Dhimmoota ijoo walgahii Tiraamp, Shii Jiin Piingii fi Puutin irratti ka'u malu

Madda suuraa, EPA
Pirezidaanti Ameerikaa Doonald Tiraamp, hogganaa Chaayinaa Shii Jiinping fi Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin har'a yeroo jalqabaaf walga'ii seenaa qabeessa ta'e irratti wal arguuf jiru.
Walga'iin isaanii kun dhimma daldala addunyaa, dorgommii teeknooloojii, nageenya idil-addunyaa fi waraana biyyoota garaagaraa irratti xiyyeeffata jedhamee eegama.
Dhimmoota ijoo walga'ii kana irratti ka'uu malan keessaa:
- Waldhabdee daldalaa: Taarifni Tiraamp kaa'e sirna daldala addunyaa jeequu bira darbee, Chaayinaanis al-ergii meeshaalee barbaachisoo kanneen akka albuuda lafa keessaa argamu (rare earths) danquudhaan deebii kenniteetti. Waraana daldalaa kanaan walqabatee waliigalteen yeroo gabaabaaf taasifame, Amajjii keessa dhumata.
- Hubannoo namtolchee (AI) fi meeshalee kompiitaraa: Meeshaleen AI dorgommii teeknooloojii cimaa Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti taasifamaa jiru ta'aniiru. Dhiheenya meeshaleen gara Chaayinaatti seeraan ala dabarfamaa jiran jedhame irratti qorannoon akka gaggeeffamu taasiseera. Ameerikaanis dhimma kana balaa nageenya biyyaalessaati jechuun ilaalti.
- Meeshaalee niwukilaraa hir'isuu: Tiraamp, mariin Puutin fi Shii Jiinping waliin taasisan keessaa dandeettii meeshaalee niwukilaraa hir'isuu akka hammatu dubbateera. Haa ta'u malee, Chaayinaan meeshaalee niwukilaraa qabduun Ameerikaa fi Raashiyaa waliin yoo madaalaman garaagarummaan guddaan jira jechuun marii meeshaalee niwukilaraa hir'isuu irratti hirmaachuuf yeroo dheeraaf fedhii hin agarsiifne.
- Waraana Yukireen: Ogeeyyiin akka jedhanitti, faayidaaleen biyyoota hirmaatan walfaallaa ta'uu fi Yukireen marii keessatti hirmaachuu dhabuu isheetiin, waliigalteen bu'aa guddaa fidu uumamuun hin eegamu. Qondaaltonni Ameerikaa Tiraamp dhimma kana kaasuu dhiisuu mala jedhu.
- Waraana Iraan: Tiraamp dhimma waraana Iraan irratti walgahii kana irratti kaasuu akka barbaadu agarsiiseera. Moskoo fi Beejing Iraan waliin michoota seera qabeessa ta'uu baatanis, mootummaa Iraan waliin hariiroo tarsiimoo irratti hundaa'e qabu.











