Abdii murannaa deeggartoota Senegaal suuraan

Taphataa Seenegaal isteediyeemii keessatti jilbeefftee jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaa Isteediyeemii Samaaraa: Ittisaan Seneegaal Saaliif Saanee fooriyoon(fishkaan dhumaa yeroo afuufamu ni gadde.
Maxxanfame

Seneegaal gara dhumaatti yoo dhiyaatte iyyuu Jaappaan caalaa kaardii keelloo waan argiteef Waancaa Addunyaa keessaa baateetti.

Kunis gareewwaan Afrikaa shanan- Tuniisiyaa, Morookoo, Masrii, Seneegaal fi Naayijeeriyaa garee isaanii keessaa mo'anii darbuu hin dandeenye.

Seenaa Afrikaa keessatti bara 1982 irraa qabee Afrikaan gara sadarkaa kanaatti hin darbiin hafuun kun isa jalqabaati.

Dubartoota biyya isaanii deeggaran lameen
Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoota garee lamaanii otoo taphni hin jalqabiin dura.
Deeggaraa haguuggii leencaa uffate
Ibsa waa'ee suuraa, Deeggaraan kuni maqaa masoo warra Seneegaal 'Leenca Teraangaa' jedhuun of ibsuuf yaalaa jira.
Taphattoota Kolombiyaa lamaa fi Seneegaal tokko.
Ibsa waa'ee suuraa, Seneegaal jalqabumarratti dha kan kaardii keelloo arguu jalqabde.
Deeggartoota harka ol-kaafatanii.
Ibsa waa'ee suuraa, Murtoon kun deeggartoota Seneegaal Daakaaritti tapha ilaalaa turan aarseera
Taphattoota kubbaa jifachuuf jedhan
Ibsa waa'ee suuraa, Seenegaal carraa gaarii haa qabaattuyyuu malee jifataan Seneegaal Saadiyoo Maanee ittisa Kolombiyaa darbuu hin dandeenye
Murteessichi kaardii keello yenna agarsiisan
Ibsa waa'ee suuraa, Daqiiqaa 45ffaa irratti murteessaan Joon Moojikaa kaardii keelloo Taphataa Kolombiyaatti agarsiisan
Taphataan Seneegaal kaardii keello arge
Ibsa waa'ee suuraa, Kana booda, taphataan Seneegaal Imbaayee Ni'aang taphataa Kolombiyaa kuffisuusaatiin kaardii keelloon yoo itti baafameyyuu Seneegaal kan dorgommii irraa haqe garuu kana miti.
Kolombiyaan daqiiqaa 73 irratti dha ture Yeerii Miinaatii goolii jalqabaa kan lakkoofsiste
Ibsa waa'ee suuraa, Kolombiyaan daqiiqaa 73 irratti dha ture Yeerii Miinaatii goolii jalqabaa kan lakkoofsiste
Leenjisaa Seneegaal
Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Seneegaal Aliwoo Siisee taphattota isaa harak itti agrsiisaa yeroo tasgabbeessu.
Deeggartoota Seneegaal
Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni Seenegaal biyya jiran dhiphuudhaan yeroo daqiiqawwan dhumaa taphichaa daawwatan.
Taphattota fuula gaddaa
Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo fiishkaan dhumaa afuufamu gaddi fuula taphattoota irratti mul'ata ture.
Seneegaal Geeba Addunyaarra gaggeefamte
Ibsa waa'ee suuraa, Seneegaal Geeba Addunyaa 'nagaatti' jechuushee
Taphattoota Kolombiyaa lamaa fi Seneegaal tokko.
Ibsa waa'ee suuraa, Seneegaal jalqabumarratti dha kan kaardii keelloo arguu jalqabde.