DHohiinsa Libaanon: Badii dhohiinsi Beeyiruut qaqqabsiise suuraan

Dhukaasicha booda
Ibsa waa'ee suuraa, Idoon dhukaasichaa guutummaatti barbadaa'e
Maxxanfame

Dhohiinsa guddicha magaalaa guddittii Libaanoon Beeyiruut keessatti mudateen namootni 100 ol yoo lubbuu dhaban, gamoowwan hedduun barbadaa'anii jiru.

Dhohiinsichi kiloomeetira dhibbaa ol fagaattee kan argamtu Saayipiras keessattillee dhagaa'amuu gabaasaaleen jiru.

Dhukaasichi kan mudate sababa keemikaala Amooniyem Naayitireetii toonii kuma hedduu waggoota jahaa oliif kuufamee tureen akka ta'e himu qondaalonni.

Keemikaalli kun akka dhohu kan godhe maal akka ta'e garuu ifa miti.

Daandileen hedduun manca'aniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalattiin guutummaatti dhohiinsa kanaan kirkirte
Dhohiinsi kun manneen jireenyaa fi gamoowwan hedduu mancaase
Ibsa waa'ee suuraa, Dhohiinsi kun manneen jireenyaa fi gamoowwan hedduu mancaase
Gamoowwan guutummaati dhohiinsa kanaan qullaatti hafan, konkolaattonni hedduus manca'aniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan guutummaati dhohiinsa kanaan qullaatti hafan, konkolaattonni hedduus manca'aniiru
Beeyiruut dhohiinsa booda
Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan iddoo dhohiinsichaa jiran guutummaatti manca'an
Libaanoon ofiinuu rakkoo diingadee hamaa keessa wayita turtetti dhohiinsi kun kan mudate
Ibsa waa'ee suuraa, Libaanoon ofiinuu rakkoo diingadee hamaa keessa wayita turtetti dhohiinsi kun kan mudate
Hospitaalonni namoota miidhamaniin dhiphachuutu gabaafamaa jira
Ibsa waa'ee suuraa, Hospitaalonni namoota miidhamaniin dhiphachuutu gabaafamaa jira
Lammileen biyyattii kanneen miidhaman lubbuu baraaruuf wayita tattaafatan
Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen biyyattii kanneen miidhaman lubbuu baraaruuf wayita tattaafatan
Dhohiinsa booda daandiilee biyyattiirra shororkaa guddaatu ture
Ibsa waa'ee suuraa, Dhohiinsa booda daandiilee biyyattiirra shororkaa guddaatu ture

ASuuraaleen hundi mirga abbeentaan nama gaafachiisuu malu.