Konkolaataan 'Perseverance' jedhamtu Nasa'n Maarsirra qubachiise suurawwan ajaa'ibaa ergaa jirti

Konkolaataan 'Perseverance' jedhamtu Nasa'n Maarsitti erge suura kana kaameraa gama mirgaan irratti hidhameef fayyadamuun. Kaameraan kun bantii konkolaataa kanaatti ol bahee waan tolfameef akka konkolaatuufillee ni gargaara.
Maxxanfame

Konkolaataan 'Perseverance' jedhamtu Nasa'n Maarsitti erge suurawwan ajaa'ibaa ergaa jirti.

Konkolaataan kun Dacheerraa kaaatee imala ji'a toorbaa booda Maarsirra Guraandhala 18, 2021 saatii 20:55 GMT irratti mikliin qubatte.

Erga Maarsirra qubattee kaastee konkolaataan kun suurraawwan hedduu nama ajaa'iban bakkeewwan irra qubatteefi naannoosheerraa ergaa jirti.

Konkolaataan kun dhooqa guddaa mudhii lafaa Pilaaneetii kanaatti kan argamu Jezero jedhamu maddii qubatte.

Konkolaataan kun ergama hojii mallattoowwan kanaan dura lubbu qabeessi Maarsirra jiraateera yoo ta'eef agarsiisan, haala qilleensaa durii qabaataa turee, ikoloojii, akkasums kattaawwan jiran amala isaanii qorachuuf. Suuraawwan konkolaataan kun ergite keessaa muraasni filamanii akka itti aanutti dhiyaataniiru.

Suura jalqaba Konkolaataan 'Perseverance' kan lafa irra qubatte Maasirraa Kaameraa rizoluushinii guddaan kaafamedha. Kun kan kaafame Guraandhala 19, 2021 qubattee guyyaa tokkoon boodadha.
Ibsa waa'ee suuraa, Suura jalqaba Konkolaataan 'Perseverance' kan lafa irra qubatte Maasirraa Kaameraa rizoluushinii guddaan kaafamedha. Kun kan kaafame Guraandhala 19, 2021 qubattee guyyaa tokkoon boodadha.
1px transparent line
Suurri kun suura halluu qabu rizoluushiniin isaa guddaa ta'eef kaameraa garaa jalaan hidhameefiin erga qubattee kaafamee ergamedha.
Ibsa waa'ee suuraa, Suurri kun suura halluu qabu rizoluushiniin isaa guddaa ta'eef kaameraa garaa jalaan hidhameefiin erga qubattee kaafamee ergamedha.
1px transparent line
Erga qubattee guyyaa ja'aa booda suura ergite kanaan ammoo Perseverance ofumasheeyyu ni argamti.
Ibsa waa'ee suuraa, Erga qubattee guyyaa ja'aa booda suura ergite kanaan ammoo Perseverance ofumasheeyyu ni argamti.
Perseverance meeshaa ittiin odeeffannoo ikoloojii, haala qilleensaa, naankaluufi walumaagala pilaaneetichi maal akka fakkaatu sassabu fe'attee. Bitootessa 1, 2021 suura kaafamedha.
Ibsa waa'ee suuraa, Perseverance meeshaa ittiin odeeffannoo ikoloojii, haala qilleensaa, naankaluufi walumaagala pilaaneetichi maal akka fakkaatu sassabu fe'attee. Kaameran kana keese kun ol-dheeratee bantiirratti kan fannifamedha.
1px transparent line
Nasa Perseverance maarsirratti (Guraandhala 20, 2021)
Ibsa waa'ee suuraa, Nasa Perseverance maarsirratti (Guraandhala 20, 2021)
1px transparent line
Dirra Maars kan kaameraa gama mirgaa konkolaatattiidhaan itti hidhameen Bitootessa 1, 2021 kaafame.
Ibsa waa'ee suuraa, PIXL itti hidhameeru kaameraa suuraawwan kattaafi biyyoo dhiyeessee qulqullinaan akka fudhatu qaba.
1px transparent line
Oddoo Maars kan Dachee dabalatee Guraandhala 21, 2021 kan kaafame
Ibsa waa'ee suuraa, Oddoo Maars kan Dachee dabalatee Guraandhala 21, 2021 kan kaafame
Suura meeshaa Mastcam-Z jedhamuun kaafame
Ibsa waa'ee suuraa, Suura meeshaa Mastcam-Z jedhamuun kaafame
1px transparent line
Suura irraa gadi ilaaluun kaafame ammoo Wiirtuu Dhooqa Jezero kan agarsiisudha
Ibsa waa'ee suuraa, Suura irraa gadi ilaaluun kaafame ammoo Wiirtuu Dhooqa Jezero kan agarsiisudha
Dirra Maarsi kaameraa Mastcam-Z jedhamu gama bitaan itti hidhameen kan kaafame
Ibsa waa'ee suuraa, Dirra Maarsi kaameraa Mastcam-Z jedhamu gama bitaan itti hidhameen kan kaafame
1px transparent line
Dirra Maarsi kaameraa Mastcam-Z gama bitaan kaafameen
Ibsa waa'ee suuraa, Dirra Maarsi kaameraa Mastcam-Z gama bitaan kaafameen
1px transparent line
Kutaa baqqorra dalataa dirra Maars
Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa baqqorra dalataa dirra Maars
1px transparent line
Suura kaameraa yeroo Maarsirraa Perseverance gadi ilaaltu
Ibsa waa'ee suuraa, Suura kaameraa yeroo Maarsirraa Perseverance gadi ilaaltu
1px transparent line
Kun ammoo paaraashuutii Konkolaataa Nasa kana waliindhukaafame yommuu ta'u akka isheen yeroo qubattu hin miidhamneef suuta jechuun akka lafa qabattu gchuuf waliin ergamte. Suurri paraashutii kun yeroo qubachuudhaaf km11 hafutti kan kaafamedha.
Ibsa waa'ee suuraa, Kun ammoo paaraashuutii Konkolaataa Nasa kana waliindhukaafame yommuu ta'u akka isheen yeroo qubattu hin miidhamneef suuta jechuun akka lafa qabattu gchuuf waliin ergamte. Suurri paraashutii kun yeroo qubachuudhaaf km11 hafutti kan kaafamedha.
1px transparent line
Dirra maars kallatiidhaan kankolaataa Nasa Perseverance jalaan yeroo ka'e kan fakkaatu
Ibsa waa'ee suuraa, Dirra maars kallatiidhaan kankolaataa Nasa Perseverance jalaan yeroo ka'e kan fakkaatu
1px transparent line
Dirra maars kallatiidhaan kankolaataa Nasa Perseverance jalaan yeroo ka'e kan fakkaatu
Ibsa waa'ee suuraa, Dirra maars kallatiidhaan kankolaataa Nasa Perseverance jalaan yeroo ka'e kan fakkaatu
1px transparent line

Konkolaataan Nasa 'Perseverance' jedhamtu kun fandii yeroo hojiif barbaachisu kan waggaa Maarsii tokko qabdi. Waggaan Maarsii tokko ammoo akka kan Dacheetti waggaa lamatti tilmaamama.