Finfinneen guyyaa konkolaataan hin sochoone marroo sadaffaaf labsite

Maxxanfame

Magaalaan Finfinnee fi magaalonni Itoophiyaa kaan yeroo sadaffaaf guyyaa konkolaataan hin sochoone labsan.

Guyyaa sadaffaa konkolaataan magaalaa Finfinnee keessa akka hin sochoone jedhame keessatti ummanni kubba ayeroo taphatu Dilbata Guraandhala 03, 2019

Konkolaataan daandiirraa soch'u dhibee jennaan gaafa Dilbata ganama ijoolleen kubbaa jaalatan taphataa oolan.

Ummanni daandiirra yeroo ispoortii hojjetu, Guraandhala 03, 2019

Inni ji'aan guyyaa tokko akkana akka ta'u murtaa'e kuni jireenya nagaa qabeessa qabaachuufi faalama qilleensaa xiqqeessuufi.

Ummanni daandiirra yeroo ispoortii hojjetu, Guraandhala 03, 2019

Murteen kuni mootummaa Ministira Muummee Abiy Ahmad waggaa darbe aangootti dhufen murtaa'e.

Kanneen gosa ispoortii'skateboard' taphatan Guraadhala 03, 2019

Konkolaataan socho'uu dhabuun kanneen gosa ispoortii 'skateboard' qabanif illee inuma ta'eera.

Kanneen gosa ispoortii 'skateboard' taphatan Guraadhala 03, 2019
Magaalaa Finfinnee guyyaa yeroo sadaffaaf konkolaataan hin sochoone keessatti waan fakkaattu, Guraadhala 03, 2019
Ummanni daandii magaalaa Finfinnee irrattii yeroo ispoortii dalagu, Guraandhala 03, 2019

Suuraalee hunda Eduwaardo Soteraas, kan AFP'f hojjetuutu kaase.