Torbee Afriikaa suuraawwaniin: Onkololeessa 6-12, 2017

Maxxanfame

Suurawwan filatamoo torban kanaa Afriikaa keessaa fi kan Afriikaawwani addunyaa irraa filataman.

Ijoolleen dhiiraa Soomaalii magaalaa Moqaadishuu naannoo Hamaarweynee fuuldura gamoo dulloomaa jijjigetti guyyaa Jimaataa yeroo taphatanii fi daakan.

Ijoolleen dhiiraa Soomaalii magaalaa Moqaadishuu naannoo Hamaarweynee fuuldura gamoo dulloomaa jijjigetti guyyaa Jimaataa yeroo taphatanii fi daakan.

Lammii Afriikaa Kibbaa magaalaa Kep Taawoonitti tapha raagbii Ispiringboksii fi kan Niw Ziilaand All Blacks jedhamu dura gaafa Sambataa yeroo uffata aadaan faayame agarsiisu 07/10/2017.

Lammii Afriikaa Kibbaa magaalaa Kep Taawoonitti tapha raagbii Ispiringboksii fi kan Niw Ziilaand All Blacks jedhamu dura gaafa Sambataa yeroo uffata aadaan faayame agarsiisu

Balaa ibiddaa gaafa Sambataa magaalaa guddoo Gaanaa Akiraa keessatti konkolaataan boba'aa qabate erga boba'ee booda, Onkololeessa 08, 2017.

Balaa ibiddaa gaafa Sambataa magaalaa guddoo Gaanaa Akiraa keessatti konkolaataan boba'aa qabate erga boba'ee booda.

Dizaayinara Ayivoori Koost Miss Zaahuuyi agarsiisa dizaayinii gaafa Sambataa Abijaanitti agarsiifame irraatti, Abijaan 07/10/2017

Dizaayinara Ayivoori Koost Miss Zaahuuyi agarsiisa dizaayinii gaafa Sambataa Abijaanitti agarsiifame irraatti.

Ardii biraa, agarsiisa biraa. Diizaayinariin Angoolaa Naadir Taati gaafa Dilbataa torban faashinii Liizbanitti adeemsa adurreen miidhagde.

Ardii biraa, agarsiisa biraa. Diizaayinariin Angoolaa Naadir Taati gaafa Dilbataa torban faashinii Liizbanitti adeemsa adurreen miidhagde.

Tapha gulaallii waancaa addunyaa A.L.A bara 2018'f Gibxiin Koongoo waliin yeroo taphattuu dubartoota daawwatan, Aleksaandiriyaa, Gibxii - Onkololeessa 08, 2017

Taphni gulaallii waancaa addunyaa A.L.A bara 2018'f Gibxii fi Kongoo Biraazaavil gidduutti gaafa Dilbataa taasifame deeggartoota hedduu dirree kubbaa miilaa Borg El Arab Aleksaandiriyaatti argamu hawwate ture.

Ilmi dhiiraa lammii Gibxii gareen biyya isaa Kongoo Biraazaavil waliin yeroo taphatan TV irratti daawwatu.

Gareen Gibxii 2fi 1'n injifate jechuun waggoota kurnan lamaan gidduutti yeroo duraaf waancaa addunyaaf darban jechuu dha.

Atleetonni muraasa xumura torban darbe gammoojjii Tuuniziyaa 100km dheeratu keessa imalaniiru. Lammiin Morookoo Mohaammad eL-Moraabitii kan mo'e yoo ta'u waan dafqa isaa bakka buufatu kennameeraaf, Onkololeessa 07, 2017

Atleetonni muraasa xumura torban darbe gammoojjii Tuuniziyaa 100km dheeratu keessa imalaniiru. Lammiin Morookoo Mohaammad eL-Moraabitii kan mo'e yoo ta'u waan dafqa isaa bakka buufatu kennameeraaf.

Deeggarttoonni dhaaba Joorj Wiihaa (Coalition for Democratic Change jedhamu) deeggaran eenyu akka filatame baruuf raadiyoo yeroo caqasan.

Filannoon gaafa Kibxataa Laayibeeriyaatti erga taasifame guyyaa tokko booda deeggarttoonni dhaaba Joorj Wiihaa (Coalition for Democratic Change jedhamu) deeggaran eenyu akka filatame baruuf raadiyoo yeroo caqasan.

Poolisoonni gaafa Roobii mormii deeggarttoota dhaaba siyaasaa mormituu Keenyaa, NASA, to'achuuf yeroo dhaabatan, Naayiroobii, Keenyaa Onkololeessa 11/10/2017

Poolisoonni gaafa Roobii mormii deeggartoota dhaaba siyaasaa mormituu Keenyaa, NASA, to'achuuf yeroo dhaabbatan...

... seeraa fi nageenya kabachiisuun deeggarttoota pirezidaantii Uhuuruu Keenyaataas ilaallata, Naayiroobii, Keenyaa Onkololeessa 11, 2017

... seeraa fi nageenya kabachiisuun deeggarttoota pirezidaantii Uhuuruu Keenyaataas ilaallata.

Hojii aartii guddaa Johaanisbargitti artistii 'Falko'n akka tasaa gaafa Roobii hojjetame. Hojiin kuni namoota naannoo magaalaa imalanii fi nama kana hojjate agarsiisa, Onkololeessa 10, 2017.

Hojii aartii guddaa Johaanisbargitti artistii 'Falko'n akka tasaa gaafa Roobii hojjetame. Hojiin kuni namoota naannoo magaalaa imalanii fi nama kana hojjate agarsiisa.

Shubbistoonni Afriikaa Kiibbaa Johaanisbargitti gaafa Kamisaa shaakala xumuraaf aartii ' Snow White-The Ballet' jedhamuuf wal tajjIi seenuuf yeroo qophaa'an. Afrikaa Kibbaa, Onkololeessa 12, 2017.

Shubbistoonni Afriikaa Kiibbaa Johaanisbargitti gaafa Kamisaa shaakala xumuraaf aartii ' Snow White-The Ballet' jedhamuuf wal tajjIi seenuuf yeroo qophaa'an.

Suurawwan AFP, EPA, PA and Reuters