Hoggantoonni Awurooppaa torban kana yaaddoo nageenyaa dabalaa dhufe ibsaa kan turan yoo ta'u, Volodiimir Zelenskiin gama isaatiin Gamtaa Awurooppaa gara marii nagaa kanaatti affeeruun marii taasifamu irratti "sagalee" akka qabaatu taasisa jedhaniiru.
Kushnarii fi Witkoof imala dippilomaasii hojiin itti baay'ate taasisuun Kamisa galgala magaalaa Dabliin keessatti Zelenskii waliin wal arganiiru.
Kanaan dura ganama Mooskoo keessatti Vilaadimir Puutin waliin kan wal argan yoo ta'u, Puutin ejjannoon Raashiyaan waraana kana irratti qabduu fi gaaffiin lafaa isheen dhiyeessitu akka hin jijjiiramne dubbataniiru.
Walga'iiwwan kunneen marii torban darbe Abuu Dhaabiitti taasifamee waraana kana dhaabuuf furmaata fiduu dadhabe hordofanii kan dhufani.
Ta'us, Kamisa darbe Raashiyaa fi Yuukireen waljijjiirraa booji'amtoota waraanaa kan biraa irratti waliigalaniiru. Kunis erga Raashiyaan bara 2022 weerara guutuu jalqabdee as waljijjiirraa isa guddaadha.
Kushnar waljijjiirraan "booji'amtoota waraanaa kun kumaatamaan lakkaa'aman gara maatii isaaniitti deebisa" kan jedhan yoo ta'u, garuu bal'inni odeessa kanaa jechuunis kanneen akka baay'ina booji'amtoota waljijjiiramanii ykn yeroo itti raawwatamu hin ibsamne.
Tiraamp itti aanaa isaa JD Vaans marii nagaa Iraan fi US keessaa hir'ise
Microsoft rakkoo kana furuuf waldhaansoo gochaa jira. Jalqaba irratti tattaaffiin rakkoo kana furuuf taasisaa jiru "bu'aa gaarii" argamsiisaa jira jedhus, boodarra garuu sirreeffamni taasifamaa jiru "akka yaadametti" deemaa akka hin jirre ibseera.
Microsoft addaan cituun kun haleellaa saayibariitiin (cyber-attack) kan uumame ta'uu akka hin dandeenye ibseera. Ogeessi tokko garuu kun hanqina dandeettii guddaa akka agarsiisu dubbateera.
Dhaabbileen miliyoonaan lakkaa'aman tajaajila Microsoft kan fayyadaman ta'uu tilmaamama. Kunis dhaabbilee teeknooloojii gurguddoo kanneen akka OpenAI fi Anthropic kan dabalatu yoo ta'u, lamaan isaaniiyyuu sababa addaan cituu kanaan rakkoon akka isaan mudate gabaasaniiru.
Addaan cituun kun tajaajila hawaasaa dabalatee gaaga'ama bal'aa uumuun tajaajiloota Microsoft hedduu danqeera.
Garuu immoo toora interneetii irratti madda qoosaa hedduu ta'eera.
Mariin araaraa US fi Iraan hatattamaan itti fufuu qaba- Turkii
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Iraan Masud Pezeshkiyaa fi Kan Turkii Recep Tayyip Erdogan
Jeneraalichi gaaffii fi deebii televijiinii Iraan irratti taasisaniin kana kan jedhan yoo ta'u, dhaabbanni oduu mootummaa Iraan Roobii darbe viidiyoo haasawa isaanii maxxanseera.
“Tiraamp fi Netaaniyaahuu ni ajjeesna,” jechuun qondaalli waraanaa kun wayita dubbatan viidiyoo irraa ni dhaga’ama.
Gaaffii fi deebii sana irratti, dooniiwwan waraanaa US hundi yeroo ammaa Iraan irraa km 500 fagaachuun akka argaman himaniiru.
Akka jeneraal Heydaariin jedhanitti, tarkaanfiin kun kan fudhatame humnoonni Iraan baatii Fulbaana darbe dooniiwwan waraanaa US lama irratti haleellaa raawwachuuf yaalii taasisuun boodadha.
Qondaalli waraanaa kun ammallee misaa'iloonni fi meeshaalee waraanaa iccitii ta’an hin mul’anne akka jiran akeekkachiisaniiru. Yoo waraanni haaraan ka’e, humni waraanaa Iraan meeshaalee fi dandeettiiwwan kana ifa gochuu akka danda’u dubbatan. Iraan Tiramp fi Netaaniyaahuu ajjeesuuf dhaadachuun kun kan jalqabaa miti.
Amma nu gahe, Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa Kaarik ari'e
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Kaarik bara dorgommii darbe Yunaayitid sadarkaa 3ffaan akka xumuru gumaachee ture