Ministirri Ittisaa US waan heera sarbeef aangoorraa kaafamuu qaba - Miseensa Kongiresii

Rippaabilikaaniin miseensa kongiresii tokko torban kana Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ameerikaa keessatti Ministira Ittisaa US Piit Heegset aangoorraa kaasuuf sagaleen akka kennamu dhiibbaa uumuuf karoorfateera.
Toomaas Maasii Heegset heera Mootummaa Ameerikaa cabseera jechuun himate.
“Hayyama Kongiresii malee guyyoota 90 ol Iraan keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessuudhaan Heegset seera cabseera. Kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu qaba,” jedhe
Yaaliin kun milkaa’uu dhabuu danda'a jedhamee tilmaamama; sababiin isaas miseensi Rippabiliikaanotaa kun hanga Amajjii bara dhufuu qofatti Kongireessii keessa tura.
Garuu Toomaas Maasii Dimookiraatonni Tiraampiin aangoorraa kaasuuf adeemsa mataasaanii eegaluu dura Heegset nama biraatiin akka bakka buusu dhiibbaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibseera.
Heegset yaalii aangoo irraa isa kaasuu kana himannaa sobaa fi bu’aa hin qabne jechuun, hojii gaarii hojjechaa jiraachuu ibsuun falmateera.
Hojii bu'a qabeessa hojjetaa waan jirruuf nurratti xiyyeeffatu jedhe.
Miseensa Kongiresii mufataa fi injifatamaa jechuunis Toomaas Maasii arrabse.
Waa'een himannaa ykn yaaliin aangoorraa isa kaasuuf taasifamu akka isa hin yaaddessines dubbate.
Yeroo ammaa mana maree keessa Rippaabilikaanota 218 fi Dimokiraatota 214 tu jiru.












