Sudaan dadhabuu isaa hordofee kan dhufe fakkaata," jedhu.
Obbo Abdurahimaan itti dabaluun, yeroo waamichi kun itti dhiyaate yeroo ilaalamu mootummaan Sudaan Itoophiyaa irratti wayita himmannaa dhiyeessaa jirutti kan dhaga'amedha. Gama Itoophiyaatiinis himannaan wal fakkaatu Sudaan irratti dhiyaataa tureera.
"Nuti waamichi isin nan araarsaa dhiyaate yeroo hariiroon baayyee hammaatetti waan ta'eef gama Itoophiyaatiin ejjennoon araarsuu ta'u hin jiru," jechuun Itoophiyaan gama waraana Sudaaniin akka bilisa taateetti hin ilaalamtu jedhu.
Itti dabaluun, "Itoophiyaan Humna Addaa Sudaan (RSF) waliin taatee hojjechuun, akkasumas mootummaan morkattoota Sudaan tarree ta'e akka hundeeffamu deeggarti" jechuun waraanni mootummaa Jeneraal AL Burhaan ija gaariin waan hin ilaalleef waamichi Ministira Muummee milkaa'uu isaarratti shakkii qabu.
Biyya Noorway kan jiraatuu fi qorataa siyaasa dinagdee kan ta'e Dr. Darribee Mokonnon gama isaaniin, sbaboota ijoo waamichi nagaa Ministira Muumee yeroo kana itti dhiyaateef keessaa tokko "Itoophiyaan gaachan dippilomaasii barbaacharra waan taateefidha" jedhanii amanu.
Hayyuun kun akka jedhanitti, waamicha mma taasifame kanaaf wantonni ji'oota darban keessa uumaman akka dudduubeetti iilaaluun barbaachisaadha.
Akkuma beekamu Itoophiyaa fi mootummaan waraanaa Sudaan Jeneraal Al Burhaaniin hogganamu hanga Gamtaa Afrikaa fi dhaabbata Biyyoota Gamtooman himannaa gahe walirratti dhiyaassaa turaniiru.
Dabalataan, biyyoonni lamaan qoontsilaawwan isaanii naanoo daangaa irratti qaban cufuun dippilomaatota ari'aniiru. Tarkaanfiin kun hariiroon biyyoota lamaanii ji'ootaaf wal himannaa keessa ture hammaatee gara sadarkaa yaaddessaarra gahuu isaa kan agarsiisedha.
Waraanni waggoota lakkoofsiseefi Sudaaniin gaaga'ama keessa galche yeroo gara garaatti kallattii gara garaa qabataa turee torbanoota darban keessa humni waraanaa Sudaan bakkeewwan tokko tokkotti ol aanummaa qabachaa jira. Akkuma kana ammoo qondaalonni waraanaa RSF ganuudhaan gara waraana Sudaanitti makamaa jiru.
Halonni kunneen, "waan qabatamaa lafarratti deemaa jiruun yeroo ilaalamu humni waraanaa Sudaan Al Burhaan dhiibaa dhufeera," jedhu.
Haata'u malee, haala jiru ballisanii ilaaluudhaaf sababoota biroo amma Itoophiyaan mariisisuudhaaf waamicha itti dhiyeessiteef eeruun akka danda'uu fi inni ijoon himannaa Sudaan Itoophiyaa irratti dhiyeessitu "dursanii gaachana dippilomaasii (shield) qopheessuun waan barbaachisuuf natti fakkaata kan Itoophiyaan yaada araarsuu kaasteef" jedhu Dr. Darribeen.
Sababiin lamaffaa ammoo waliigalteen Masrii, Sudaan, Ertiraa fi Somaaliyaan Al Amiinitti taasisan, "waliigaltee Itoophiyaa caalaatti ukkaamsanii tursiisuudha" kan jedhan Dr. Darribeen, sana cabsuudhaaf ammoo Sudaan karra laaftuudha jedhu.
Hoggantoonni Masirii, Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan Fulbaana darbe dhumarra Galaana Diimaa fi Laga ABbayyaa ilaalchisee, keessumaa ejjennoo fedhii Masirii fi Ertiraa mul'isu ibsa baasanii ture.
"Sudaan waraanaan dadhabdeetti, Itoophiyaaf ammoo gama wal daangessuutiin dhiyoos waan taateef Itoophiyaan kanaan gidduu seentee qaamoleen lamaan araarsitee walitti qabama sana dadhabsiisuuf ykn ammoo yoo xiqqaate miseensa tokko keessaa adda baasuuf karaa ittiin yaaltu natti fakkaata."
Waamicha araaraa Itoophiyaaf sababiin biraan ammoo rakkoo Humna Addaa Sudaan (RSF) deebisuun humnoota hidhataniin alatti "mootummaa sivilii bakka isaa ykn gaaddisa isaa jalatti akka dhufu fi seera qabeessummaa akka argatu gochuuf carraaqqii taasifamu ta'uu danda'a" jedhanii amanu Dr. Darribeen.
Wal waraansa Sudaan keessatti Humni Addaa Sudaan (RSF) Jeneraal Daggaaloon durfamu waggoota darban keessa yakkawwan waraanaa fi mancaatii raawwatameef irra deddeebiin himatama.
Kun ammoo carraan RSF sadarkaa idil-addunyaatti akka yakkamaatti ilaalamu kan itti fufu ta'uu danda'a.
Waraanni Sudaanis Itoophiyaan humna kana deeggaruun dhimma keessoo biyyattii keessa seenti jechaa tureera.
Haleellaa diroonii magaalaa guddoo biyyattii, Kaartuumitti dhiyeenya kana raawwatame ka'umsi isaa Itoophiyaa ta'uu ishee ibsuun Sudaan erga himattee boodadha waamichi araarsuu Ministira Muummee kun kan dhaga'ame.
Haala kana keessatti Itoophiyaan walaba tatee walitti kan fiddu carraa ta'uu isheerratti tokko tokko gaaffii keessa galchu.
Dr. Daariskedaar Taayyee akka jedhanitti, himannaawwan kunneen gama lamaanirraayyu ka'uu danda'anillee, "Itoophiyaan akka biyya ollaa taatetti waamicha kana dhiyeessuu qabdi. Gama hundaan deebii gaarii yoo argattes ammoo dhimmicha qindeessuun itti gaafatamummaa biyya allaati natti fakkaata," jedhu.
"Haata'u malee, hangam amanamti kan jedhu ilaalcha qaamolee wal falmaniin, akkasumas isaan duubaan humnoota dhufanirraati jedheen yaada. Ta'us garuu yeroo kana Sudaaniif Itoophiyaa caalaa kan walitti fidee araarsu jira jedhee hin yaadu," jechuun nagaa Sudaan keessatti gaheen Itoophiyaa murteessaa akka ta'e cimsanii dubbatu hayyuun kun.
Waamichi araaraa Ministirri Muummee akkuma sodaatame humnoota Sudaan hundaan fudhatama hin arganne. Humni waraanaa Sudaan Itoophiyaan gama tokko gorti sababa jedhu eeruun waamicha kana akka hin fudhanne ibseera.
Humna Addaa Sudaan (RSF), TASIS kan jedhamu michuun siyaasaa humna kanaa, akkasumas walitti qabamni Sivil Dimokiraatik Alliyaans gareewwan gara garaa Sudaan waamicha Ministira Muummee kana fudhataniiru.

























