Suuralee Afrikaa torban kanaa: Caffee keessaa daakuu fi nyaata Rolex

Maxxanfame

Suuraalee babbareedoo Afrikaa keessa filataman

A displaced girl plays in the Sudd Swamp near the town of Nyal, South Sudan - Sunday 19 August 2018
Ibsa waa'ee suuraa, Sudaan Kibbaa - intalli xiqqoon tokko caffee keessa gaafa Dilbataa taphachaa turte. Maatiin intala kanaa waraansa waliinii baqatanii iddoo kana jiraachaa jiru.
Masrii, Kaayiroo - Ayyaana Iid al-Adihaa duratti ilmi abbaansaa gaala gurguru, gabaa gaalaa keessatti kolfee taphata.
Ibsa waa'ee suuraa, Masrii, Kaayiroo - Ayyaana Iid al-Adihaa duratti ilmi abbaansaa gaala gurguru, gabaa gaalaa keessatti kolfee taphata.
Maalii, Baamaakoo - Jala bultii ayyaana Iidaa irratti, dubartiin hiinnaa harkaan faayamte akkasiin agarsiisaa turte.
Ibsa waa'ee suuraa, Maalii, Baamaakoo - Jala bultii ayyaana Iidaa irratti, dubartiin hiinnaa harkaan faayamte akkasiin agarsiisaa turte.
Ibaafoo, Naayijeeriyaa - gaafa ayyaana Iid al-Adihaa intalti abbaashee waliin wayita salaatan
Ibsa waa'ee suuraa, Ibaafoo, Naayijeeriyaa - gaafa ayyaana Iid al-Adihaa intalti abbaashee waliin wayita salaatan
Mucaan wayita
Ibsa waa'ee suuraa, Moqaadishuu, Somaaliyaa - gaafuma ayyaanaa, gurbaan qawwee taphaa (sobaa) wayita taphatu. Maatiin ijoollee isaaniif gaafa ayyana kanaa yeroo baayyee qawwee sobaa akka kennaatti bituuf.
Ceuta, Spain - godaantonni Afriikaa keessaa wayita wiirtuu godaantotaa hgahan akkasitti gammachuusaanii ibsatan
Ibsa waa'ee suuraa, Ceuta, Spain - godaantonni Afriikaa keessaa wayita wiirtuu godaantotaa hgahan akkasitti gammachuusaanii ibsatan
Dubartoota Ashandaa istaadiyoomii Maqalee keessa
Ibsa waa'ee suuraa, Maqalee, Itoophiyaa - Dubartoonni Ayyaanni Ashandaa kabajamuusaatiin dura gara gabaa bahuun faayaa fi meeshaalee isaan barbaachisu bitatu.
Naayijeeriyaa, Osun Sacre Grove
Ibsa waa'ee suuraa, Naayijeeriyaa, Osun Sacre Grove - Malkaa kabajamu fi safeeffamu kanatti namoonni bishaan kun dhukkubarraa akka fayyisuu fi warra dhala dhabaniif furmaata akka tahu amanu.
Bobi Wine surrounded by prison guards, one holding his hand, in court in Gulu, northern Uganda - Thursday 23 August 2018
Ibsa waa'ee suuraa, Ugaandaa - miseensi paarlaamaa mormituu fi weellisaa kan tahe Boobii Waayin, gocha biyya kaaduun himatame.
Namtichi wayita chaappaatii tolchu
Ibsa waa'ee suuraa, Kaampaalaa, Ugaandaa - namichi kunammoo nyaata chaappaatii jedhamu wayita tolchaa turetti. 'Rolex' lammiilee Ugaandaan hedduu jaalatama. Innis kuduraan garagaraa chaappaatiin maramee dhiyaata.

Mirgi suuraalee kan AFP, BBC, EPA fi Reuters