Ulfa baasuun hafuu hin qabu jechuun US'tti hiriira ba'ame: Suuraadhaan

Namoonni hedduun Magaalaa New York keessatti hiriira ba'uun seera ulfa baasuu dhorke morman
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hedduun Magaalaa New York keessatti hiriira ba'uun seera ulfa baasuu dhorke morman
Maxxanfame

Yuunaayitid Isteetis keessatti kutaaleen biyyaa hedduun ulfa baasuun dhorkamuu akka qabu irratti seera cimaa baasaa jiru.

Kana hordofuun namoonni hiriira bahuun seera kana mormaa jiru.

Wixineen seeraa ulfa baasuu dhorku seera baastota rippablikaanaan ragga'us, warra wiixinecha mormaniin qeeqamaa waan jiruuf dhimmichi mana murtii olaanaatti ilaalamuu danda'a.

Warreen ulfa baasuun dhaabbachuu qaba jedhan manni murtii akka seericha raggaasisu abdatu.

Seera ulfa baasuu dubartootaaf iyyamu kan bara 1973 ba'e 'Roe v Wade' jedhamu geeddaree isa haaraa ulfa baasuu dhorkuun akka bakka buusu abdanna jedhu Rippaabilikaanonni.

Torbee darbe keessa Bulchiinsi Alabaamaa seera ulfa baasuun jabeessee dhorku baasee ture.

Seericha yoo nageenyummaan dubartii ulfaa Sanaa yaaddoo keessa galellee ulfa baasuun akka hin iyyamamne ajaja.

Ergasii bulchiinsonni akka Arkansas, Joorjiyaa, Kentaakii, Missouri fi Ohio keessattis seerichi hojiirra oole.

Bara kana gara jalqabaa manni murtii seerri haaraan ulfa baasuu dhorku Louisiana keessatti akka hojiirra hin oolle dhorkee ture.

Ta'us garuu murteen darbe sun cimaa waan hin taaneef bara kana gara dhumaarratti irra deebiin fooyyessuuf hojjetamaa jira.

Gamoo bulchiinsaa Kutaa biyyaa fuulduratti hiriirri ba'ame
Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo bulchiinsaa Kutaa biyyaa fuulduratti hiriirri ba'ame
Rogeeyyiin Waashingitan DC Mana Murtii Walii Galaa fuulduratti hiriita ba'an
Ibsa waa'ee suuraa, Rogeeyyiin Waashingitan DC Mana Murtii Walii Galaa fuulduratti hiriita ba'an
Namoonni kumaatamatti lakkaawan hiriiratti dabalaman
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kumaatamatti lakkaawan hiriiratti dabalaman
Hiriirtonni fuuldura gamoo bulchiinsaa Utah'tti ba'uun mormiisaanii agarsiisan
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni fuuldura gamoo bulchiinsaa Utah'tti ba'uun mormiisaanii agarsiisan